Bolaa Tinubuu Pirezedantii haaraa Naayijeeriyaa ta’uun filataman

Bolaa Tinubuu buufata filannoo torban darbe wayita qaqqaban

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Kaadhimamaan paartii Naayijeeriyaa bulchaa jiru dhiyeesse Bolaa Tinubuu filannoo Pirezedantummaa injifatan.

Qondaalli siyaasaa gameessi ganna 70 sagalee 36% argachuu firiin filannoo ibsame kan agarsiisu.

Morkataa isaa Atikuu Abubakar 29% yoo argatu, Paartii Leebar irraa Piitar Obii sagalee 25% argate.

Paartileen kunneen jalqabarratti burjaaja’eera jedhanii fudhachuu erga diduun filannoon akka irra deebi’amu barbaadan.

Obbo Tinubuun qondaalaa siyaasaa biyyattii hunda caala dureessa yoo ta’an, duula filannoorratti wayita bulchaa Leegos turan magaalicha deebisanii ijaarurratti qooda qaban itti gargaaramaniiru.

Haa ta’u malee, magaalaa Leegositti morkataa Obbo Tinubuun kan ta’e Piitar Obiitu filannicha injifate.

Obiin qondaalota siyaasaa kanneen biroo waliin wayita wal bira madaalamu qondaala siyaasaa haaraa yoo ta’u, magaalota keessatti dargaggoota hedduu gurmeessuun sirna siyaasa biyyatti paartii lama qofa qabu geddare.

Obbo Tinubuun naannoo keessatti dhalate fi hedduu keessatti beekamu kutaa bulchiinsa Kibba-Dhiha Naayijeeriyaa harka caalutti filannoo kana injifateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Tinubuun duula filannoo pirezedantummaa kanarratti dhaadannoo ‘’dabareen kooti’’ jedhuun duula gaggeessaa turan.

Pirezedant Mohaammadu Buharii si’a lamaaf filatamanii erga biyyattii bulchanii booda aangoorraa bu’uuf kan jiran yoo ta’u, barri bulchiinsa isaanii guddina dinagdee harkifataa fi tasgabbii dhabiinsa guddaan biyyattii keessa ture.

Riphxee loltoonni Islaamistoota Kaaba Baha biyyattii kessaatti hammaachuurraa hanga namoota butanii gadhiisuuf maallaqa gaafachuutti , akkasuma Kibba-Bahaa biyyatti keessatti ammoo warreen biyyattiirraa fottoqu barbaadan haleellaa qaqqabsiisaa turan.

Obbo Tinubuun rakkoolee biyya ummata Afrikaa keessaa hunda caala baayyee qabduu fi boba’a biyyoota birootti ergitu kanaa furuutu eeggata.

Obbo Tinubuun bulchinsa waraanaa biyyatti keessa ture wajjin wal dhabnaan biyyaa baqatanii erga turanii booda bara 1999 namoota dimokirasiin biyyattiitti akka bu’uureffamu taasisan keessa tokko ta’an.

Obbo Tinubuun Pirezedant Buharii bakka bu’uuf nama filatamedha- isatu Buhariin akka Pirezedantii ta’ullee gargaare ture.

Obbo Tinubuun guddina dinagdee biyyattii laamshaa’e qajeelchuuf fi tasgabbii dhabiinsa biyyattii keessatti mul’atu fala barbaaduun isaan eeggata.