Hospitaalota Gaazaa reeffaafi madoon guutaman

Maxxanfame

Akeekkachiisa: Waan isin jeequ barruu kana keessatti arguu dandeessu

Hospitaala wareegamtoota Al-Aqsa giddu gala Gaazatti argamu keessatti hojjattoonni waan ittiin reeffa maran dhabanii rakkataa jiru.

Namoonni sirna kadhannaa gaggeessaniifi firoonni akka jedhanitti reeffi namoota du'anii tuulamee jira.

Ogeeyyin fayyaa warra lubbuun jiraniifi madoo garaa garaa waldhaanuf oliifi gadi fiigu- garuummoo dhiyeessiin qorichaafi meeshaalee barbaachisoo ta'anii guyyuma guyyaan dhumataa deema.

BBC Arabic qaaman achitti agamuun akka mirkaneeffattetti, hospitaalonni madoofi namoota du'aniin guutamee jira. Ogeeyyin fayyaa nama tokko yaalanii osoo hin fixin kan biraa itti dhufa.

Qondaalonni Hamaas akka jedhanitti, haleella qilleensarraa halkan gaafa Dilbatatti bari'u Israa'el gaggeessite qofaan yoo xiqqaate namoonni 100 du'aniiru.

Israa'el haleellaa kana ilaalchisee BBCtti akka himtetti gaggeessaa Hamaas naannoo hospitaalichaa taa'un haleellaa Israa'el irratti akka gaggeeffamu ajajaa turerratti qiyyeeffatte.

Gaafa Dilbataa ganama konkolaattonni heddu madoo baatanii gara hospitaalatti osoo fiiganii mul'atu.

"Erga lafti bari'ee kaasee as jirra, reeffa firiijii hospitaalichaa keessa guutee jiruun alatti alas walirra tuulamee jira," jedha hojjataan hospitaalichaa.

Waraana Israa'elifi Gaazaa torban sadaffaa qabateen hospitaalonni Gaazaa keessa jiran biraas rakkoodhuma wal-fakkaataa keessa jiru.

Naannoo Tel al-Hawaati kan argamu Hospitaalli a'-Quds alatti kan argamu gamoon tokko haleelamuurraa kan ka'e doktoroonnifi narsonni 23 ta'an namoota 500 yaalaa jiru.

Namoonni hospitaalicha keessa daheeffatanii jiraatan haala suukaneessaa keessa jiraachuu ogeeyyin fayyaa BBCtti himan.

Dhiyeessin qorichaa dhabamuufi lakkoofsi namoota haleellaa Israa'elin miidhamanii akkaan dabaluurraa kan ka'e doktoroonni namoota baay'ee miidhaman qofaaf dursa kennuun warri kaan carraa isaanii taa'anii akka eeggatan dirqisiiseera.

Waraanni Israa'el kanneen Kaaba Gaazaa keessa jiran Kibba Gaazatti akka baqataniif irra deebin akeekkachiisa kennee ture.

Akeekkachiisa kana hordofuun namoonni heddu gara kibbaatti baqatanis, ammayyuu namoota kumaatama hedduutu Kaaba Gaazatti hafe.

Deeggarsi namoomaa konkolaataan 20 karaa Masirii akka Gaazaa galu erga godhameellee ammayyuu hospitaalonni Gaazaa dhiyeessii garaa garaa dhabanii rakkataa jiru.

Nyaannifi qorichoonni muraasni akka galan godhamus hanga ammaa boba'aan hin seenin jira.

Hospitaalonni ibsaa waan hin qabneef boba'aa fayyadamuun jenereetaratti dhimma bahu.

Dhaabbanni UNICEF gaafa Dilbataa akka akeekkachiisetti, ijoollee reefu dhalatan 70 dabalatee kanneen 120 ta'an mashina keessa waan jiraniif jenereetaroonni kun dhaabannaan jireenyisaanii balaarra bu'uu danda'a.