Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mulaatuu Teshoomee waayee Eertiraa 'yaada dhuunfaa' kataban - Mootummaa Itoophiyaa
Pirezidantiin duraanii Itoophiyaa Mulaatuu Tashoomee barruu Aljaziiraaf erganii maxxanfameefi hariiroo Ertiraafi Itoophiyaa ammaa agarsiisa jedhame yaada dhuunfaasaaniitii jedhe mootummaa Itoophiyaa.
Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoopihyaa Nabiyaat Getaachew Jimaata Guraandhala 28/2025 ibsa miidiyaaleef kennaniin ''Pirezidantiin duraanii muuxannoo qaxanaa kanatti qaban bu'uura godhachuun yaada dhuunfaa isaanii kennan'' jedhan.
Yaadni torban darbe keessa bahe hariiroon biyyoota lamaanii hammaachuu kan agarsiise, qaxanaa kanattis yaaddoo nageenyaa kan dabale ture.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa isaa kanaan yaadichi kan dhuunfaa malee yaada mootummaa Itoophiyaa akka hin taane ibse.
Yaadni dhuunfaa maqaa Pirezidantii duraanii Dr Mulaatuu Teshoomeen dhiyaatee Aljaziiraa irratti qoodame pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Kaaba Itoophiyaatti ammas walitti bu'iinsa hammeessuuf hojjechaa jira'' jechuun himata.
Barreefama kana hordofees Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee GabraMasqal miidiyaa hawaasaa gubbaa ibsa abxii 10 kaahaniin himannichaan ''soba'' jedhaniiru.
Dabaluunis ''shira rakkoo uumuu yaadan nutti qabatan'' jechuun ''dubbii barbaachadha'' jedhan.
Ibsi aanga'aa Ertiraa kun kan irratti xiyyeefatee deebii kenne pirezdantii duraaniif ta'uu caala Itoophiyaafi bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad ture.
Mootummaan Itoophiyaa deebii mootummaa Ertiraa irratti yaada osoo hin kenniin erga turee booda ibsa idilee Jimaata kennamu irratti yaadni dubbii ijoo biyyoota lamaaniifi qaxanichaa ta'e yaada dhuunfaa Dr Mulaatuu ta'uu kan hime.
Mata dureen barreeffama Dr Mulaatuu ''Gaanfa Afrikaatti walitti bu'iinsa biraa dhalachuurraa hambisuuf yeroonsaa amma'' jedha.
Keessattis ''waraanni hojii ijoo mootummaa Ertiraati, dhimmi itti qabames isa'' jedhaniiru Dr Mulaatuun.
Dr Mulaatuun waltajjiiwwan mootummaan Itoophiyaa qopheessurratti ni mul'atu, ifatti aangoo mootummaa waliin hidhata qaburra jiraachuu hin mirkaneessine.
Dr Mulaatuun Waliigalteen Piriitooriyaa waraana Kaaba Itoophiyaatti xumura godhe dhiibbaa Pirezidant Isaayyaas naannichatti uumu fedhan gufachiiseera, waliigalticharraas gammachuu hin qaban jedhaniiru.
Ammas aanga'oota ABBUT(TPLF) gidduu dhibdee uumame akka carraatti fayyadamuuf fedha qabaachuu akkaasumas naannoo Amaaraa keessa milishaan akka ijaaramu gochuun pirezidant Isaayyaas himatan.
Dabalataan dhimma Itoophiyaa keessa harka galfachaa jiru jechuunis himatan.
Himannaawwan kunniin ilaalchisee Ministirri Odeeffannoo Ertiraa deebii kennaniin mootummaan Itoophiyaa ''ji'oota darban dubbii barbaacha sababa hin qabneefi jabaa ta'e'' gaggeessaa jira jedhan.
Dabalataanis Itoophiyaan ''ka'umsa rakkoolee qaxanaa kana mudataniiti'' jedhan.
Ammoo biyyisaanii dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galuuf fedha akka hin qabaanne dubbatan.
Dr Mulaatuun seenaa faalleessanii dhiyeessan jechuun kna himatan Yamaaneen waraana Kaaba Itoophiyaa keessa kan hirmaatan affeerraa mootummaa Itoophiyaan ta'uus dubbatan.
Maddi rakkoo Itoophiya amalee iddoo biraa miti kan jedhan aanga'aan Ertiraa kun Itoophiyaan rakkoolee fi walitti bu'iinsa mudataniif qaama laatti quba qabuun Ertiraatti qabacha ajirtii jedhaniiru.
MM Abiy Ahimad aangoo akkuma qabataniin hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa waggoota hedduuf rakkoo galee ture furame. Achiis waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti waltumsuutti ce'ee ture. Xumura waraana sanaa booda garuu halonni hedduun jijjiiramanii mul'ataniiru.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.