Waraana Yukireen: Dirooniin Raashiyaa keessaa ka’e buufata humna-qilleensaa Piskov haleele-Kiiv

Madda suuraa, EPA
Haleellaan diroonii dachee Raashiyaa keessaa ka’e buufata humna-qilleensaa Raashiyaa, magaalaaa Piskoov keessa jirurratti gaafa Kamisaa gaggeeffamuu dursaan tikaa humna waraanaa Yukireen himan. Kiriiloo Budaanov akka jedhanitti, xiyyaarri fe’isaa Ilyushin lama barbadaa’anii lama ammoo miidhaan irra gaheera.
Raashiyaan garuu afur irra miidhaan gaheera jette.
Budaanov haleellaan kun Yukireeniin ykn warra Raashiyaa keessa taa’anii oppereeshinii gaggeessaniin raawwatamuusaa kan jedhan hin qaban.
Yukireen haleellaa dirooniin Raashiyaa irratti raawwattu amma taatee guyyuu ta’aa dhufeera.
Haleellaa Piskoov irratti gaggeeffame kanas amanteetti. Haata'u malee, yaadni Budaanov kennan kun meeshaa waraanaa lafa fagoorraa ka'uun raawwatame jedhu waan hambise fakkaata.
Kamisa Pirezidant Voloodmiir Zeleniskii akka jedhanitti, meeshaan waraanaa Yukireen hojjette fageenya kiiloomeetira 700 irratti qiyyaafatee rukutuu danda'a. Fageenyi Piskoov ammoo daangaa Yukireen irraa kiiloomeetira 700tti kan siqudha.
"Nuti daangaa Raashiyaarraa hojjechaa jirra," jechuun marsariitii Waar Zoonitti himan Budaanov. Haata'u malee, dirooniiwwan gosa kamiifi meeqa akka gargaaraman garuu hin dubbanne aanga'aan kun.
Dirooniiwwan kunneen bantiiwwan xiyyaarotaa, bakka taankariin boba'aa jiruufi baallee isaa murteessaa ta'e addatti irratti qiyyaafachuun haleelu jedhan.
Xiyyaaronni miidhaan irra gahe xiyyaarota meeshaa fe’anii lafa fagoo geessan yoo ta’an, loltootaafi meeshaalee barbachisoo ta’an bakka fagoo ta’etti waan geejjibsiisaniif humna waraanaa Raashiyaatiif gatii guddaa kan qabanidha.
Aanga’oonni Yukireen walumaa galatti haleellaawwan Raashiyaa keessatti gaggeeffaman ilaalchisuun dubbachaa hin jiran jedha gabaasaan BBC dhimmoota addunyaa Paawol Adaams.
Haata’u malee, duulli jiru dabalaa dhufnaan aanga’oon Kiiv gochaan kun qama waraana biyyattiin gaggeessaa jirtuu ta’uu amanaa waan dhufan fakkaata.
Kun osoo kanana jiruu haleellaawwan diroonii Raashiyaa keessatti bakka gara garaatti Kamisa halkan irraa kaasee hanga Jimaataatti gaggeeffamaa tureera.
Gabaasaaleen hin mirkanaa’iin akka himanitti, warshaan qaama elektirooniksii rookkeettii hojjetu magaalaa Lyubertsy jedhamtu Mooskoon alatti argamtu rukkutameera.
Haata’u malee, Kantiibaan magaalaa Mooskoo Sergee Sobiyaaniin akka jedhanitti, dirooniiwwan Lyubertsy irra turan miidhaa tokkollee osoo hin qaqqabsiisiin ykn lubbuu tokkollee osoo hin ajjeesiin rukkutamanii akka kufan taasifamaniiru.
Haleellaa guyyoota dura Mooskoo keessatti gaggeeffameen balaliiwwan buufatawwan xiyyaaraa Mooskoo keessaa ka’an akka tursiifaman ykn haqaman taasifamanii ture.
Yukireen erga dhiyoo as daangaa Raashiyaa keessatti tarkaanfii deebisanii haleeluu gaggeessaa jiri.












