Dargaggoo Intarneetaan kophee hojjechuu of barsiisee, kophee biyya alaatii galan hambisuu abdatu

Maxxanfame

Dargaggoo Firaa'ol Baqqalaa magaalaa Amboo ganda 05 jedhamu jiraata. Firaa'ol jaalala guddoo dizaayina kopheef qaburraa kan ka'e oogummaa kophee hojjeechuu odeeffannoo intarneetarraa argate qofaan guddisee gosoota kophee biyya alaatii galan hambisuuf galma godhatee hojjechaa jira.

Firaa'ol ijoollumma isaarraa qabee barnootaan cinaatti hojii mukaafi sibiilaa maatiin isaa hojjetan gargaaraa guddatte.

Yunivarsiitii Amboottis barnoota Rural Develoment jedhamu qara'aa ture. Firaa'ol yeroo dheeraaf mana hojii mukaafi sibiilaa mataa fi maatii isaa hojjechaa turee fi barnootas itti dhiisee hojii ''baayyeen jaalladhudha, kennaasaas nan qaba'' jedhu kophee ofii dizaayina gochuun hojjechuutti erga seenee waggootni sadii darbaniiru.

''Kophee nan jaaladha. Hangan danda'es waan faashinii fi adda ta'an bitadhee nan diradha ture'' kan jedhu Dargaggoon kun, hojii kophee haaraa lafaa kaasaanii hojjechuu tasa itti bahe.

Yeroo jalqabaaf haala itti yaadni kophee hojjechuu dhufeef yoo himu ''kophee tokko biteen booda dizaayinasaa jibbe. Gatii waanin itti baaseef gatuurra maaliif diigee akkan barbaadutti hin hodhu jedhe'' jedha.

Firaa'ol yeroo kana maashina kophee ittiin hojjetan hin qabu, wasfeefi kirrii kopheen, kophee san gara isa barbaaduutti jijjiire.

''Kopheen haaraa bite san diigeen waan biraa irratti godheen hodhe. Dizaayina mataa kootiin. Achii ahaa! kophee hojjechuu nan danda'aa, yaadni jedhu na keessatti uumame'' jedha.

Yeroo kophee argu ''osoo kunsaa akkas ta'e, akkas osoo ta'ee kan jedhu sammuu koo keessa deddeebi'aa ture'' kan jedhu Firaa'ol booda dizaayina mataa isaatiin lafaa kaasee kophee isaa jalqabaa hojjechuu hima.

''Achii yeroo jalqabaatiifi jiinsiifi goommaarraa kophee koo jalqabaan hojjedhe. Irrasaa jiinsii godheen sooliisaammoo gommaa konkolaataa dhume fayyadame.''

''Naannoo koorraayyuu nama baayyeerraa surree jiinsii dhumaa hedduun guuraa ture'' jedha.

Kophee isaa isa jalqaba hojjete tola hiriyyaa isaaf kenne, achii isa lammata ofii kaawwate. Namootni irratti argan eessaa argatte nus hin barbanna wayita jedhan ajajaan namoota naannoosaa jiraniifi hojjetee gurguruu eegale.

''Boca isaa jalqaba waraqaa adiirratti hojjedha ture. Maashinas hin qabu harkumaaniin hodha ture. Booda namni baayyeen nuufis hojjedhu jennaan hojjedhee 300'ttis, 400'ttis gurguruun eegale. Gatiin inni olaanaan yeros ittiin gurgure 600.''

Firaa'ol gabaan kopheesaatii takka ho'a takka qabbanaa'us hojii gammachuu isaaf kennu waan ta'eef maallaqa baroota darban walitti qabatee hunda itti baasee maashina kophee hodhuufi meeshaalee hojii kanaaf brbaachisan bitateera.

'Takkaahuu bakka kopheen hojjetamu qaaman dhaqee argee hin beeku'

Firaa'ool hojiilee oogummaaf jalaala addaa qabaachuu hima. Addatti ammoo hojii kopheerratti jalala guddaa waan horateef oogummaa kana gabbisuuf Finfinnee dhaqee bakka gogaa gurguranii, gogaa maallaqa hedduun bitee ittiin shaakalaa akka ture dubbata.

Firaa'ol oogummaa dadhabbiin guute, horiisaa itti fixe kanaan qalbiinsaa akka gammaddu ibsa. Oogummaa kana gabbisuufis intarneeta manatti galfatee odeeffannoowwaniifi leenjii dirree intarneetaarra guutan irraa hedduu fayyadamuu dubbata.

''Intarneeta manatti galfadheen yerookoo hunda itti laadhee dizaayina baasuurraa qabee hanga sadarkaa isa dhumaatti adeemsa jiru achirraan baradhe.''

