'Dhimmi Hacee qaama bilisa ta'een akka ilaalamu nan iyyadha'-Haadha warraa Hacaaluu eebba Fiilmiirratti

Eebba fiilmii Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Awol Alo

Maxxanfame

Fiilmiin Dokimentarii seenaa jirenyaa Art. Hacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeefachuun Afaan Ingiliziin biyya alaatti qophaayee Ameerikaa Miniyaapolistti eebbifame.

Haati-warraa artiist Haacaaluufi hundeessituun Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissee ajjeechaan artiist Hacaaluu qaama walabaan akka qoratamu akka iyyattu saganta eebba fiilmii kana gubbatti dubbatte.

Eebba Albamii Haacaaluu Adoolessa 28, 2021 gaggeeffame irratti haasaa taasisaniiniis maatiin artistii kana haqa akka barbaadan ibsanii turan.

Guyyaa eebba Albamichaa Aadde Faantuun ergaa ummataaf dabarsiteen 'waan laman dhabe,'' jechuun ture akka haqa abbaa-warraa ishee barbaaddu kan himte.

''Waa lama dhabduun ta'e, siis dhabeen dhugaa kees dhabe,'' jechuun ergaa ishee bifa walaloon dabarsitee turte yerosis.

Abbaan Haacaaluu Obbo Hundeessaa Boonsaas haasawa godhaniin 'dhiigni mucaa kootii dhangala'ee akka hin hafne Waaqa naaf kadhadhaa' jechuun hirmaattota sagantichaa gaafatan.

Adeemsa murtii haqaa ajjeechaa Artistii kanaa ilaalchisuun kanaan dura BBCtti kan dubbate Siisaay Hundeessaa, jalqabumarraa eegalee ajjeechaan Haacaaluu Hundeessa "qaama sadaffaa walaba ta'een" akka qoratamu maatiin fedhii qaba ture jedhee ture.

Siisaay, "qaamni nuti qaama walabaan akka nuuf ilaalamu gaafannu hin turre, karaan isaa cufaadha" jechuun ibse.

Garee hojii filmii kana hojjechiisuuf ijaarame adda durumaan kan gaggeessan Hayyuun Seeraa Awwal Aloo(PhD) fiilmiin mata-duree Spear through the Heart jedhu hojjetame jiruufi jireenya, akkasumas hojii Hacaaluu irratti xiyyeefata jedhan.

Artiistiin maqaa gudda , weelluuwwan isaatiin ''dhaloota mirga ofii gaafachuuf dammaqsuun'' leellifamu Hacaaluu Hundeessaa waggaa lama dura magaalaa Finfinneetti ajjeefame.

Ajjeeffamuu isaan walqabatee mormii guddaafi hokkora dhalateen dhibbaan namootni lakkaawwaman lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namootni siyaasaa akka Jawaar Mahaammadiifi Baqqalaa Garbaa dabalatee hedduunis hidhamaniiru.

Fiilmiin dokimantarii seenaa fi ta'iiwwan gurguddoo artiist Hacaaluu agarsiisuu biyya Ameerikaatti qophaaye Dilbata Hagayya 28, 2022 eebbifameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Faantuu Damissee qopheessitoota sagantaa kanaa maqaa Hacaaluun galateeffattee, fiilmichi Hacaaluun bara baraan kan yaadatamu ta'uu agarsiisa jette.

''Warri Hacee ajjeesiftan mee bu'aa maal argattan? uummata ija jaamsina jettanii ofii ija jaamtan. Boqonnaa dhabdan. Uummata dammaqsitan... nagaafi tasgabbii biyya irraa balleessitan'' jechuun dhaamsa gama viidiyoon ergiteen dubbatte.

''Hacee ajjeestanii dhugaa isaa kan dhokistan caala diraamaan nurratti hojjettan osoo afaan qabaatee laftuu ragaa isiniratti baha,'' jechuun qaama ajjeechaa kanaaf shakkitu kan maqaan hin eerretti quba qabdeetti.

Dhugaan ajjeechaa isaas dubartii yeroo inni ajjeefamu bira turteefi kanneen sana booda ''diraamaa hojjetan'' bira akka jirus himte.

Itti dabaluunis, ''eenyuyyuu anaaf qulqulluu miti. Yoo ani qulqulluudha jedhe ragaa isaa uummataaf haa ibsu. Dhugaa Hacee haa baasu,'' jette.

''Dhimmi Hacee qaama bilisa ta'een akka ilaalamu, qaama dhimmi ilaallatutti nan iyyadha. Isinis dhugaa ilma keessanii barbaada,'' jette.

Eebba fiilmii Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Awol Alo

Hojiin isaa beekumsaafi xiinxala gadi fagoo irratti waan hundaa'uuf kabaja guddaan qabaaf kan jedhan Dr Awwal Aloo, hojiin isaa hangam takka dargaggoo akka dammaqse, hagam takka siyaasa Oromoofi Itoophiyaarratti dhiibbaa akka uume barreessuu isaanii yaadatan.

Yaadannoo isaa waggaa tokkoffaa yeroo kabajaniis yaadni fiilmii dokimentarii qopheessuu akka tures dubbatan .

Fiilmiin kun jalqaba Afaan Ingiliffaan kan hojjetameef uumatni biyya alaa jiraatuufi ilmaan Oromoo biyya alaa jiraatan akka gaariitti akka beekaniifi jedhu Dr Awwol.

Ogeessi seeraa kun dhimma haqaa Hacaaluu ilaalchisee wanti gama mootummaan hojjetame gahaa miti jehcuunis BBC'tti himaniiru.

Dubbiin haqa isaa waan guddaa waan ta'eef dokimantarii kana keessatti hin galfamnee jedhan.

Galtee hojii fiilmii kanaaf barbaachisu argachuun fi filannoo jechaa isa ibsan argachuun bu'aa bayii hedduu hojii fiilmicha hojjechuu keessatti argan ta'uu himaniiru.

Hojiin fiilmii kanaa waggaa tokkoo ol fudhchuus dubbatan.

Fiilmiin kun uumata bira akka gahu ilaalcha siyaasaa akka hin calaqqifneefi seenaa dhugaa fi gahee Haacaaluu akka maadaalu godhamee akka hojjetame dubbataniiru.

Itti dabaluunis eebba fiilmii kanaan booda fiilmichi Faawundeeshinii Hacaaluu Hundeessaaf dabarfamee kennama jedhaniiru.

''Haacaaluu kabajuun Oromummaa kabajuudha'' jedhanii, sabni Oromoo goota isaa, beekaa isaa akka kabaju dhaaman.