Biyya amantaa keessatti amantaatti garmalee cichuun balaa akkamii qaba?

Iddoon waaqeeffanna amantiin Odinaani haleellaaf saaxilamaadha, qondaaltoonni  irraa itti ittisuurratti baayyee hin dhimmaman
Maxxanfame

Naayijeeriyaatti wal danda’uun amantii- dhimma ijoo falmii filannoo bara ittaanu biyyattiin gaggeessituu dhuunfachuuf jirudha.

Naayijeeriyaan biyya garri Kaaba hordoftoota Muslimoota, garri Kibbaa biyyattii ammoo kanneen Kiristaana hordofaniin bakka gurguddoo lamatti adda hiramte.

Heerri biyyattii garuu walabummaa amantii ni eeyyama. Biyyattiin amantii biyyaaleessaati jedhame addatti labsattee hin qabdu.

Kana malees, naannoleen 36 biyyattiin qabdus amantii tokkicha addatti labsachuu hin danda’an.

Akkasumas, heerri biyyattii loogii sababii amantiin taasifamu dhorkeera.

Taatullee, namoonni iddoowwan hordoftoonni amantiisaanii muraasa ta’an jiraataniitti loogiin irra akka qaqqabu himatu. Akkasumas sodaadhaan jiraatu.

Biyyattii keessa hokkorri amantiin walqabatuu mudachuun ammoo sababa ijoo namoonni kunneen akka sodaataniif madda ta'udha.

''Waaqeeffachuuf bilisummaa hin qabnu. Akka muslimaa tokkotti yoo uffatte rakkoo keessa seenta.

Kanaafu, ''miidhaan akka nurra hin geenyeef jennetu amantii keenya dhoksina,’’ jedhe Ibiraahim Beello BBCtti hime.

Ibiraahim Kibba-Baha Naayijeeriyaa keessa kan jiraatu yoo ta’u, amantii Islaamaa hordofa.

Obinnaa Naadii ammoo Kiristaanaa Kaaba bulchiinsa Kaaduna jiraattu yoo taatu, isheenis haaluma walfakkatuun akka sodaataa jiraattu himte.

'‘Amantii kiyya hordofuuf nageenyi waan natti hin dhagahamneef jecha waantan qabu xaxadhee achii bahe gara maatii koo deemuutu narra ture,’’ jette.

Kaaabni Naayijeeriyaa seeraan Islaamaatu jira, garri Kibbaa Kiristaanota

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltonni Naayijeeriyaa waldanda’uu amantaa uumu jedhanii lammilee biyyattii hin amanan.

Ibiraahim Beello, haleellaan yoo nurra qaqqabu kan keenya oduu hin ta’u, yoo Islaamistoonni Kaaba-Baha biyyattii haleellaa qaqqabsiisan malee jedhe.

Islaamistoonni hordoftoota amantii Kirstaanaafi Islaamaas haleeluun irra deddeebiin himatamu.

Paartiin Naayijeeriyaa bulchaa jiru ‘All Progressive Congress (APC) ammoo erga biyyattiin bara 1999 sirna dimookiraasitti deebitee as Pirezedantii fi Pirezedantii Ittaanaa Kiristaana fi Muslimaa muuda.

Pirezedantiin Naayijeeriyaa Muhaammadu Buharii, Muslimaa Kaaba biyyatti keessa bahani, Pirezedantii Ittaanaan isaanii Yemii Osinbajoo ammoo Kirstaana Kibba biyyattii keessaa dhufani.

APC bakka bu’uun filannoo Pirezedantummaaf bara dhuftuuf kan dorgoman Bolaa Tinubuu garuu, muslimaa Kibba biyyattii keessaa dhufanii yoo ta’an, Ittaanaa isaanii Muslimaa Kaaba  biyyattii keessa kan baha Kashim Shettimaa taasifataniiru.

Namoonni muraasni dhimmi kun muddama biyyattii keessatti hammeessu mala jedhu.

Ragaaleen akka agarsiisanitti, haleellaan giddugaleessaan ji’atti Kirstaanota biyyattiirra qaqqabu bara darbe %25’n dabaluu agarsiise.

Ragaa kana kan galmeesse ‘The Armed Conflict Location and Event Data Project’ haleellaa Bookoo Haraam qaqqabisuun alatti,  dhimma amantiin walqabatuun Muslimootarra haleellaa gahu addatti hin galmeessine .

