Anga’aa bilbila harkaa kufe baafachuuf jecha bishaan hidha guutuu waraabsise

Hidha bishaanii bililaaf jecha akka waraabbamu taasifame

Madda suuraa, @RAMANMANN1974

Maxxanfame

Indiyaatti aanga’aa olaanaan naannoo tokkoo, Rajesh Vishwas silikiin harkaasaa bishaa keessa jalaa buunaan bishaan hidha guutuu keessaa akka waraabamu taasise.

Aanga’aan kunis bilbilli harkaasaa kan hidhicha keessa jalaa bu’e osoo ofee ka’aa jiruu ta’un gabaafame.

Waan aanga’aa olaanaan kun raawwates biyyattii keessatti ijoo dubbii ta’aa jira.

Bilbilli harkaa aanga’aa kanaa baayyee qaaliidha jedhames ‘Samsung’ yoo ta’u, gatiin isaa ammaan tana gabaarratti doolaara 1,200 baasa jedhameera.

Maallaqni kunis maallaqa biyyattii Ruuppiitti kuma 100 akka ta’e tilmaamama.

Bilbilli harkaa aanga’aa kanaatis kan bishaan keessa akka tasaa jalaa bu’e hidha Karkaataa jedhamuun beekamu keessatti ture.

Hidhi Kaarkaataa jidduu gala HIndiyaa bulchiinsa Chaatiisigaarii keessatti argama.

Bilbilli aanga’aa kanaa erga bishaan hidha guddaa kana keessatti harkaa kufee boodas namoonni ogummaa bishaan daakuu qaban waamamuun akka bishaanicha keessa lixanii bilbilicha baasaniif baayyee yaalan illee osoo hin milkaa’in hafeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan booda ture aanga‘aan kunis bishaan hidhichaa guutuun akka keessaa waraabamuuf kan ajaja dabarsan.

Hidhicha keessaa bishaan ujummoodhaan waraabsiisee fixuuf guyyoota sadii kan itti fudhate yoo ta’u, dhumarratti bilbillisaa argamulleen deebii’ee hojjachuu akka hin dandeenyeetu himame.

Aab Vishwas bilbillisaa odeeffannoo cimaa mootummaa ilaallatu waan qabateef bishaan hidhicha keessaa waraabsiisuuf akka dirqme himuun falmate.

Haata’u malee aanga’aan ittigaafatamaa Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaata naannichaa ta’e kun, aangoosaatti haala malee fayyadameera jedhamuun aangoorraa kaafameera.

Inni garuu bishaanicha waraabsiisuun dura hogganaa isaa irraa jechaan hayyama argachu miidiyaa biyyattiitti himeera.

Bilbila nama kanaa baasuudhaaf bishaan liitira miiliyoona lamaa ykn jerikaanii kuma 440 qisaasameera jedhame.

Ammi bishaan qisaasamee kunis yoo xinnaate lafa qonnaa heektaara 600 misoomsuuf kan gahuudhas jedhameera.

Aanga’aan kunis gochaa isaa kanaan akka itti gaafatamaniifi ammattis hojiirraa dhorkamu miiidiyaaleen Indiyaa gabaasan.

Namni siyaasaafi Ittaanaa Pirezidantii paartii mormituu biyyattii BJP gochaan aanga’aa kanaa aarsee tokkos, toora tiwitara irratti, ‘‘bona kanaan namoonni dheebuu bishaaniitii wayita rakkatan, bishaan taankara keessaa qaban yaaddoon ilaalaa jiran kanatti, aanga’aan mootummaa kun bishaan lafa heektaara hedduu misoomsu yoo qisaaseessu callisanii ilaalamaa?’’ jechuun barreessaniiru.