‘Ammalleen fuullikoo na dhukkuba’- Kiriis Rook yoo waa’ee kaballaa Wiil Ismiiz irratti baace

Maxxanfame

Taatoo beekamaan Kiriis Rook kaballaa Wiil Ismiiz bara darbe ‘‘ammayyuu na dhukkuba’’ jechuun baace.

Gaheen waggaa 58 Kiriis Rook hojii aartiisaa haaraa buufata tamsaasa filmii Netflix jedhamurratti gadhiiseera.

Kiriis Rook hojiisaa kanaan bara 2022 waltajjii sirna badhaasa fiilmi guddicha Oskaari kaballaa Wiil Isimiiz irratti raawwate bal’inaan dubbateera.

‘‘Namoonni jechaan gochaa caalaa nama dhukkuba jedhu. Namoonni kunneen kan kaballaa hin dhandhamatiin ta’u qabu,’’ jechuun baaceera.

Taatoo beekamaan Hooliiwuud Wiil Ismiiz hiriyaasaa ogummaa kan ta’e Kiriis Rook akka kabalu kan taasise ‘‘aarii keessoo koo deddeebi’aa ture’’ jechuunsaa ni yaadatama.

Wiil Isimiiz alkan yaadachuu hin barbaadne sanatti erga Kiriis Rook kaballaadhaan rukuteen booda, taatoo beekamaa barichaa jedhamuun badhaasa Oskaar argachuunsaa ni yaadatama.

Taatee yeroo sana mudateen gara mata duree marii Ameerikaanoonni hokkoora jaalatu ce’ee ture.

Kiriis Rook namoota bebbeekamoo Hooliiwuud fi ummatoota addunyaa fulduratti fullisaa hanga diimatuutti kaballaa dhandhamate hordofuunis, Wiil Isimiiz waliin wal dhabdee keessa galu dhiisuun isaa namoota baayyee galateeffatame ture.

Rook kaballichaan booda hojiisaa komadii Netflix irratti gadhiiseen, harki Wiil Isimiiz, siyaasaa fi Meegaan Maarkan fa’i kaasuun haala baacootiin yaada kennee jira.

‘‘Hojii koo kana osoo nama kamuu hin gaddisiisiinan xumuruu barbaada. Sababiinsaas eenyuun akkan gaddisiisuu danda’u hin beeku,’’ jechun waa’eekabalichaa Wiil Ismiiziin dubbiidhaan xuqe ture.

Kiriis Rook hojiisaatiin lammiilee Ameerikaa hanga akka adda qoqodaman illeen kaaseera.

‘‘Ameerikaan amma jirtu kan burjaajoofteedha. Lammiileen Raashiyaa osoo dhufanii mee waan isaan jedhan haa dhageenyu jechuun keenya hin oolu.’’

Komodoyaaniin kunis erga mata dureewan hedduu irratti dubbateen booda dhimma namoonni baayyeen haalaan eeggatan kaballaa Wiil Isimiiz ilaalchisuun baaccoofi waan jabaa dubbateera.

‘‘Namoonni kaballichi si dhukkubeera? Jechuun na gaafataniiru. Hanga ammaattuu maddiinkoo na dhukkubaa jira. Muuziqaan Samartaayim (Summertime) jedhus hanga har’aattuu gurrakoorratti natti dhagahama.’’

Muuziqaa baaqqeen Summertime kan Wiil Isimiiz bara 2019 keessaa gadhiiseedha.

‘‘Kaballicha akka Man Pookiiyaawoo (Nama bunyaa lammii Filiippiin)ttiin simadhe’’ yoo jedhu hirmaattoonni achitti argaman kolfaafii harka walitti rukutuun dabalaniiru.

Kiriis akka jedhuutti, Wiil Isimiiz yeroo sanatti amalli agarsiise waan inni waa’ee haadhasaa qooseef osoo hin taane, Wiiliifi haatii warraa saa Jaadaan gaa’illisaanii kan tasgabaa’e ta’u kan agarsiisuudha.

Wiilii fi Jaadaa isimiiz waa’ee gaa’ilasaanii ifatti dubbachuun beekamu. Jaadaan sagantaa Red Table Talk jedhamuufi karaa Facebook’n dabarsituun waa’ee bu’aa Bahii gaa’ilasaanii baayyee dubbatti.

‘‘Hunda keenyayyuu nutti qoofameera. Nama asitti argamu hundarratti qoofameera. Garuu ammoo eenyumtuu TV irratti ittiin qoofameeratti dhiyaachuu kan dubbate hin jiru,’’ jechuun dubbate Kiriis Rook.

‘‘Inni kan na miidhe caalaa ishee miidheera.’’

Rook hojiisaa haaraan waa’ee kaballaa Wiil Isimiiz odeessuu hordofee miidiyaaleen hawaasaa yaada kennaa jiru.

Baayeenis komidiyaanoonni akka Kiriis Rook rakkoo hangamii keessa ta’un kolfaan dabarsu danda’u jechuun yaada kennan.

Kaan ammoo Kiriis Rook waa’ee filmii haaraa Wiil Isimiiz kan qoose hanga ta’u qabucaalaadha jedhan.

Kiriis Rook hojiisaaa yoo xumuru maaliif kaballaa sana callisee akka bira darbee akkas jechuun ibseera.

‘‘Maatiin qaba. Naamusaanan guddadhe. Maatiin koo maal akka na barsiisan beektuu? ‘Wanti fedhe yoo dhufe faranjoota fulduratti hin arrabsiin’ jedhanii na gorsaniiru.’’