Finfinneetti dhagaafi biyyoon ijaarsaa jijjigee daa'ima waggaa afur dabalatee namoonni torba du'an

Bakka balaan itti mudate

Madda suuraa, ENA

Maxxanfame

Magaala Finfinneetti dhagaafi biyyoon ijaarsaaf jedhamee tuulame jijjigee namoonni daa'ima waggaa afurii dabalatee namoonni torba du'uun himame.

Balaan kun kan mudate magaala Finfinnee, Kutaa Magaala Addis Katamaa, Aanaa 12 bakka addaa Xarroo jedhamutti har'a Ebla 16, 2016 mudate.

Komishiniin Ittisa Balaa Tasaafi Abiddaa halkan keessaa sa'aatii 11 irratti birmannaaf waamichi akka isa qaqqabe BBCtti hime. Komishinichi akka jedhetti, balaa mudate kanaan dhagaafi biyyoon mana kutaa sadi qaburratti jijjiiguuni namoonni kan du'an.

Ogeessa sab-qunnamtii komishinichaa kan ta'an Obbo Nigaatuu Maammoo ogeeyyin ittisa balaafi abiddaa hatattamaan bakkichatti argamuun yaalii lubbuu baraaruu taasisanis akka hin milkoofne BBC'tti himan.

"Manni ijaaramaa jiru qarreerra bakka olka'aarratti. Manneen irratti jijjige ammoo gajjalaa jiru. Gubbaarraa isaanirratti jijjiige," jechuun akkaataa balaan itti qaqqabe himan.

"Biyyoon [irratti jige] guddaa waan tureef miidhamtoonnni qilleensa dhabaniiti lubbuunsaanii kan baate," jedhan.

Hojjattoonni balaa tasaafi abiddaa bakkichatti argamuun sa'aatii lama kan ta'uuf biyyoofi dhagaa jijjige kaasun lubbuu baraaruf tattaaffii godhanis reeffa dubartoota afuriifi dhiira sadii jijjiga jalaa baasuus himan.

Namoota du'an keessaa tokko mucaa waggaa afurii yoo taatu, ijoolleen sadi ammoo ol-adeemtota waggaa 11fi 12ti. Daraggoonni sadi ammoo waggaa 25 hanga 30 kan jiran ta'uu BBCtti himan Obbo Nigaatun.

Namoonni du'an kun miseensota maatii ta'uufi dhiisuu hanga gabaasi kun qophaa'utti addaa hin baane.

Gama biraan ammoo bakkichi lubbuu baraaruf mijataa ta'uu dhabuun hojii lubbuu baraarutti danqaa ta'ee akka tureefi maashina ijaarsan qotaanii namoota du'an jijjiga jalaa baasus dubbatu.

Dhagaafi biyyoon sababa maalin akka jige abbaa qabeenyaa ijaarsa ijaarsisaa jirurratti poolisiin qorannoo akka jalqabe himan Obbo Nigaatun.