Hubannoo gahaa akka argate wayita hubatu, itti aanee maal gochuu akka qabu of gaafate.

''Fedhii koo hordofuun qaba jedheen waanan qabuufi yeroon qabu hunda gara kanattin naannesse'' jedhe.

''Takkaahuu bakka kopheen hojjetamu qaamaan dhaqee argee hin beeku'' kan jedhu Firaa'ol, qaamni bulchiinsa magaalaa fi waajiraaleen hojii uumuu jajjabeessan leenjii ykn muuxannoo akka argatu akka isa gargaaran yaaliin godhe gaafa milkii dhabu taa'ee of barsiisuu dubbata.

''Wantan intarneetiirraa baradhe sana lafa buusuun qaba jedheen Markaatoo dhaqee gogaa birrii kuma 10, kuma shaniin biteen amma inni cicitee badutti of shaakalchiisaan ture.''

''Yeroon gabaa dhabullee takkaa gaabbee hin beeku. Waan fedhiikootii, waan keessa koo jirudha waan ta'eef dhibbaan dhibba itti gammadaan hojjedha'' jedha.

Firaa'ol maashinni bitatee ittiin kophee hojjetu, kopheewwan dhedheeroo buutsi jedhaman hojjechuuf hin mijatuuf. Hoji kanas kophaa waan hojjetuuf kophee miila lamaa tokko xumuruuf guyyaa tokko itti fudhata.

Ajaja fudhatee hojjechaa akka jiru kan himu dargaggoon kutannoon dargaggoota kaaniif fakkeenya ta'u kun, kophee gogaa sadarkaa qulqullinaa guddaa qaban hojjechaa jiruun amma gabaansaa dabalaa akka jiru hima.

Omishni kophee sadarkaasaa eeggatee yoo xiqqaate sadarkaa ykn namoota afuriin tuttuqame akka darbu kan dubbatu Firaa'ol, hojiin eegale kun dargaggoota biroo hedduuf hireen hojii uumuusaa guddaa akka ta'e dubbata.

Amma kopheewwan buutsii dizaayina adda addaan bifa gogaa adda addaarraa hojjetu hanga qarshii kuma lamaan gurguraa jira.

'Kaayyoon koo kophee leezarii biyya alatii galu asumatti hojjechuudha'

Akka Firaa'ol jedhutti haala mijaawaafi deeggarsa barbaachisaa hojiisaaf ta'u sababa hin arganneef fedhii gabaa kophee inni hojjetuuf jiruu dabalaa dhufuyyuu fedhii kana guutuuf rakkachaa jira.

''Kunis ta'ee garuu, bu'aa bayiin hedduu jiraatuyyuu hojii kanaan milkaahuun koo waan oolu miti'' jedha.

Hojii kana addaan kutee dhaabeellee kan na keessa jiru bor akkan jalqabu, boru bakkan barbaadu san akkan gahu, waan guddaa akkan dalagu nan amana.''

Galma isaa wayita dubbatu '' kopheewwan Awuroopaafi Ameerikaatii biyyatti galan keessuma warra James Boots jedhaman haala sadarkaa isaa eeggateen biyya keessatti oomishee bakka buusuudha'' jedha.

Fedhiin isaa inni guddaan kopheewwan soolii leezarii qaban sababa alaa dhufaniif gatiin isaanii qaalii ta'e irratti hojjechuu akka ta'es dubbata.

Hojii kophee kan maashinaafi galteewwan gogaa qulqulluu hedduu barbaadudha kan kan jedhu Firaa'ol, osoo meeshaaleen kunniin salphaatti argamu ta'e kopheewwan sadarkaa qulqullinaa guddaa qaban hojjechuun ni danda'ama jedha.

''Rakkoon leezarootaafi meeshaalee ittiin kophee hojjetan hunda argachuudha malee kopheewwan biyya alaatti hojjetamanii galan asitti wanti hin hojjetamneef hin jiru.''

Dargaggoon kun sadarkaalee bulchiinsaa fi waajiree dhimma hojii uumuu wajjin walqabate hojjetan irraa deeggarsa gahaa argachuuf rakkachuu ibsuun, namootni hojii akka isaa namoota kaaniifillee carraa hojii baayyee uumaan akka deeggaraman gaafata.

Meeshaalee muka ittiin soofaniin gogaa kophee soofee laaffisaa akka jiru kan himu Firaa'ool, gatiin meeshaalee hojii kophee osoo argamee fi bakka hojii mijataa osoo qabaatee kophee sadarkaasaanii eeggatan omishuun carraa hojii dargaggoota kaanifis uumuu akka danda'u dubbata.

Dhumarrattis ''hin shakkiin milkaaheen gaaffiifi deebii biraan wal argina'' jedha.