‘Baankii keessaa maallaqa qaba garuu ijoolleekoof daabboo bituu hin danda’u’

ATM waraanaan miidhame

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

“Daabboon jiraatee anis akkawontii baankiikoo keessa maallaqa qabaadhulleen, guyyoonni itti daabboo tokko ijoolleekootiif bitachuu hin dandeenyetu jira.”

Mohamed al- Kiluub, lammii Filisxeem Gaazaa bakka deer al Balaah jedhamu kan jiraatu yoo ta'u, maallaqni akkaawontii baankiisaa keessa jiru sababii baasee itti fayyadamu hin dandeenyeef dhimma hin baasu jedhe. Daldaltoonni hedduunis maallaqa karaa elektirooniksiin dabarfamu hin fudhatan.

Gaazaa keessatti hanqinni maallaqa callaa, keessattuu erga Israa'el gibira Gaazaan Filisxeemoota irraa walitti qaban dhaabdee booda cimeera.

Rakkoo maallaqaa

Ji'oota jalqabaa waraanni Gaazaa keessatti jalqabetti, lakkoofsi namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'anii akkuma dabalaa dhufuun, lammiileen Gaazaa maallaqa baasuuf abdachuun maashinii maallaqaa (ATM) fi baankota fuulduratti hiriiraa turan.

Gariin isaaniis dabareen maallaqa baafachuu hanga isaan qaqqabuutti guyyoota hedduu eegaa turan.

Ammuma yeroon deemeen, baankonni waraanaan barbadaa’anis baay’achaa dhufuun. Namoonni nagaa muraasni garee kan lammiileen Gaazaa “maafiyaa jijjirraa- maallaqa” jedhanii waamu - wanbadoota jeequmsaafi rifaatuu gidduutti carraa maallaqa argachuuf basaasaniif saaxilaman.

Guraandhala 24 irratti, waraanni erga jalqabee ji'a jaha booda, Abbaan Taayitaa Maallaqaa Filisxeem, "sababii haleellaan boombii itti fufee jiruun adda cituu ibsaafi haala cimaa lafarraatiif jecha, dameelee bulchiinsa achi hunda keessatti hafan banuun akka hin danda'amne" beeksise.

Kunis rakkoo maallaqaa kanaan dura mudtaee hin beekamne kan uume yoo ta’u, maashinoonni ATMn irra caalaansaaniis tajaajilaa ala ta’an.

Caamsaa 11 irratti ammoo Abbaan Taayitaa Maallaqaa Filisxeem tajaajila kaffaltii elektirooniksii battalaa, tajaajila baankii oonlaayinii, waaleetii elektirooniksiifi kaardiiwwan baankii jalqabsiise.

Haata'u malee, addaan cituun interneetii rakkoo guddaa ture - tajaajilli kunis bal'inaan hin baramne.

“Waraanaa ji’oota saddeet keessatti, suuqii maallaqa karaa elektirooniksiin fudhatu tokko qofaan arge. Ammatti ammoo omishoonni sun manneen daldalaa keessatti osoo hin taane, kaampii keessatti kan agarsiifamaniifi gurguramaa jiranidha,” jedha Mohaammad.

Filisxeemoota maallaqa baafachuuf hiriiraa turan

Madda suuraa, Getty Images

Diinagdee Gaazaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Rakkoo maallaqaa yeroo ammaa Gaazaa keessatti uumame maaltu akka fide hubachuudhaaf sirna faayinaansii Gaazaa keessa jiru itti siquun ilaaluun ni gargaara.

Diinagdeen Gaazaa erga Haamaas bara 2007tti Gaazaa Istriippi keessatti guutummaatti to’atee booda uggura irra kaa’ameen dhiibbaa guddaan irra ga’eera.

Israa’el uggurri kun haleellaa garee hidhattoota kanaa dhaabuuf barbaachisaa ta’uu dubbatti.

Baankonni Gaazaa keessa jiran yookaan kan Abbaa Taayitaa Maallaqa Filisxeem fi mootummaa Filisxeem kan Raamaallaah keessaa waliin hidhata qaban, yookaan ammoo kan dhuunfaafi mootummaa Haamaas waliin hidhata qabanidha.

Abbaan Taayitaa Maallaqaa Filisxeem waliigaltee Paariis bara 1994 mallattaa'e jalatti kan hundeeffame yoo ta’u, tumsa dinagdee waliigalteewwan Osloo waliin kan walqabatudha.

Waliigalteen kun dinagdee Filisxeemiifi daddabarsa faayinaansiin isaa to’annoofi hordoffii kallattiin sirna baankii Israa’el jala jira.

Waliigaltee kana jalattis, Israa’el Abbaa Taayitaa Filisxeem bakka bu’uudhaan, gibira walitti qabduun ji’a ji’aan gara Abbaa Taayitaa Maallaqaatti dabarsiti. Kunis erga ministeerri maallaqaa Israa’eliin mirkanaa'eefi mallattaa'eef, akkasumas dhibbeentaa tokko erga irraa hir’ifmeen boodadha.

Maallaqni galii gibiraa jedhamuun beekamu kunis, galii faayinaansii Abbaa Taayitaa Filisxeem keessaa harka guddaa yoo ta’u, irra caalaan isaatiis kan Gaazaa Istirippiif ramadamudha.

Bara 2007tti wayita Haamaas naannoo Gaazaa to’atutti, hojjettoonni siiviilii kumaatamaan lakkaa’aman Gaazaa keessa jiran mindaasaanii Abbaa Taayitaa Filisxeem irraa argachuu itti fufan.

