Ajajaan poolisii magaalaa Dabre-Birhaan namoota hin beekamneen ajjeefaman

Ajajaa poolisii magaalaa Dabre-Birhaan

Madda suuraa, NORTH SHOA ADMIN

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa, godina Shawaa Kaabaatti ajajaan poolisii magaalaa Dabre-Birhaan rasaasa namoota hin beekamneen itti dhukaafameen ajjeefamuu isaanii bulchiinsi magaalichaa ibse.

Ajajaan poolisii magaalaa Dabre-Birhaan gama Kaaba Finfinneetiin kiiloomeetira 130 irratti argamtuu Komaandar Minwuyyeellet Cinqilloo kan ajjeefaman Jimaata Adoolessa 14, 2023 akka ta'es ibsameera.

Waajirri Komunikeeshinii magaalaa Dabre-Birhaan ibsa gaddaa baaseen akka agarsiisetti, ajajaan poolisii kun osoo hojiirra jiranii ture rasaasa namoota hin beekamneen itti dhukaafameen kan rukutaman.

Komaandar Minwuyyeellet Cinqilloo erga hidhattootaan haleellaan irratti raawwatamee madaa'anii booda gara hospitaalaa kan geeffamanii turan ta'us lubbuun isaanii darbuun ibsameera.

Komunikeeshiniin magaalichaa, "gaggeessitoota jajjaboo filanii ajjeesuun jijjiiramni dhufuufi haqni mirkanaa'u hin jiru," jechuun erga dhiyoo asitti aanga'oota siyaasaafi nageenyaa beekamoofi jajjaboo irratti ajjeechaan akka raawwatamu himeera.

Erga mootummaan Federalaafi bulchiinsi naannoo Amaaraa naannicha keessatti hojii seera kabachiisuu hojjechaa akka jiran beeksisanii ji'oota muraasa darbanitti, naannicha bakka gara garaatti hoggantoota siyaasaafi nageenyaa olaanoorratti ajjeechaan raawwatameera.

Kanneen keessaa ji'oota lama dura miseensa hoji-raawwachiiftuu paartii biyyaa bulchaa jiru Paartii Badhaadhinaafi itti-gaafatamaa waajira Paartii Badhaadhinaa damee naanoo Amaaraa kan ta'an Obbo Girmaa Yashii-xilaa godina Shawaa Kaabaa keessatti hidhattootaan ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

Haleellaa raawwatame kana dabalatee yoo xiqqaate namoonni shan hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen kan ajjeefaman bakka magaalaa guddoo biyyaa taate Finfinnee irraa kiiloomeetira 250 fagaatee argamutti A L I Ebla 16, 2015'tti ture.

Akkuma kana torban tokko dura guyyoota walitti aanan naannoo Amaaraa Goojjama Bahaa aanaa Dajan fi godina Shawaa Kaabaa magaalaa Shawaa Roobit keessatti aanga'oota nageenyaa argaman irratti haleellaa raawwatameen ajajoonni poolisii lamaafi itti-gaafatamaan nageenyaa tokko ajjeefamaniiru.

Haleellaa torban dura hidhattoonni raawwataniin itti-gaafatamaa nageenyaa magaalaa Shawaa Roobiit kan ta'an Obbo Abduu Huseen, itti-gaafatamaa waajira poolisii aanaa Dajan kan ta'an Inispektar Zawuduu Taaddalaafi itti-aanaa itti-gaafatamaa qorataa yakkaa waajira poolisii aanichaa Inispektar Warquu Shimmallis ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.

Ajjeechaa aanga'ootaa naannoo Amaaraa keessatti bakka gara garaatti akka kana raawwatamaa jiran ilaalchisuun hanga ammaatti qaamni itti-gaafatamummaa fudhate hin jiru.