Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayidan guyyaa 10 keessatti yeroo lammataaf Koovidiin qabaman
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan guyyoota 10 keessatti yeroo lammataaf Koovid-19n qabamuu beeksisan.
Hakiimni isaanii vaayirasiin qaama isaanii keessa ture dandamate jennaan (rebound infection) irra deebiin qabaman jedhe.
Pireezidantiin ganna 79 jalqaba kan qabaman Adoolessa 21 ture. Yeroos mallattoon dhukkubichaa xixiqqoon irratti mul'atee ture.
Sanbata yeroo lammataaf qabamuu kan himan Aab Baayidan, amma mallattoo homaatuu hin qabu jedhan. Haata'u malee of-eeggannoof jecha addaa of-baasanii akka turan himan.
Pireezidantichi torbee darbe Kibxataa hanga Jimaataa jidduu yeroo afur vaayirasicharraa bilisa ta'uun isaanii mirkanaa'ee ture.
Haakiimni Joo Baayidan Dr Keevin Okoonar xalayaa haala fayyaa pireezidantichaa ittiin ibseen, irra deebiin yaalamuun isaan hin barbaachisu garuu itti dhiyeenyaan ni hordofamu jedhe.
Baayidan marsaa duraa irratti qoricha farra vaayirasii 'Paxlovid' jedhamu fudhachaa turan. Qorichi kun "dhibbeentaa xiqqoon" dhukkubsattoonni akka vaayirasicharraa dandamatan gargaareera jedhu Dr Okoonar.
Yeroo lammataaf poozatiiv ta'uun isaanii erga mirkanaa'ee booda Aab Baayidan ergaa viidiyoo gabaabduu tiwiitarii isaanii irratti gadhiisaniin, fayyummaan akka itti dhagaahamuu fi manaa akka hojjetan dubbatan.