Sababiin du'a darggoota 22 mana shubbisaa Afrikaa Kibbaa maaliidha?

Madda suuraa, Reuters
Afrikaa Kibbaatti mana shubbisa halkanii (night culb) tokko keessatti dargaggoota walitti qabamanii turan keessaa yoo xiqqaate lubbuun dargaggoota 22 darbuun dhaga'ame.
Aanga'oonni biyyattiis lubbuu dargaggoota sababii hin beekamneen darbe argame kanaaf sababiin maal akka ta'e baruuf qorannoo gaggeessaa akka jiran ibsaniiru.
Dargaggoonni kunneen du'anii kan argaman Sanbata darbe halkan gara barii yoo ta'u umuriin isaanii waggaa 18 hanga 20 akka ta'an tilmaama jedhan aanga'oonni biyyattii.
Dargaggoonni kunneen magaalaa xiqqoo qarqara galaanaatti argamtu East London jedhamtu keessa mana shubbisaa halkanii tokko keessatti akkuma teessumaafi lafarra jiraniiti du'anii argaman.
Tarii summii yoo ta'eef baruudhaaf jecha qorannoo dbalataa taasisuuf reeffi dargaggoota 22 gara dhaabbileen fayyaa gara garaatti geeffameera.
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa gadda du'a dargaggoota kanaatiif "gadda guddaa" itti dhaga'ame maatii warra gaddaaf ibsaniiru.
"Wanti rifaasisaa akkasii kun wayita haala waliigalaa dargaggootaa foyyeessuuf gargaaran irratti xiyyeeffannee 'ji'a dargaggootaa' keessatti hojjechaa jirrutti ta'uun isaa hedduu nama gaddisiisa," jechuun pirezidaantichi fuula Tiwiitara isaaniirratti barreessaniiru.
Bulchaan kutaa buchiinsaa East Cape kan du'aatiin dargaggootaa kunneen keessatti mudatee ta'an Obbo Oskaar Mabuyaanee, sababa du'a dargaggoota kanaa maal akka ta'e osoo hin ibsiin, "fayyadama alkoolii gara malee," duunyaadhumatti balalleffataniiru.
Aanga'aan bulchiinsa kanaa mana shubbisa halkanii lubbuun dargaggoota kanneen itti darbe qaamaan deemanii, "hawaasa gidduu ta'anii dhugaatii akkasii yeroo gurguramutti dargaggoonni yaaluu hin danda'an jedhanii yaaduun hin danda'amu," jedhan.
Kutaa bulchiinsa kanaatti aanga'aan fayyaa hawaasaa tokko Ajaans Firaans Pireesitti akka dubbatanitti, du'aatii dargaggoota kanneeniif walirra ejjechuu/wal dhiddhiituu ta'uu mala akka hin jenneef "qaama isaaniirra madaan tokkoyyu" akka hin jirre ibsaniiru.
"Qorattoonnis saamuda fudhatanii erga qorannoo gaggeessaniin booda summaa'uun qaama isaanii keessa kan jiraatu yoo ta'eef adda baafatu," jechuun dubbatan aanga'aan kun.
Halkan tokkotti dargaggoonni hanga kana baayyatan bakka tokkotti walitti qabamanii lubuun isaanii darbuun Afrikaa Kibbaa keessatti naasuu uumeera.