Kunis karaa baankota Gaazaa keessaatiin Abbaa Taayitaa Maallaqaa waliin hidhata qabaniin dabarfamuun ture.

Akkkasumas, maallaqni bifa gargaarsaatiin Dhaabbata UN Ejensii Gargaarsaafi Hojii Baqattootaa (UNRWA) fi gargaarsa Kaataariin gara Gaazaa seenaa ture. Kunis madda dolaaraa jalqabaa Gaazaa akka ta’ee fudhatama ture.

Ahimad Abbuu Qaamaar, Gaazaarraa qorataan dinagdee Filisxeemootaa, galii kanaan “karaa idileetiin maallaqa argachuu” jechuun ibsa.

Daandiiwwan idilee hin taane biraa ''meeshaalee gara maallaqaattii jijjiruun'' jiraachuu BBCtti hime.

Haata'u malee, maallaqni karaa idilee hin taane irraa argamu marsaa maallaqaa ykn “dhiyeessii maallaqaa” keessatti hin mul’atu jechun ibse.

Maddeen maallaqaa Gaazaa hunduu, marsaa dinagdee fayya-qabeessa ta’eefi lammiilee Gaazaa miliyoona lamaa ol ta’an jireenya gahaa Gaazaa keessa jiraachisuuf gahaa akka hin taane cimsee dubbata.

Maallaqa sadan daddabarsa faayinaansii keessatti fayyadaman:

  • Sheqeel Israa’el: maallaqa baay’inaan itti fayyadamuufi daddabarsa daldala guyyaa guyyaa keessatti murteessaa.
  • Dolaara Ameerikaa: Alaa galchuuf, daddabarsa daldala idil-addunyaafi omishaalee qananii kan akka konkolaataa bitachuuf kan ooludha.
  • Diinaara Joordaan: akka aadaatti fakkeenyaaf kaffaltii gaa’elaa kaffaluuf, qabeenya ykn lafa bitachuuf, akkasumas kaffaltii yunivarsiitii kaffaluuf kan ooluudha.
Maallaqa Gaazaa keessatti faayyidaarra oolu

Madda suuraa, Getty Images

Dhiibaa waraanaa

Erga waraanni jalqabee as aangawoonni Israa’el galii gibiraa naannoo Gaazaaf ramadame Abbaa Taayitaa Maallaqa Filisxeemiif dabarsuu dhaban.

Israa'el maallaqni kun sochii Hamaas maallaqaan gargaara jechuu itti fufte.

Sadaasa bara 2023 keessa, ministeerri faayinaansii Filisxeem “ministeerri faayinaansii Israa’el sababii maallaqni gartokkoon mindaa, ramaddii hojjettootaafi baasii Gaazaaf bahu jechuun galii gibiraa irraa ji’aan Shekeel miiliyoona 600 hir'isa,” jechuun beeksise.

Jalqaba waggaa kanaarratti Ministirri Maallaqaa Israa’el Beezaalel Smotriich, yoo “sheekel tokko” Gaazaa skan seenu ta'e galii gibiraa hunda Abbaa Taayitaa Filisxeem irraa akka mulquuf doorsisee ture.

“Sheeqel tokkollee Gaazaa hin seenu” jechuun baatii Amajjii keessa miidiyaa hawaasaarratti maxxansan.

Dhiyeessiin maallaqaa namoota Gaazaa gadhiisanis hir'ateera - bifa kaffaltii qophii ba'iinsa namoota dhuunfaa karaa qaxxaamuraa Raafaa ba'aniin kaffalaniin.

Kaffaltiin ba’uu kunis yeroo baay’ee waliigalatti nama tokkoof doolaara kuma kudhaniin lakkaa’amu, dhiyeessii doolaaraa Istiriippii keessatti baay’ee dhabsiiseera.

Noottiiwwan miidhaman ammoo hir'ina maallaqaa mudatee cinseera. Isaan dura, waliigaltee Israa'eliifi Filisxeemoota jidduutti taasifameen, noottiiwwan miidhaman haaraadhaan jijjiramu qabu.

Haa ta’u malee, erga waraanni kun jalqabee as adeemsi kun waan dhaabbateef daldaltoonni waan noottii moofaa fudhachuu didaniif gatii dhabaa jira.

Beeksiisa maxxanfame

Madda suuraa, Getty images

Gabaa gurraacha

Mohaamad al- Kiluub, komishinii %10 fi 20 gidduutti argamsiisuuf gabaa gurraacha, bakka inni suuqiirraa maallaqa baasutti gargaaramuuf dirqame, haata'u malee karaan kun illee walxaxaa ta’aa jira jedha hojjetaan Maahmuud Baakr al-Luuh.

Fuuldura suuqiiwwan hedduu kan kanaan dura komishiniif tajaajila maallaqa baasuu kennan hedduurratti mallattoon, 'maallaqa hin qabu’ jedhu maxxanfameera.

Warri maallaqa argachuu danda’an mataansaanii, “michoota isaaniif dursa kennaa jiru” jedha Maahmuud.

Ahimad (kan maqaansaa dhugaa hin taane) waa'ee hojii komishiiniidhaan maallaqa dhiyeessuu ilaalchisee BBC waliin dubbateera.

Innis yeroo maallaqa herrega isaa keessaa baasuutti kasaaraa sheeqelii 40,000 yeroo baafaturra irra gahe bakka buufachuudhaaf tajaajila kana eegale.

Galiin inni argatu waan guyyaa guyyaa isa barbaachisu keessaa muraasa qofa kan haguuguudha. Garuu lammiileen Gaazaa gabaa gurraachaatti gargaaraman "saamichi" kun rakkina guyyaa guyyaasaanii hammeessa jechuun komatu.