Dubartoota tajaajila ulfa baasuu argachuuf imalaniif eegumsi ni taasifama jedhan Baayidan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin US Joo Baayidan dubartoota tajaajila ulfa baasuu argachuuf jecha imalaniif mootummaan federaalaa eegumsa ni taasisaaf jedhan.
Waxabajjii amma xumurame kanarraa eegalanii dubartoonni miiliyoonaan lakkaa'aman US keessatti mirga ulfa baasuu dhabaniiru.
Kunis erga manni murtii biyyattii seera ulfa baasuu eeyyamu, kan waggaa 50 dura raggaasifame, Roe v Wade jedhamuun beekamu erga haqeeti.
Murteen kun kutaaleen biyyaa hunduu seera kana akka dhorkaniif karaa saaqeera.
Garuu kutaaleen biyyaa tajaajila ulfa baasuu kennuu fi dhaabuu irratti dhibdee keessa galanii jiru.
Google gamasaan ragaa dubartoota gara manneen yaalaa tajaajila ulfa baasuu kennan deemanii haquun, akkasaan hin hordofamne gochuuf hojii eegaluu ibseera.
Dubartoonni kutaalee biyyaa seera ulfa baasuu haqan keessa jiraatan daangaa qaxxaamuruun gara kutaa biyyaa ammallee tajaajilli kun seera qabeessa ta'ee jiruutti imaluuf dirqamaniiru.
Bulchitoota miseensa dimokiraatotaa ta'an waliin kan mari'atan Pireezidant Baayidan, kutaaleen biyyaa US hedduun dubartoota tajaajila ulfa baasuu barbaacha daangaa qaxxaamuran qabanii hidhuu akka danda'an himan.
''Uummanni kun ni ta'a jedhee amanee hin beeku. Garuu ta'uuf deema,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pireezidantichi dabaluun mootummaansaanii dubartoonni qoricha da'umsa ittisu akka argataniif kan hojjetu ta'uu himan.
Murteen ulfa baasuu Roe v Wade jedhamu dhorkamuun US keessatti rifaatuu guddaa uumeera.
Murteen mana murtii olaanaa kun dubartoonni ulfaa'anii yeroo hanga ji'a sadiitti jiru keessatti ulfa baasuu akka danda'anii fi sanaa ol kan jiru ammoo seeraan akka dhorkamu eereera.
Murtee mana murtii kana booda kutaaleen biyyaa US 13 ta'an ulfa baasuu dhorkaniiru.
Pireezidant Baayidan kongiresi biyyattii seera mirga ulfa baasuu kan bakkatti deebisuu danda'u filannoo Sadaasa booda gaggeeffamuun boodadha jedhan.
Gabaasaan BBC Los Angeles jiru Peter Bowes, kutaalee biyyaa ulfa baasuu dhorkan keessatti poolisiin dubartoota ulfa baasuuf karoorfatan karaa bilbila isaanii hordofuun bira ga'uu danda'a jedhe.
Kana hambisuuf Google torbee dhufurraa kaasee, wayita dubartoonni ulfa baasuuf jecha gara manneen yaalaa, giddugala gorsaa fi kaanitti imalan ragaa agarsiisu akka haqu ibseera.
Meeshaaleen elektirooniksii kallattii dubartoonni itti imalan agarsiisu yoo jiraate, ergasaan tajaajila ulfa baasuu argatanii booda ragaan imalaa isaanii akka haqamu nan godha jedhe Google.












