Mooyyaleetti doqdoqqeewwan lakkoofsa gabatee Keeniyaa qaban to’atamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Komishinii Gumrukaatti Waajjirri Damee Mooyyalee doqdoqqeewwan 50 ta’an to’achuusaa himeera.
“Ummatni kuni cufti (kunneen motorri jalaa fudhatame) waan nyaatu dhabee taa’aa jira. Maatii keenyallee waan nyaachisnu dhabnee jirra,” jedhan motorri isaanii kan jalaa to’atame Obbo Biniyaam Admaasuu.
Tarkaanfiin motoora (doqdoqqee) lakkoofsa gabatee Keeniyaa qaban irratti fudhatamaa jiru erga eegalamee ji’a tokkoof deemaa kan jiru yemmuu ta’u, motoroonni 50 ta’an to’atamaniiru.
Komishinii Gumurukaatti Waajjirri Damee Mooyyalee motoroonni kunneen daldala seeraan alaa (kontirobaandii) irratti kan bobba’an fi nageenyaafillee rakkoo ta’uu hima.
Manaajarri Waajjira Damee Mooyyalee Obbo Caaniyaalaw Faajjii, motoroonni kun daddabarsa seeraan alaa qorichootaa, hashiisha (araada sammuu nama hadoochu) dabalatee sochii namootaa seeraan alaa irratti kan hirmaatan ta’uu BBCtti himan.
Rakkoo yeroo dheeraaf ture
Obbo Caaniyaalaw Faajjii, motorootni lakkoofsa gabatee biyya Keeniyaa qabaniifi karaa seeraan alaan Itoophiyaa keessa socho’an kunneen waggoota dheeraaf diinagdee biyyaarratti dhiibbaa geessisaa turuu BBCtti himan.
Konkolaataa fi bikibikiin (doqdoqqeen) gama Mooyyaleen karaa seeraan ala ta’een seenuun hanga giddugaleessa biyyattiittti imalaa turuu dubbatan.
“Motorri seera tiraafikaan ala karaa ta’een gara biyyaa gala. Inniyyuu mataansaa kontirobaandiin gala. Deebi’ee kontirobaandii gaggeessa. Nageenya biyyaarrattillee dhiibbaa fidaa ture,” jedhan.
“Keessattuu Mooyyalee keessatti boba’aa biyyi keenya deeggarsaan galchitu akkuma jirutti warratu itti fayyadama. Kontirobaandiin akkuma jirutti kan ittiin deddeebi’u motoroota seeraan alaa kana,” jeechuunis himan.
“Motoroonni kun qodaa seeran alaa kan seera gumurukaa hin eegin baay’ee galchu. Qoricha seeraan alaatu gala baay’inaan. Mi’a kontirobaandii adda addaatu gala. Hashiishni Shaashamanneedhaa dhufee Mooyyalee yemmuu qaqqabu Keeniyaatti kan galchan isaani,” jedhan.
“Namoota karaa adda addaatin biyya keessaa bahaniif biyyatti galanis isaantu daggala keessa olii gadi oofa,” jedhan.

'Wanti sababa jedhanii nutti himan tokoolleen hin jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanaa Mooyyalee jiraataa ganda Fugug kan ta’an Obbo Boruu Godaanaa namoota motorri isaanii Komishinii Gumrukaa Waajjira Damee Mooyyaleetin jalaa to’atame keessaa tokko.
Abbaa ijoollee torbaa ta’uu BBCtti kan himan Obbo Boruun motoora biyya Keeniyaatii bitaniin namootaaf tajaajila geejibaa kennaa turuu himu.
“Keeniyaadhaa binne malee olluma keessa gamuma Itoophiyaa hojjenna. Warri keenyas Itoophiyuma. Motoorri keenya gama Keeniyaa hin ceetu,” jedhan.
Motoorri isaanii jalaa fudhatamuu isaatinis maatiin isaanii rakkoof saaxilamuu dubbatan.
“Gibira kanfalaa ykn taargaa (lakkoofsa gabatee) Itoophiyaattii jijjiiraa osoo jedhanii silaa ni jijjiirra ture. Hoomaa nutti hin himne; akkasumaan nurraa fudhatan,” jedhan. Haaluma wal fakkaatun motorri isaanii kan to’atame jiraataan Mooyyalee inni biraan Obbo Biniyaam Admaasuu, lakkoofsa gabatee motoora isaanii gara Itoophiyaatti akka jijjiiraniif wanti itti himame ykn akeekkachiisni laatameef kan hin jirre ta’uu BBCti himan.
“Osoo motora harkaa qabanuu hojii dhorkan. Saamichuma jechuun danda’ama. Motoora dhaabbatee hojii barbaadaa jirtu, kan nama geessuuf jirtufaa kaatee motoora guurtee baattee galti,” jedhan.
“Erga nuti dhalannee akkasuma jiraanna. Arma keessa baratamaadha. Waanuma jiraati” kan jedhan Obbo Biniyaam, motorootni lakkoofsa gabatee Keeniyaa qaban Itoophiyaa keessa socho’uun hojjechuun waanuma baramaa ta’uu himan.
“Lafumaa ka’anii nuti gadi dhufanii nurraa qaban. Wanti sababa jedhanii nutti himan tokoolleen hin jiru.”
Haa ta’u malee Obbo Caaniyaalaw, beeksisa akeekkachiisaa maxxansuun dabalataan sagalee guddistuu fayyadamuun beeksisaa turuu himan.
“Kana didanii warri irreen ykn humnaan taa’uu barbaadan immoo motora hanga 50 ta’u to’annaa jala galchinee jirra,” jedhan.
“Seerri asitti hin kabajamu. Achitti waan kabajamuuf Keeniyaan lakkoofsa gabatee biyya biraas ta’e kan gabatee hin qabne galchuun hin danda’amu. Ni dhorkiti.
Kanaaf as lafa seerri itti hin kabajamne Itoophiyaa keessa taa’ee gamatti seera sodaachaa kanaaf gabatee osoo hin hiikin as keessa taa’ee daldalaa tureera,” jedhan.
Kaayyoo tarkaanfichaa…
Waggoota dheeraaf qabeenyi ummataa karaa seeran alaan gara biyya alaatti bahaa turuu akkasumas qabeenyi karaa seeran alaas gara biyyaa seenaa akka ture Obbo Caanyaalaw Faajjii himu.
Tarkaanfiin amma fudhatamaa jirus kaayyoowwan ijoo lama kan qabu ta’uu dubbatan.
“Tokkoffaa qabeenya biyyaaf bu’aa osoo hin buusin karaa kontirobaandiin bahu akka to’atamufii akka gara seeraatti deebi’u tolchuudha,” jedhan.
Kaayyoon ijoo inni lammataas “otoo seera gumrukaa hin raawwatin qabeenyi kamiyyuu bifa kontirobaandiin galee biyya keessa seenee daldala biyyaa karaa seeraan hojjetan kan jeequ to’atamuu qaba jedhameeti,” jedhan.
Tarkaanfichi Mooyyaleetti qofa osoo hintaane naannolee daangaa biyyattii hundatti fudhatamaa kan jiru ta’uus himaniiru.
Magaalootni akka Mooyyalee, Jigjigaa, Samaraa, Togocaalee fi Dirre Dhawaas kunneen tarkaanfichi itti fudhatamaa jiru keessaa ta’uu dubbataniiru.












