Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sooma Ramadaanaa keessa akkamiin gogaa keenya eegganna?
Ramadaanni aarsaa qaamaa fi afuuraa gaafata, Muslimoonni obboroo irraa hanga aduun lixxutti nyaataa fi dhugaatii, akkasumas cubbuu irraa fagaachuun dabarsu.
Soomi Ramadaanaa mallattoo of kennuu (kutannoo), xiyyeeffannaan hojjechuu fi naamusaati.
Soomi kun dhiphinaafi gidiraa namoonni beelaafi hiyyummaa keessa jiraatan miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa guutuutti dandamachaa jiran ilaalchisee waan hubachiisu qaba.
Haata'u malee bishaan ga'aa dhabuun, yeroon hirribaa akkaataa idileen ala ta'uu fi soorati akka yeroo biraa ta'uu dhabuun qaamaa fi gogaa keenya irratti dhiibbaa qaba.
Ogeessi Fayyaa Gogaa Dr Muniib Shaah namoonni ji'a Ramadaanaa kabajamaa kana keessa gogaa isaaniif eeguma akka taasisan gorsa.
''Xiqqummaarraa kiyyarraa ka'ee hiriyaa Kibba Eeshiyaa, hiriyaa Muslimaa fi hiriyaa sooman qabaadhee hin qabaadhee hin beeku. Garuu galata miidiyaa hawaasummaa, eessayyuu teessee muuxannoo kana qooduu dandeessa,'' jedhe.
Dr Muniib erga bara 2020 yeroo jalqabaaf TikTok irratti maxxansee eegalee hanga yeroo ammaatti hordoftoota miiliyoona 17 horateera.
Kanaanis ogeessa fayyaa gogaa ta'ee hordofamuun nama haga isaa miidiyaa hawaasummaa kanarraa hordofamu hin jiru.
Ji'a Ramadaanaa kana keessa gogaan qaama namaa ni babbada yaada jedhu sirreessuuf tattaafata, inumaa ji'a kana keessa gogaan namoota hedduu ni bareeda jedha.
''Dhukkuboonni dhiita'uu gogaa fi finniisaa wayita sooma Ramadaanaa kana keessa ni hir'ata jedhu qorannoo hedduun,'' jedha.
Dr Muniib Shaah ji'a Ramadaanaa kana keessa gogaa ofii eeggachuuf qabxiiwwan kunneen hordofamuu akka qaban gorsa.
Bishaan (dhangala'aa) ga'aa fudhachuu...
Tibba soomaa gogaan qaamaa salphumatti jiidhiinsa fixata, booda gogi isa mudata jedha ofiisaatiis soomaa kan jiru Dr Muniib Shaah.
Kanaafuu namoonni sooman dursanii bishaan (dhangala'aa) ga'aa fudhachuu akka qaban gorsa.
''Guyyaatti yeroo shan salaatuu fi salaata booda ammas fuula dhiqachuun namoota hedduu gogsuu danda'a,'' jedha.
''Kanaafuu yeroo hunda erga bishaaniin dhiqannee booda dibata laaffisu dibachuu qabna. Ta'uu baannaan gogaan keenya dallanuun rakkoo keessa seenuu mala.''
Nyaata madaalawaa...
Dr Muniib Shaah ''Ramadaana keessa akkaataan soorataas waan jijjiiramuuf dhibeen gogaa akkaan hammaata,'' kan jedhu ibseera.
Wayita aduun lixxuu fi osoo aduun hin ba'in dura baayyee nyaachuun dhiibbaa qaamarratti qaba jedha.
''Sababa yeroon qabnu gabaabaa ta'eef soorata gosa adda addaa soorachuuf yeroo hin argannu, kun ammoo gogaa keenya miidha.''
Dr Muniib Shaah namoonni soorata isaaniif mijatutti sooma akka hiikan gorsa, garuu madaalawaa ta'uu qaba jedhe.
''Soorata bilchaate nyaachuun rakkoo hin qabu. Garuu hammaa ol nyaachuutu gogaa miidha.''
Kun hundaaf hin hojjetu kan jedhu Dr Muniib Shaah, ''An wayitan sooma hiiku soorata bilchaataa heddumminaan nan nyaadha, garuu gogaan kiyya miidhamee hin beeku. Namoonni miidhaa kana ofirratti argan ammoo jiru,'' jedhe.
Sooma keessa dibati eeyyamamaa?
Wayita sooma Ramadaanaa akkaataan soorataa fi hiriibaas ni jijjirama, akka duraa hin ta'u.
Kanaaf namoonni hedudun akkaataa eegumsa gogaasaanii bifa kan duraan turerraa adda ta'een jijjiiruu fedhu.
Dr Muniib Shaah garuu sooma keessallee dibata duraan itti fayyadamaa turan fayyadamuun miidhaa hin qabaatu jedha.
''Hubannoon dogoggoraa sooma keessa dibata aadaa dibachuun hin danda'amu jedhu jira. Garuu kun sirrii miti. Dibata ho'a aduu dandamachuuf fayyaduu fi gogaa qaamaa lallaaffisu fayyadamuun ni danda'ama.''
Akkuma Dr Muniib Shaah, namni miidiyaa hawaasummaarratti beekamtu Faaraa Fereeroo gamasheen miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun tibba Ramadaanaa eeggannoo gogaaf taasifamuu qabu gorsiti.
Waa'ee dibata eegumsa gogaa qaama keenyaaf dibatamuu ilaalchi dogoggoraa miidiyaa hawaasummaarra akka jiru himte dubartiin umrii waggaa 29 kun.
''Namoonni gariin dibata qabiyyee alkoolii of keessaa qaban dibachuurraa of qusatu,'' jetti.
''Akka kiyyatti an kan alkoolii of keessaa qabu nan dibadha, nyaataa miti kanan jiru. Kanaaf na hin macheessu. Kanaafuu gogaa keenyarratti dibachuun rakkoo waan qabu miti.''