UKtti kana booda faaksii fayyadamuun barri waan itti darbe fakkaata

Faaksii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

UKtti kana booda maashiniin faaksii barri irra darbeera jedhame. Faaksin waggoota dheeradhaaf UK keessatti dhaabbataadhan hojiirra oolaa ture.

Haa ta’u, garuu to’ataa kominikeeshinii UK kan ta’e Ofcom faaksiin kanaan booda hojiirra akka hin oollef seera daangessu baasuuf mari’ataa akka jiru beeksise.

Kana jechuun akka dirqama tajaajila idil-addunyaa (USO)tti dhiyessitoonni telekoomii tajaajila faaksii dhiyeessuf dirqama hin qabaatan jechuudha.

“Dambiiwwan jiran irratti jijjiirama gochuuf yaada dhiyeessaa jirra,” jedhe Ofcom.

Bara 2003, yeroo namoonni heddu tajaajila imeelii argataa hin turree fi faaksii fayyadamuun dhaamsa dabarsuun beekamaa turetti, Ofcom dirqama tajaajila idil-addunyaa (USO) lafa kaa’ee ture.

Akka qaamni komunikeeshinii bara darbe irraa kaasee seera faaksii gabaa kominikeeshinii keessaa baasu hojiirra oolchuf hojjataa turuu beeksise.

“Itti fayyadamni isaa xiqqaachaa dhufuu irraa kan ka’e faaksiin [seera dhiyeessii faaksii dirqisiisu] dirqama tajaajila idil-addunyaa keessaa haquun barbaachisaa ta’ee natti mul’ate,” jedhe Ofcom. 

Maashina faaksii

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota hedduuf ergaawwan faaksii miliyeena heddutu ergamaa ture.

Faaksin namni tokko sarara bilbila manaa fayyadamuun ergaa waraqaa yookin suuraa nama biraatif erguuf gargaara.

Waliigaltee garaa garaa, dookumentiiwwan bittaa fi gurgurtaa fi kanneen biroos yeroo gabaabaa keessatti wal jijjiiruf dhimma itti bahamaa ture.

Bakka buutonni taphattootaa jijjiirraa taphattootaa raawwachuuf illee faaksitti fayyadamaa turan, amma Pirimerliigin faaksitti fayyadamaa jiraachuu baatus.

Amma kilaboonni dookumentiiwwan erguuf faaksii caalaa imeelitti dhimma bahaa jiru.

Bakkeewwan bulchiinsa meedikaalaa, qaamolee seera kabachiisanii fi sirna jijjiirraa abbummaa qabiyyee keessatti hojiirra oolaa jiraatus, waggoota dhiyoodhaa asi itti fayyadamni faaksii baay’ee xiqqaatera.

Ragaalen akka agarsiisanitti Tajaajila Fayyaa Biyyoolessaa UK (NHS) keessa maashiniiwwan faaksii dhibbaan lakkaa’amu qofatu jira.

Waa’ee maashinii faaksii ilaalchisee jijjiirama jiru Ofcom bara 2023 tti ni beeksisa jedhame.