Yukireen hanga Kirimiyaa bilisa baastutti lola itti fufti - Zeleniskiin

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Yukireen Kirimiyaatti eegale, Kirimiyaa bilisa baasudhaan xumuramuu qaba jedhe pirezidaantiin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin. Zeleniskiin kana kan jedhe dhohiinsa guddaan buufata xayyaaraa waraanaa Raashiyaa Kirimiyaatti argamutti erga dhagahamee sa'aatii muraasa booda.
Dhohiinsa kanaan namni tokko du'uun gabaafameera. Zeleniskiin karaa TV lammiilee biyyaattiif taasiseen waa'ee dhohiinsa buufata xayyaara Raashiyaatti mudatee waan jedhe hin qabu.
"Kirimiyaan lafa Yukireen, tasumaa ormaaf kenninee hin teenyu," jedhe Zeleniskiin. Raashiyaan dhohiinsa buufata waraana isheetti mudate haleelladhaan wal hin qabatu jette. Angawaan olaanan Yukireen tokko ammoo haleellicha keessaa harki Yukireen akka hin jirre dubbate. Kirimiyaan hanga bara 2014tti Raashiyaadhan to'atamtutti qaama Yukireen turte.
Raashiyaan erga to'atteen booda murtee ummataa gaggeessiteen Kiriimiyaan fedha isheetti makamuuf murtessite jette.
Raashiyaan humna fayyadamuun murteen akka gaggeeffamu waan gootef hawaasni idil-addunyaa harkatti kuffisee ture. Guyyaa kaleessaa 09, 2022 buufata waraanaa Saakii jedhamutti dhohiinsi gurguddaan dhagahamee ture.
Buufanni waraanaa kun lixa Kirmiyaatti argama. Namoonni ijaan argine jedhan akka dubbatanitti walitti fufiinsa dhohiinsi si'a 12 mudate.
Kirimiyaatti Biiron Fayyaa Raashiyaan muudde akka ibsetti namni tokko du'eera.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa dhohiinsi mudate kuusaa meeshaa waraanatu dhoheetu malee haleellan qaqqabe akka hin jirre ibse. Angawaa olaanaa Yukireen kan ta'an Makaayilo Podollaayik akka jedhanitti Yukireen haleellaa kana hin gaggeessine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa Kirimiyaa irratti gaggeeffamu kamiyyuu Raashiyaan akka salphaatti hin laaltu.
Pirezidaantin Raashiyaa duraanii Dimiitrii Medvedeev ji'a darbe, Yukireen haleellaa Kirimiiyaa irratti gaggeessiti taanan, "qiyaamaatu ishee eeggata" jedhee ture.
Zeleniskiin haasaa dheeraa kaleessa taasise keessatti waa'ee dhohiinsa buufata waraana Raashiyaa kaasuu baatus, "Raashiyaan Kirmiyaa to'achuu isheetin waraana Yukireen irratti eegaluu ishee yoomillee hin dagannu" jedhe. "Raashiyaan waraana kan eegalte Kirimiyaa irraayi, kan xumuramuu qabus Kirimiyaa bilisa baasudhaani," jedhe Voloodmir Zeleniskiin.
Zeleniskiin akka jedhetti, waraanni Raashiyaa fi Yukireen kun bulchiinsa galoo galaanaa kan taate Kirimiyaa bilisa baasun xumuramuu qaba, haa ta'u garuu yeroo addaa addaatti dhimma Kirimiyaa irratti yaada garaa garaa dhiyeessaa ture. Kanaan dura, Raashiyaan daangaa Yukireen osoo Raashiyaan bara kana lola hin eegalin ture deebistee Yukireenif yoo laatte, Raashiyaa wajjin nagaa akka buusu dubbatee ture; kana jechuun Kirimiyaa bilisa baasun dirqama hin turre jechuudha.












