Mohammad Saalaan goolii malee akkanaan itti fufuun na yaaddessa- Siloot

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan Liiverpuul Arne Siloot taphataan kilabichaaf murteessaa ta'e Mohammad Saalaa ga'umsa amma irra jiruun itti fufuusaa arguu akka hin barbaanne ibsan.

Saalaan Liiverpuul keessatti taphataa ga'umsa olaanaa qabudha. Bara darbe kilabichaaf goolii 29 galchuun 18 ammoo mijeessee kenneera.

Raawwiin isaa kun milkaa'ina kilabichi waancaa nyaachuun galmeesse keessatti qooda olaanaa gumaache.

Taphataan biyya Afrikaa, Masirii umrii waggaa 33 kun bara kana garuu hanga ammaatti Liiverpuuliif goolii sadi qofa galche.

Yeroo kilabichi maallaqa paawundii miiliyoona 415 baasuun taphattoota jajjaboo bitee waancaa dabalachuuf kutatee ka'etti ga'umsi Saalaa haala hin eegamneen gadi bu'e.

Dilbata darbe Anfiildi irratti Maanchistar Yunaayitidiin kan injifataman dabalatee yeroo afur walitti aansuun kan mo'aman Arne Siloot, tapha Chaampiyoonsi Liigii Eyintiraakti Firaankifart waliin Roobii darbe taphatan irratti Saalaa teessoo irra kaa'anii tapha jalqaban.

Leenjisaan Liiverpuul kun tapha Piriimer Liigii torbee saglaffaa irratti Jimaata wayita ibsa kennan waa'ee ga'umsa Saalaa gaafatamuun ''dhimmi ijoon inni yeroo mara Liiverpuuliif nama goolii lakkoofsisuudha,'' jechuun deebisan.

''Mohammad Saalaa goolii galchuutti deebi'uunsaa na yaachisa. Kana jireenyasaa guutuu gochaa ture, torbanoota fi ji'oota itti aananitti goolii lakkoofsisuutti akka deebi'u nan abdadha.''

Siloot jijjiirraa taphattoota bara kanaan taphattoota jajjaboo akka Aleksaandar Isaak, Huugoo Ekitikee fi Filooriyaan Wiirzi gareesaaniitti dabalaniiru.

Tapha Firaankifarti irratti taphattoota kunneen fayyadamaniiru. Garuu lammiin Siwiidiin falmii yeroo dheeraa booda Liiverpuulitti dabalame Isaak boqonnaa dura miidhamee ba'e.

Kun tarii akka Mohammad Saalaa tapha Bireentifoord waliin Sambata taphatan irratti jalqabarraa hiriiree taphatu taasisuu danda'a.

Saalaan erga bara 2017 Liiverpuul seenee as akka bara kanaa walitti aansee kubbaa peenaalitii hin taane osoo hin lakkoofsisin turee hin beeku.

''Waliigalatti kubbaa miillaa keessatti taphattoonni carraa dhabuu danda'u. Innis dhala namaati waan ta'eef carraa dhabuu danda'a. Inni carra dhabeessa ta'ee arginee waan hin beeknefidha,'' jedhan Siloot.

Leenjisaan Liiverpuul kun taphattoonni haaraa dhufan akkasumas Tireent Aleksaandar-Arnooldi kilabicha gadhiisee gara Riyaal Maadiriid deemuun akkaataa tapha Saalaa irratti dhiibbaa uume qaba jedhan.

Keessattuu akkaataa taphataan kun tapha itti jalqaburratti jijjiramni akka mudatu taasiseera jedhan.

''Aleksaandar-Arnoold kilabicha gadhiisuun isa miidheera. Erga Liiverpuul seenee taphataa kana waliin qindoomina gaariin taphataa ture waan ta'eef. Yeroo inni [Aleksaandar-Arnoold] ture Saalaan bakka goolii galchuuf mijatutti kubbaa argataa ture.''

'Ga'umsi Saalaa gadi bu'uura jechuuf yeroon ganaadha'

Bara darbe yeroo akkasii Mohammad Saalaa goolii torba galchee, torba ammoo mijeessee kenneera. Bara kana lameenuu irratti sadi qofa qaba.

Bara taphaa Piriimer Liigii darbeen taphataa goolii hedduu galche ta'uun Kophee Worqee kan badhaafame taphataan kun barana taphataa goolii hedduu qabu Erliing Haalaand duuba goolii saddeetiin hafeera.

Waahillan isaa Koodii Gaakpoo fi Huugoo Ekitikee isa caalaa goolii galchaniiru. Saalaan garuu kubbaa gooliif ta'u (sadi) mijeessee kennuun isaan caala.

Garuu ga'umsa waliigalaa Saalaa hanga ammaatti jiru yoo ilaalle waan abdii nama kutachiisu miti.

Hanga ammaatti carraa 19 Liiverpuuliif uumeera, bara darbe tapha 12 irratti carraa 21 uume. Kubbaawwan bu'a argamsiisan taphattoota gareesaaf dabarsuun carraa uumuu irrattis kan bara darbee caalaa hojjeteera.

Garuu bara kana maaliif lakkoofsi goolii inni lakkoofsisuu qabu akkaan gadi bu'e?

Bara darbe gara xumuraa irrattillee mallattoon kun taphataa kanarratti mul'atee ture.

Taphoota 11 irratti goolii sadi qofa galchee ture, baranas haaluma sanaan itti fufe.

Saalaan Liiverpuul keessatti taphattoota kaan caalaa kubbaa tuquun beekama. Yeroo hunda kubbaarraa fagaatee hin beeku. Barana garuu Liiverpuul taphaticha kubbaa biratti arguufuu rakkateera.

Dirree keessatti bara kamuu caalaa kubbaarraa fagaatee mul'ata.

Bara kana saanduqa peenaalitii garee faallaa keessatti kubbaa tuquu irratti lakkoofsi inni qabu giddugaleessaan 6.2, lakkoofsi kun bara darbe 9.6 ture.

Kubbaa qabatee olii gadi oofuun mijeessee dabarsuu ykn gara goolii faallaatti geessuu irrattis ga'umsi isaa bu'eera.

Tapha 12 irratti gama kana hundaan ga'umsi taphataa kanaa gadi bu'eera jedhanii dubbachuun ulfaatus, garuu lakkoofsi goolii isaa hanga bara kanaa gadi bu'ee hin beeku.

Kanaafuu ga'umsi Saalaa bu'eera jechuuf yeroon ganaadhaa? Eeyyeen ganaadha.

Namoonni hedduun umriinsaa deemaa jiraachuudhaan walqabsiisu.