Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa guddaa Huutiin raawwate booda US fi UKn tarkaanfii waraanaa akka fudhatan akeekan
Gareen hidattootaa Yaman Huutii jedhaman haleellaa guddaa raawwachuu hordofee US fi UKn tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'an akeekaniiru.
Haleellaa doonii Galaana Diimaarra yabalaa turterratti roobsame hunda akka qolatanis ibsaniiru.
Gareen hidhataa deeggarsa Iraan qabu kun Kibxata darbe haleellaa wayita gaggeessu, dirooniiwwan 21 fi misaa'eloonni inni dhukaase karaatti kashafaniiru.
Manni Maree Nageenyaa UN Roobii (Amajjii 10, 2024) haleellaa Huutii hatattamaan dhaabuuf wiixinee seeraa raggaasiseera.
Bu'uura seera haaraa kanaan miseensonni UN martinuu tarkaanfii barbaachisu fudhachuun doonii isaanii eeggachuuf mirga tguutuu qabu.
Gareen Huutii yaada kanaaf bifa tuffii fi qoosaatiin deebii kenne.
Dubbi himaan garee kanaa Mohammad ALii al-Huutii wiixineen seeraa kun ''tapha siyaasaati,'' jedhe.
Huutiin waraana Israa'el Gaazaarratti banteef deebii kennuuf dooniiwwan Israa'el irratti xiyyeeffachuu hima.
Wiixineen seeraa UN kun ''Huutiin ammarraa eegalee haleellaa akkanaa, kan daldala addunyaa gufachiisaa jiru fi mirga, walabummaa yabalaa sarbaa jiru, akkasumas nageenya naannawa kanaa jeeqaa jiru, akka dhaabu,'' akeekkachiise.
Biyyoonni 11 seerri kun akka ragga'u sagalee kenaniiru. Garuu Raashiyaa, Chaayinaa, Mozaambik fi Aljeeriyaan sagalee kennuurraa of qusatan.
Ameerikaa fi michoonnishee duraanuu haleellaa Huutiin irra deddeebiin raawwatu ilaalchisee balaan dhufu hamaa akka ta'u akeekkachiisaa turaniiru.
Ministirri Ittisaa UK Giraant Shaaps Yaman keessatti haleellaa gaggeessuu irratti gaafatamanii akkas jedhan: ''Bakka kanatti waan haaraa eegi.''
Gaaddisni guddichi yabaltoonni doonii idiladdunyaa hundi jalatti walga'an- The International Chamber of Shipping jedhamu dooniiwwan konteenaroota gurguddoo fe'an keessaa dhibeentaa 20 kan ta'an karaa Galaana Diimaa dhiisanii, fageenya dheeraa kan ta'e kallattii Kibbaa Afrikaatiin imaluuf dirqamaniiru jedhe.
Huutiin Wiixata darbe ibsa keessatti dooniiwwan US kanneen Israa'eliif gargaarsa geessa turan haleeluu eere.
Erga Sadaasa 19 yeroo 26ffaaf dooniiwwan daldalaa Galaana Dimaarra yabalan haleeluusaati Huutiin.
Haleellaa alanaa ilaalchisuun Ameerikaan akka jettutti, meeshaaleen waraanaa oomisha Iraan ta'an kanneen akka dirooniiwwan, misaa'eloonni dooniiwwan galaanarratti haleelan, fi kanneen fageenyaa dheeraarratti haleellaa qaqqabsiisan Yaman iddoo gareen Huutii to'atee jirurraa dhukaafamaniiru.
Kanneen keessaa dirooniiwwan 18, misaa'eloota doonii haluuf qophaa'an lamaa fi misaa'ela fageenya dheeraa furguggifamu tokko haleeltee buusuu himte Ameerikaan.
UKn gamasheen dirooniiwwan Huutii kan tokko tokkoon isaanii doolaara miiliyoona 1.3tti tilmaamaman torba rukuttee buusuu himte.
Gidduu kanatti miidhaan namaa fi qabeenyarra ga'e hin jiru.
Boodarra dubbi himaan humna waraanaa Huutii Yahyaa al-Sarea haleellaa gurguddaa misaa'elaa fi dirooniin raawwachuu mirkaneesse.