Daldalaa nama hojii jalqabuuf kennaa birrii 100,000 badhaasan

Maxxanfame

Hojii daldalaa irratti kan bobba'an Obbo Bijaay Naayikar tibbana miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii tahaniiru.

Yaada daldalaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansuun beekamu.

Miidiyaa hawaasaa irratti tibbana ''hojii koo kanaan na filadhaa'' maxxansooti jedhan baay'inaan qoodamaa jiru.

Kaappitaala hojii jalqabuuf gargaaru argachuuf haala al-idilee taheen Feesbuukii irratti dorgommiin taasifamaa jira.

Hojii jalqabuuf kaappitaala barbaachisu argachuuf dhaabbileen faayinaansii idilee wabii gaafachuun isaanii hojji uumtota baayyee yaadaan qofa hambiseeera.

Yeroo qarshiin argamus yaadni isaanii yeroo irra darba.

Obbo Bijaayi dhaabota faayinaansiin alatti hojii jalqabuuf sirnoota wal-gargaarsa hawaasaa faayidaarra oolchuufis yaalaa jiru.

Mudde irra jalqabee dorgommii hojii jalqabuuf ''Netsaa firee fand'' jedhamu miidiyaa hawaasaa isaanii irratti jalqabaniiru.

Dorgommiin marsaa tokkoon guyyoota sadiif turu kuni namoota kumaan lakkaa'aman hirmaachisa.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa irratti yaada kennan gara hin qaban.

Dorgomtoonni yaada hojii qaban dhiyeessuun deeggarsa Feesbuukiifi daanyotarraa irraaa argataniin yoo mo'atan (sead money) maallqa hojii itti jalqaban Obbo Bijaayi irraa birrii 100 argatu

Dorgommiin kuni marsaa sadaffaarra kan gahe yoo tahu hamma yoonaa injifattootaaf qarshiin kuma 600 ol kennameera.

Maallaqa kana deeggarsa hawaasaaf akka taasisanitti kan ilaalan Obbo Bijaayi dorgommi kana Feesbuukii irratti guyyootaaf adeemsisu.

''Ani birrii 100 kanan kennu akka sanyiiti. Qonnaan bulaaf gaafa sanyii kennitu ni facaasa malee daaksisee hin nyaatu. Sanyiin facaastu ammoo isa haammattuun akkaan xiqqaa dha. Kanaaf ani sanyiin keenna. Fandiin kuni fandii sanyiiti. Kanaaf namni qarshicha argate haadhasaa ykn firasaarraa dabalee yaadasaa ittiin hojiirra oolfachuu danda'a.

Ofiinis ittiin hojjechuu danda,'a,'' jechuun waa'ee qarshii kennanii BBCtti himaniiru.

Waamichi dorgommii afaan garaagaraan kan beeksifamu yoo tahu, koorniyaa wal-madaalchisuufis jecha dorgommiin dubartootaas qofaatti jira.

Fandiin kuni ''liqaa, invastimantii moo kennaa dha?'' jechuun kan gaafate Obbo Bijaayi ''kennaa'' dha jechuun deebisaniiru.

Walumaagalatti dorgommiin kuni namoota onnachiisaa jira jechuun iyyattoonni kuma 20 galmaa'uu jedhaniiru.

''Waraanaafi kooviidin booda dargaggoon baayyee madaa sammuu keessa jiraachaa jira. Fedhiin hojii jalqabuu hir'iseera. Kanaaf qarshiin kuni yaaddoo keessaa akka bahanii yaadaniiif,'' jechuun dorgommicha akka dammaqsaatti akka ilaalan himan.

Waraana Itoophiyaa waggaa lamaaf tureen buqqa'ee kan ture Abduusalaam Mi'iraafuun mo'ataa ''Netsa firee fandii'' dha.

Abdusalaam jiraataa Raayyaa Allaamaaxaa yoo tahu buqqa'uun dura boba'aa qinxaboodhaan gurguruu irratti bobba'uun akka hojjetaa ture dubbata. Gara qe'eesaatti erga deebi'een booda hojii hin qabu ture.

''Waan qabnu achuma Daseetti fixne, of baasuuf jecha wareegamni kaffaltu waan jiruuf,'' jechuun hojii jalqabuuf qarshii akka hin qabne hima.

Dhimma daldalaafi hojii uumuu waanin hordofuuf dorgommicha Feesbuukii irratti argee kan jedhu Abduusalaam, ''yaada qophaa'ee waan qabuufiyyuu battalumaan saanduuqa yaada itti keennan keessan kaa'e,'' jedha.

Kanaanis hojiin hodhaa wayyaa jaalatamuun guyyoota sadiif dorgommii marsaa kanaan dursaa turuun mo'achuu danda'eera.

Qarshiin kuma 100 argateen maashinaa fi galtee garagaraa bituun torbee tokko keessatti gara hojiitti akka gale hima.

''Qarshii kanaan jalqaba siinjarii(makiinaa hodhaa) qarshii kuma 33'n bite. Achiin booda huccuu dizaayiniif halluu garagaraa qaban bituun uffatta firaashii, boraatii, golgaaa foddaa hojjechaatiin jira,'' jedheera.

Badhaasa qarshii Obbo Bijaayi ''yeroo sirrii irratti kan dhufe,'' ittiin jedheera.

Qarshiin argate hojii jalqabuuf guutummaan guutuutti gahaa akka hin taane kan himu injifataan dorgommii kanaa garuu hojii jalqabsiisuuf ni taha jedheera.

Ansoolaa, firaashiifi huccuu boraatii dizaayinii ofiisaatin kan dhiyeessu Abduusalaam iddoo garaagaraatii ajaja fudhachuun ''qajeesheen'' hojjechaa jira jedhe.

Obbo Bijaayi mo'ataan erga qarshii argateen booda maalirra akka oolchu akka hin to'anne himaniiru.

Hamma yoonaa hojiin hojjetaa jiran bu'aa qabeessa akka tahe himaniiru.

Dorgommiin ''Netsaa firee fand'' yoo xiqqaate trobeettii guyyoota sadiif adeemsifamaa baatiiwwan sadan dhufaniif akka itti fufus himaniiru.

Kana jechuun Obbo Bijaayi walumaagalatti birrii miiliyoona 3.6 ol injifattootaaf kennuu.

''...kennaa gargaarsa irratti hundaa'e kennuu mannaa hojiifi sochii irratti hundaa'uun kennuun nuunis kaanis barsiisa. Waan baayyee fayyada jedheen amana,'' jechuun kanneen biroos akka isaan hordofan dubbataniiru.