Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaalli miliyoonaan lakkaa'amu Arittaa Firaankiliin dhiistee duute soofaa keessaa argame
Weellistuufi qabsooftuun beekamtuu Ameerikaa Arittaa Firaankiliin bara 2018 yeroo du'aan godaantetti qabeenya dhaalamu hin qabdu jedhamee bira darbame ture.
Giiftii muuziqaa sooloo kun ijoollee qabduuf ergaan dhaamte akka hin jirre fudhatamee ture.
Ji'oota muraasaan booda garuu waraqaawwan qabeenya qabdu ibsuun barreessitee keesse mana jireenyaashee Michigaan jiru keessatti girgijjii [madardaraa] fi soofaa jala dhokfamee argame.
Waraqaa isa kamitu sirriidha kan jedhu manni-murtii akka murteessuuf ijoolleen ishee dhimmicha mana-murtiitti dhiyeessan. Adeemsi murtii dhimma kanaa Wixata kaleessaa kan jalqabe yoo ta'u, yeroo torban tokko ta'een gaditti xumurama jedhamee eegama.
Dhaddachi abbootii seeraa afuriin gaggeeffamaa jiru kun ragaawwan maatiishee, ijoolleesheefi ogeessota barreeffama harkaa dhaggeeffata.
Badhaasa Giraamii si'a 18 kan mo'atte Firaankiliin baroota milkaa'inaa hedduu dabarsiteetti. Dhukkuba waggootaaf irra ture qabaattullee ergaa dhaalmaa ifatti beekamu osoo hin dubbatiin ykn hin barreessiin turteetti.
Umurii waggaa 76tti osoo ergaa dhumaa hin dhaammatiin lubbuun ishee yeroo darbetti, ijoolleenshee afran qabeenyashee qixa hiratu jedhamee ture. Haata'u malee, erga duuteen booda waraqaan harkasheetiin waa'ee dhaamsaa yeroo duutuu barreessite argame.
Ilmishee tokko dhaamsi sirriin kan bara 2010 barreeffameefi [madardaraa] keessatti itti qollofamee turedha jedhee qabatee dhufe.
Gama biraan ammoo ijoolleenshee lamaan ammoo bara 2014 keessa dhaamsa yeroo du'aa barreeffameedha jedhanii soofa keessa dhokfamee turetu sirriidha jedhanii dubbatu.
Dhaddacha Wixata oolerratti haati-seeraa tokko "dhaamsi dhaalaa yeroo du'aa sirriin isa bara 2014 isa ture ta'uu dubbatteetti.
Ergaawwan dhaamsaa lamaanuu qabeenya hirmaachuurratti garaa garummaa qabaatanis muuziqaafi mirga abbummaa isaarratti mirga akka qaban ibsu.
Ilmi sadaffaa Arittaa Tewodoor Waayit ammoo ergaan dhaamsa yeroo du'aa sirriin isa bara 2010 barreeffamedha jedha. Ergaan bara 2010 barreeffame kun inni bakka bu'aashee isa sirrii akka ta'e kan ibsu qaba.
Akka ergaa isa bara 2010 barreeffame jedhame kanaatti inniifi ijoolleen isaa mana dolaara miliyoona 1.2 ta'e dhaalu.
Gama biraan ammoo ijoolleen ishee lamaffaafi afraffaan ammoo dhaamsi sirriifi haati isaanii yeroo dhumaatiif keesse isa bara 2014ti jechaa jiru.
Ilmi ishee inni angafaa Kilaarens Firaankiliin garuu atakaaroo kana keessa seenuurraa of dhorkeera.
Jalqaba bara kanaa waraabbiin sagalee sadii mana-murtii Michigaan qaqqabeera.
Waraabbii sagalee osoo Firaankiliin hin du'iin ji'oota dura taasifameen, ogeessa seeraa waliin dubbachuun sanada dhaamsa yeroo du'aa qopheessuuf hojjechaa jiraachuu ibsa.
Ta'us garuu manni-murtii sanada kana osoo hin fayyadamiin hafeera.
Arittaa Firaankiliin yeroo duutetti qabeenyishee dolaara miliyoona 80 akka ta'e tilmaamama ture. Haata'u malee, idawwaan gibiraa hedduu hin kaffalamiin irra jira ture. Kana malees, erga sana asitti hanga maallaqni kun gahu tilmaamuun ammatti rakkisaa ta'a jedhameera.
Akka ragaan mana-murtii qaqqabeefi BBCn argee mirkaneesse agarsiisutti qabeenyi waliigalaa weellistuu kanaa yeroo ammaa miliyoona ja'aa gaditti bu'eera.