Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaan garam deema? Hirmaannaa taphoota Awurooppaa fi gaggeessaa Kiloop- taateewwan xumura piriimer Liigii irratti eegaman
Maanchistar Siitiin waancaa piriimer liigii harkaan ga'achuuf qarqara irra ga'eera.
Gareen Peep Gaardiyoolaa West Haamiin mo'atee waancaa baranaa yoo fudhate yeroo afraffaaf walitti aansee waancaa nyaachuun rikardii qabata.
Arsenaal dirree isaarratti Evartan yoo mo'ate fi Siitiin yoo qabxii gate waggaa 20 booda waancaan gara Imireetis gala jechuudha.
''Qabxii barbaachisu ofuma keenyaa murteessina. Arsenaal qabxii gata waan jedhu dhiisaa. Evartan waan ta'e gochuu danda'a kan jettanis dagadhaa. Arsenaaliin waggaa guutuu daawwachaan ba'e,'' jedha Gaardiyoolaan.
''Xiyyeeffannaan keenya tapha West Haam waliin qabnu irratti. Sammuu koo keessa kan jiru West Haam mo'achuu qofa,'' jedhe.
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan ammoo, ''Deeggaraan kubbaa miillaa hundinuu kan barbaadu dorgommii hanga dhumaatti eegamu kan akkanaa kanadha,'' jedhe.
''Kilaba akkaan jaallatamaa addunyaa kanaa keessatti falmiin hanga tapha xumuraatti gaggeeffama. Kanaafidha iddoo dorgommii cimaan itti gaggeeffamu jedhamee kan beekameef.''
Tapha xumuraa irratti hirmaattonni Yurooppaa Liigii fi Yurooppaa Konfiraansii Liigii ni beekamu.
Taphi Liivarpuul Woolvis waliin taasisu turtii Yargan Kiloop waggaa sagalii kan goolabuudha.
Waancaa lama, mo'ataa tokko
Dorgommii Piriimer Liigii Ingilizii keessatti kilabni waancaa fudhatu tapha isa xumuraa irratti kan beekamu kan baranaa waliin yeroo kurnaffaafidha.
Waggoota sagal Anfiilditti kan dabarsan Yargan Kiloop waancaarraa fagaataniiru, yeroon turtii isaaniis obba'eera.
Waancaa lamaan qophaa'an keessaa tokkotu kennama, Maanchistar Siitii fi Arsenaal keessaa abbaan tokko dhumarratti waancaa qophaa'e kana fudhatanii galu.
Itihaad fi Emireetis kiilomeetira 300 walirraa fagaatu. Kanaafuu waancaan tokko qofti tolfamee bakka tokko taa'uu hin danda'u.
Fageenya hagana ga'u gidduu ammoo waancaa helikooptaraan deddeebisuun waan yaadamu miti.
Kanaaf waancaan walfakkaataan lama qophaa'e.
Dhumarratti tokko warra mo'an wajjin gala, kaan ammoo bulchiinsa liigichaa bira tura.
Waltajjiin kilaboonni itti dhihaatanii waancaa irraa kaasan iddoo lamattuu walfakkaataatu qophaa'a. Maqaan kilaba mo'atee waancaarratti kan barreeffamu erga waancaa harkaan ga'atee boodadha.
Hirmaannaa dorgommiiwwan Awurooppaa
Afraffaan xumuruusaa kan mirkaneeffate Aston Viilaan Maanchistar Siitii, Arsenaal fi Liivarpuul waliin Ingililaand bakka bu'uun dorgommii Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuurratti akka hirmaatan mirkanaa'eera.
Tootanhaam, Chelsii, Niwukasil fi Maanchistar Yunaayitid ammoo Yuurooppaa Liigii fi Yurooppaa Konfiransi Liigiif falmatu.
Kilabni shanaffaan xumuru dorgommii Yurooppaa Liigii irratti hirmaata.
Qabxii 63n shanaffaarra kan jiru Tootanhaam kilaba liigicha keessaa bu'uunsaa mirkanaa'e Sheefiildi Yunaayitid waliin tapha xumuraa taphata. Qabxii 60 kan qabu Chelsiin ammoo dirreesaatti Bornimaz keessaummeessa.
Maanchistar Siitiin Maanchistar Yunaayitid mo'achuun waancaa FA yoo fudhate, liigicha keessaa kilabni ja'affaan xumuru kallattiin dorgommii Yurooppaa Liigii ni hirmaata.
Chelsiif goolii hedduu galchuun jalqabarra kan jiru Kool Paalmar ''ja'affaan xumuruuf nuuf waan guddaadha,'' jedhe.
Chelsiin bara dorgommii xumuramaa jiru kana dorgommii Awurooppaa kamirrattuu hin hirmaanne ture.
Qabxii 57 kan qabu Niwukasil tapha xumuraa Bireentifoord waliin taphata. Maanchistar Yunaayitid ammoo gara Biraayitan imaluun falmata.
Maanchistar Siitiin waancaa FA yoo mo'ate kilabni torbaffaan xumuru dorgommii Yurooppaa Konfiransi Liigii irratti ni hirmaata.
Kilaba sadarkaa dhumaa fi kophee worqii
Sheefiild Yunaayitid fi Burnileen liigicha keessaa bu'uunsaanii duraanuu barame. Luutan ammallee rarra'ee jira, liigicha keessatti ni hafa jedhanii yaaduun waan hin fakkaanne.
Luutan amma sadarkaa 18ffaarra jira, sadarkaa 17ffaarra kan jiru Nootiinghaam Foorast waliin garaagarummaa qabxii ja'aa qofa qabu.
Foorast Barnileedhaan mo'amee Luutan ammoo Fuulhaamiin dirreesaatti yoo mo'ate qabxiidhaan Foorastiin walqixa ta'a. Garuu garaagarummaa gooliin Foorastiin caaluuf gooliiwwan 12 ol lakkoofsisuu qabaata. Kun waan yaadamu miti.
Dhimmi ijoon biraa har'a murtaa'u eenyu kophee worqii fudhata kan jedhu.
Erliing Haalaand gooliidhaan dursaa jira. Kan isatti aanee jiru Kool Paalmariin goolii shaniin caala.
Haalaand yoo mo'ate taphataa Ingilizii Haarii Keenitti aanuun taphataa waggaa lama walitti aansee kophee worqii fudhate lammaffaa ta'a.
Olee Waatkinsi ammoo kubbaa goolii ta'an mijeessuun dursaa jira.
Taphoota hedduurratti osoo gooliin itti hin galin kan xumure gooli eegaan Arsenaal Deeviid Raayyaa golgaa harkaa (guwaantii) worqii badhaafameera.