Poolisiin meeshaa elektirikaan maanguddoo ganna 95 hadoochee miidhe ijoo dubbii ta'e

Maanguddoo to'annoo jala oolfaman
Maxxanfame

Maanguddoon Awustiraaliyaa dhukkuba dementia qaban, poolisiin erga meeshaa elektrikaa fayyadamuun to'atee booda, akkaan miidhamanii hospitaala seenan.

Poolisiin mana kunuunsa maanguddootaa Yallambee Lodge keessa, maanguddoon ganna 95 Clare Nowland jedhaman haaduu qabataniiru gabaasni jedhu gaheen.

Mudannoon kun dheekkamsa guddaa kan hordofsiise ennaa tahu, rogeeyyiin tarkaanfii poolisiin fudhate kan walgitu miti jedhan.

Ajajjuun poolisii bulchiinsa Niiw Saawuz Weels (NSW), yaaddoo hawaasichaa akka qooddatan eeruun, qorannoon gaggeeffamaa jira jedhan.

Maanguddoon kun wayita Roobii ganama argaman albee "hidhatanii turan" jechuun qondaalli poolisii Peter Cotter miidiyaatti Jimaata himan.

Poolisoonni lamaafi hojjetaan mana kunuunsaa tokko haala ture tasgabbeessuuf yaalaniis, "suuta haala jechuun danda'amuun, gara poolisii dhufte." Achiis meeshaa kanaan hadoochan ykn "Tasered" godhan.

"Kazaraan deemaa turte, garuu ammoo haaduu qabattee turte," jedhan qondaalli poolisii kun.

Maatii maanguddoo kanatti dhiyeenya kan qabu Andrew Thaler akka jedhutti, Aadde Nowland marroo lama meeshaa elektriikaa kanaan rukutaman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tokko laphee isaaniirra, kan biraa ammoo dugda duubaan.

Achiis maanguddoon kun lafa dhahan - buqqeen mataa isaanii miidhameera, sammuu isaanii keessas dhiigni dhangalaa'aa jira jedhe.

Maatiin maanguddoo kanaas amma booda waan oolan miti jechuun, gaddarra akka jiran Andiriiw BBCtti himeera.

"Maatiin akkaan naheera, bitaas itti galeera... Hawaasnis dheekkameera.

"Akkamiin kun mudata? Humna hanga kanaa [fayyadamuu] akkamiin ibsuu dandeessa? Waan badaati."

Gareewwan hawaasaa tarkaanfii poolisii kana akkaan qeeqaa kan jiran oggaa tahu, jaarmiyaan qaama miidhamtoota irratti hojjetu PwD isa tokkodha.

"Maanguddoon waggaa 95 kun dubartii akkaan cimtuu, saffisa qabduufi sodaachistuudha - yookaan ammoo poolisoonni kunniin murtee isaanirraa hin eegamne fudhatan," jedhe jaarmiyaan kun.

"Kunuunsaa fi yeroo itti kennuun nama waan kana raawwatutu isheef mala, malee Taser godhamuun isheerra hin turre."

Poolisiin kutaa biyyaa NSW dhimmi kun "xiyyeeffannoo guddaan" qabamee, qorannoon eegalamuu ibse.

Poolisiin taatee kana raawwate hojiirraa hin dhorkamu, garuu qaama qorannoo keessatti warra kaan dabalatee ni gaafatama jedhameera.

"Nu keessaa, qondaalli poolisii tokkoyyuu seeraan ol miti. Tarkaanfiin keenya kamuu gadi fageenyaan ilaalama."

Bakki turtii Yallambee Lodge bara 1995tti kan hundaa'e ennaa tahu, namoonni "fedhii guddaa" qaban bakka itti kunuunfamanidha.

Aadde Nowland wiirtuu kanatti waggoota shanii oliif kan jiraatan tahuu ABC'n gabaaseera.

Maanguddoon akaakilee argan kun naannichatti akkaan kan beekaman ennaa tahu, bara 2008tti guyyaa dhalootaa isaanii 80ffaa wayita kabajanitti TV irratti dhiyaatanii turan.

Gaafas samii magaalaa Kaanberaa irraa xiyyaara keessaa utaaluun (sky-diving) guyyaa kana yaadatanii oolan.

Meeshaan Taser jedhamuufi poolisoonni biyyoota adda addaa baatanii deeman kun, namoota to'atamuu didaniifi amala rakkisaa tahan yeroof laamsheessuuf gargaara.

Meeshaan kun akkuma shugguxiitti kan baatamu ennaa tahu, shiboo elektriika madaalamaa qaban lama keessaa dhukaasuun qaama namaatti maxxanee, namni akka hadoodu yookaan laamsha'u taasisa.

Qondaala Poolisii Firaans Taser mudhiitti hidhate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaala Poolisii Firaans meeshaa Taser hidhate