Namoonni muraasni Kibba-Baha biyyattii iddoo hawaasni Igiboo baayyinaan  keessa jiraatanitti miidhaan irra akka qaqqabu himataniiru.

Ayishaa Obii, muslimaa hawaasa Igiboo keessa baatedha. Iddoo hordoftoonni amantii Kistaanaa itti hedduumataniidha.

Ayishaa akka jettutti, dubartoonni uffannaa akka amantii Islaamaa ajajutti uffatan ni diinoftamu.

Wal waraansa bara 1967 biyyattii keessa ture hordofee qondaaltoota hawaasa muslimaa Hawusaa-Fulanii  kanneen Kaaba biyyattii jiraatani fi mootummaa biyyatti dhunfatan jibbun inuma jira jette.

''Akka nama badii uumuutti si ilaalu,’’ jette Ayishaa Obii.

Konkolaataa keessatti ykn doqdoqqeeerratti si argan ‘’warra Hawusaa,’’ jedhanii si waamu, Maaltu beeka waan isaan baatan tarii boombii ta’uu danda’aa,’’ siin jedhu.

''Namoonni kun namni Igiboo keessatti  dhalate  Muslimaa ta’uu hin qabu  jedhanii yaadu’’jette.

Ayishaa Obiin akka jettutti, irra deddeebiin haleellaan  namoota dhuunfaa fi maasjiidota naannichatti argamaniirra qaqqaba, qondaaltoonni biyyattii garuu akka waan jabaatti hin ilaalani jette.

''Nun amanan, Yeroo miidhaa nurra gahe yeroo itti himanne, waraana amantii kaasuu barbaaddan nuun jedhu,’’ jette Ayishaa Obii.

Luba Kaaleb Ahimaa, Pirezedantii Waldaa Kirstaanaa Naajeeriyaati. Luba Kaaleb, bakki jireenyaa naayijeeriyaatti sababa loogiin amantii ta’uu amanamaniiru.

Kaaba Baha Naayijeeriyaa, Boornoo keessatti Kiristaanummaa barsiisuun hin eeyyamamu. Kirstaanoonni waldaa amantaa ijaarrachuu hin danda’ani,’’ jedhan.

Namoota faarfataa jira

Madda suuraa, AFP

Qoollifanna sababa amantii

Rifkatu Aniyaa, waggaa 22'n  kana abbaan warraa ishee hokkora amantiin walqabatuun kan ajjeefame

Rifkatu Aniyaa, bulchiinsa iddoo Kiristaanonni itti heddumatanii keessaa Kadunaa jedhamu baate.

Abbaan warraa ishee paastaarii waldaa ture bara 2000tti erga ajjeefamee asitti  tasgabbiin natti dhaga’amee hin beeku jette.

Magaalaan naannoo Rifkatu Aniyaan keessa jiraattus Kadunaa jedhamu, bara 2000 irraa kaasee iddoo Kiristaanotaa fi Mulsimootaa jedhamee addatti hirameera jedha jiraataan magaalichaa Imeka Okiyii, Kunis bilisummaa amantii isaanirratti dhiibbaa uuma.

''Amantiin barbaade akka hin hordofneef dhibbaatu jira jedhee Kibba  magaalaa Kadunaa keessatti dubbachuu hin danda’u,’’jedhe.

Taatullee, Kirstaanoonni warreen  qarqara gara Kaabaa jiraan keessatti  waldaa Kirstaanaa dhaabuu akka hin dandeenye nan beeka jedhe.

Amma hordoftoota isa dargaggoota ta’an qabachuun deebi’ee jabaachaa jira.

Hordofaan amantii Odinaani kan ta’e Chukwemeka Ogbodoo, akkaatan dhimmi amantii itti ilaallamu heera Naayijeeriyaa keessatti tumamee fi akkaata namoonni ilaalama jiraan dugdaafi garaadha jedhe.

''Paastaroonni waantota wayyuu ykn safuu ta’an gubu. Yeroo Kiruuseediitti Paastaroonni hambaalee akaakilee keenyarraa dhaalle gubu,’’ jechuun, Kiristaanoonni iddoo waaqeffannaa ganamaa isaaniirraa miidhaa qaqqabsiisuu hime.

Mootummaa labsii heerri kaa’e kan kabachiisurratti kan cichu yoo ta’e,  namoota gargaaruu fi yakkamtoota ammoo seeratti dhyeessuu qaba,’’ jedhe Chukwemeka Ogbodoo.