Puntilaand fi Somaalilaand waajjiraalee qontsilaa Itoophiyaa hin cufnu jedhan

Madda suuraa, REUTERS
Mootummaan Federaala Somaaliyaa qontsilaan magaalaa muummee Puntilaand Gaarooweefi Hargeessaa kan Somaaliilaandiitti argaman akka cufamaniif ajaja dabarsee akka hin fudhanne bulchiinsooti lamaanuu beeksisan.
Mootummaan federaalaa Somaaliyaa mootummaan Itoophiyaa dhimma keessoo keessa galaa jira jechuudhaan Moqaadishootti Ambaasaadarri Itoophiyaa sa’aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahaniif ajajeera.
Kana malees qontsilaawwan Itoophiyaa bulchiinsoota gamtokkoon of bulchan Puntilaandiifi Somaaliilaand keessaa akka cufamniif ajaja dabarseera.
Mootummaan Puntilaand ibsa Jimaata har’aa baaseen, ajaja waajirri qonstilaa akka cufamuun dabarfame kan heera mootummaa Somaaliyaa cabseedha jechuun hojiirra akka hin oolchine beeksiseera.
Akkasumas Deetaan Ministira Dhimma Alaa Somaalilaand ambaasaaddar Roodaa Elmii toora X isaaniirratti akka ibsaniitti, akeekkachiisa mootummaa federaala Somaaliyaa waajjira qontsilaa magaalaa guddoo Somaaliilaand Hargeessaatti argamu akka cufaniif kenne kufaa taasisan.
Motummaan jidduugala Somaaliyaa kan bulchiinsoota hamma tokkeen ofiin of bulchan Somaaliiland fi Puntilaand waliin wal dhabdee keessa gale Ebla 4, 2024 bulchiinsoota lamaaniifi mootummaa Itoophiyaa ilaalchisuun tarkaanfii cimaa fudhachuu beeksise.
Bulchiinsi Somaaliyaa hamma tokko of dandeessu Puntilaand, mootummaa federaalaa Somaaliyaa Moqadiishoo argamuuf beekamtii kennite dhaabuu ishee torbaniin dura beeksisuun ishee ni yaadatama.
Bulchiinsi pirezidant Hasan Sheek Muhaammad Ambaasaadarri Itoophiyaa Muktaar Waaree sa’aatii 72 jidduutti biyyaa akka bahan ajaja dabarsuun alatti, qonstilaawwan biyyattiin Hargeessaa fi Gaarooweedhaa qabdu torban tokko keessatti akka cufamaniif ajaja kenneera.
Haata’u malee, qondaaltoonni bulchiinsoota Puntilaand fi Somaaliilaand murtee mootummaa federaala Somaaliyaa kana akka hin fudhanne dubbataniiru.
Kanaan alattis mootummaan Somaaliyaa ambaasaaddara isaa Finfinneetti argaman ‘‘marii waliigalaatiif’’ Itoophiyaa keessaa akka bahaniif ajajuu Ministeerri Dhimma Alaa fi Qunnamtii Idiladdunyaa Somaaliyaa ifa taasiseera.

Madda suuraa, SOMALIAONLINE.COM
Tarkaanfiin Somaaliyaan ambaasaadara Itoophiyaafi waajiraalee qontsilaa irratti fudhatte kunis kan akka walitti dhufeenya dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu adda kutteetti kan ilaalamuudha jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo tarkaanfii mootummaa Somaaliyaa fudhate kana ilaalchise hanga yoonaatti ifatti kan jedhe hin jiru.












