Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Murteessaan taphaa bilbila daawwataa ilaalee galchii haqe hojiirraa dhorkame
Murteessaan kubbaa miilaa lammii Masrii Mohaammad Faaruk tapha liigii irrati mobaayilii daawwataa kubbaa ilaalee galchii seente haqe hojiirraa dhorkame.
Tapha kilaboota diviziyoona lammataa Al-Naasir fi Suwiiz taphatan irratti gaafa Jimaataa kuni ta’e.
Al-Naasir gara duubaa galchii qixxeessituu galchuu isaanii amananii ture. Garuu boodarra duraa haqame.
Taphicha irratti erga Al-Naasir galchii galchee booda gareen Suwiiz harkaan tuqameera jedhanii morman.
Tapha diviziyoona lammataa Masrii irratti tekinoloojiin murteessaa kubbaa miilaa gargaaruufi video assistant referee (VAR) jedhamu hin jiru.
Yeroo kanatti Faaruk bilbila daawwataa kubbaa miilaa fuudhee tapha waraabame deebisee ilaalee hin galle jedhee murteesse.
Dirreen kubbaa miilaa itti taphataamaa ture kan warra itti gale jedhamedha.
Waldaan Kubbaa Miilaa Masrii ibsa baasen koreen murteessitoota kubbaa miilaa biyyattii murteessitoota tapha sana irratti hirmaatan mara ‘’yeroo hin beekamneef’’ hojiirraa dhorkuu hime.
Garee murteessitoota kana yeroo ammaa Viitor Pereeraatu hooggana. Pereeraan Maark Kilaatanbarg bakka bu’ani.
‘’Taatee murteessaan taphichaa Mohaammad Faaruk viidiyoo mobaayiliin waraabame ilaale, koreen qorachuuf murtesseera,’’ jedha ibsi bahe.
Erga galchiin Al-Naasir seeraan ala jedhame booda Suwiiz galchii sadaffaa galchuun injifatan. Yeroon dabalataa kilaboonni lamaan taphatan daqiiqaa 15 ture.
Mormiin taphattootaafi qondaaltota Al-Naasir waan jabaateef murteessaan kubbaa miilaa Faaruk eegumsa poolisiin dirree keessaa bahan.
Qondaaltonni Al-Naasir dhimma murteessaa kanaa seeraatti akka geessan dhaadatanii turan.