Qondaalli siyaasaa Doolara 500,000 waliin to’atame

Madda suuraa, RIVERS STATE POLICE COMMAND
Qondaalli siyaasaa Naayijeeriyaa, Chinyere Igiwee jedhaman filannoo biyyaalessaa biyyatiitti gaggeeffamuuf guyyaa tokko qofti wayita hafetti Doolara Ameerikaa 498,100 waliin to'atame.
Maallaqni qabames, maallaqa seeraan ala daddabarsuun shakkamutuu hidhame.
Maallaqa jedhame kunis poolisii biyyattiin kan konkolaataa Aab Chinyere Igiwee keessatti qabe.
Chinyere Igiwee, miseensa paartii mormituu PDP jedhamu ta'uun miseensa mana maree biyyattii yoo ta'an, tarree maqaa namoota maallaqicha kennuufii ture waliin to'annoo jala olfamutu himame poolisiidhaan.
Filannoo Naayijeeriyaa duraanii irratti qondaaltonni siyaasaa sagalee filannoo maallaqaan bitachuun himatamaa turan.
Haata'u malee biyyattiin haala malaammaltummaa kana cimsuuf jecha nootii biyyattii kan ta'e nootii Naayiraa jijjiruuf sochii eegalunshee ni yaadatama.
Haa ta’u malee, noottii maallaqaa haaraan gahaan rabsamuu waan hin jirreef jecha, hawaasa biyyattii keessatti dheekkamsa olaanaa uumeera.
Biyyattiitti namoonni maallaqasaanii argachuuf jecha argachuu sa’aatii dheeraaf baankiiwwan fuulduratti hiriiru.
Yeroo baayyees sa'aatii dheeraaf erga hiriiraniin booda osoo maallaqa hin argatiin yeroon itti deebii'an jira, kaan ammoo hojjattoota baankii irraan miidhaa qaqqabsiisu.
Lammileen Naayijeeriyaa %40’n akkaawuntii baankii waan hin qabneef, nyaataafi wantoota guyyaa guyyaan isaan barbaachisu kan biraa bitachuuf maallaqa callaa barbaadu.
Poolsiin Naannoo Riivar karaa toora tiwitaraatiin, ''dorgomtoonniifi paartiileen siyaasaa hundi akka seera Filannoo fi seeroota biraa hunda akka kabajaniif'' waamicha taasise.
Filannoon baranaa kunis kan erga bulchiinsi waraanaa Naayijeeriyaa bara 1999tti goolabamee asitti filannoo isa morkii jabaan irratti mul'atuakka ta'u raagameera.












