Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaa keessatti doonii haleeluun namoota sadi ajjeessuun gabaafame

Madda suuraa, CENTCOM
Hidhattoonni Huutii haleellaa miisaa’eelaa doonii fe’umsaa tokkorratti guyyaa Roobii raawwataniin hojjattoota doonichaa sadii ajjeessanii kaan madeessuu aanga’oonni Ameerikaa beeksiisan.
Huutiin dooniiwwan karaa Galaana Diimaa qaxxaamuran irratti haleellaa raawwachuu erga eegalanii hojjattoota doonii yoo ajjeessan kun kan jalqabaati.
Dooniin fe’umsaa alaabaa Baarbadoos qabduufi ‘Tiruu Konfiidansi’ jedhamtu tana irratti erga haleellaan raawwatamee booda hojjattoonni bu’anii kan baqatan yoo ta’u, dooniitiinis ibiddi itti qabachuun galaanarra dhaabbattee jirti.
Izziin Jidduugala Waraanaa Ameerikaa sochii Jidduugala bahaa to’atu akka jedheetti, haleellichaan hojjattoonni doonichaa sadi yoo ajjeeffaman, yoo xinnaate namoonni afur ammo miidhaan irra qaqabeera.
Hidhattoonni Huutii waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffamuun deeggarsa isaanii filisxeemootaaf ibsuudhaan haleellaa eegaluu kan ibsan yoo ta’u, doonii Galoo galaanaa irra turteetti kan dhukaasan sababii akeekkachiisa humna galaansaa isaaniif aboomamuu diddeef ta’uu himan.
Imabaasiin Biritaaniyaa Yamaniitti argamu du’a hojjattoota doonichaa kana ilaalchisuun, ‘‘kan nama gaddisiisuufi taatee Huutiiwwan of eeggannoo malee misaa’ela doonii addunyaarratti dhukaasaniin mudateedha’’ jechuun haleellaa akka dhaabaniif gaafate. ,
Haleellicha hordofuunis TV Al-Nusraah jedhamuufi Huutiin tamsa’u Roobii galgala akka gabaaseetti, haleellaan qilleensaa Ameerikaan durfamu lama buufata xiyyaarraa magaala Hudeeyidaah kan buufata Galaanaa Diimaa Huutiin to’atame keessatti argamu irratti raawwatameera.
Dooniittiin garee ‘‘humnoota galaanaa Yaman’’ kan jedhaniin akka sararashee geeddartuuf karaa raadiyootiin ergaan kan darbeefii ture ta’u dhaabbanni daldala galaanaa Biriteen beeksiiseera.
Wayita haleellichi raawatameetis dhohiinsi cimaan dhagahamuu fi aara baayyee argusaanii dooniiwwan yeroosa naannicha turan beeksiisan.
Doonitiinis misaa’ela itti dhukaafameen miidhaan kan irra qaqabee yoo ta’u, gareewwan humna galaana waloo Ameerikaan durfamu hojjattoota doonichaatiif deeggarsa taasisuun himameera.
Ameerikaatti Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa haleellaa Huutiiwwan raawwataniin Ameerikaan itti gaafatamo akka isaan taasiftuu fi biyyoonni biraatiis tarkaanfii wal fakkaataa akka fudhataniif waamicha taasisaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbii Himaan Maatii Miilar, ‘‘Huutiiwwan nageenyi namoota nagaa karaa Galaana Diimaa imalanii osoo isaan hin yaaddeessiin haleellaasaanii itti fufaniiru. Ammaas haala nama gaddisiisuun namoota nagaarratti ajjeechaa raawwataniiru,’’ jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa UK, Loord Kaameeruun haleellaa huutiiwwan sarara galaana addunyaatti raawwtaaa jiran ni balaaleeffana. Akka dhaabbatuus ni barbaadna. Kanaafis tarkaanfii qabatamaa ni fudhanna,’’ jedhan.
Hidhattoonni Huutii ibsa baasaniin, dooniin haleellaa irratti raawwatan, ‘‘qabeenyaa Ameerikaati’’ jedhan ileen, garuu dubbii himaan dhaabbata bulchaa dooniitti, dooniin ‘‘dhaabbata Ameerikaa kamuu waliin walitti dhufeenya omaatuu kan hin qabneedha’’ jedheera.
Dooniitiin abbummaa dhaabbata Afriikaa Kibbaa jala ta’uun, Laayibeeriyaatti galmaa’uun kan dhaabbata geejjiba Galaana Giriik jalatti sochootuudha. Duraangaruu qabeenyaa dhaabbata Ameerikaa tokko akka turte APn gabaaseera.
Dooniin fe’umsaa tunis Chaayinaa irraa oomishaalee sibiilaa fi konkolaataawwan gurguddaa feetee gara magaala buufata galaana Saawudi Arabiyaa kan taate gara Jiddaatti osoo imalaa jirtuu ture kan misaa’ela Huutiin Galaana galoo keessatti haleellamte.












