Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ugaandaan nama qunnamtii saala walfakkaatuu raawwate jedhametti du'a murteessuuf
Lammiin Ugaandaa qunnamtii saala walfakkaatu waliin raawwate jedhamuun yakka cimaa (aggravated homosexuality) jedhuun himatamee adabbiin du'aa itti murtaa'uuf jirti.
Abukaatoon himatamaa ganna 20 kanaa yaada Rooyitarsiif kenniteen, maamilli ishee kun seera haaraa Ugaandaan hariiroo jaalalaa saala walfakkaataarratti Caamsaa darbe baasteen nama jalqabaa murteen itti kennameedha.
Akka waraqaan himannaa dhiyaate jedhutti daraggeessi ganna 20 kun, dhiira ganna 41 dirqiin gudeede. Odeeffannoon dabalata kanaa olii hin dhiyaanne.
Yakka Aggravated homosexuality jedhame jalatti qunnamtiin saalaa ijoollee fi namoota miidhama qaamaa qaban irrati raawwatamu isa tokko.
Namni tokko dirqamaan hariiroo jalaalaa saala walfakkaata uumee namni sun sababa hariiroo kanaan HIV dabalatee dhibee umrii guutuu waliin turuuf saaxileera yoo ta'es yakka kanaan himatama.
Biyyi Baha Afrikaa kun hariiroo jaalalaa saala walaffaakoo gidduutti godhamuufi kaan (LGBTQ) irratti seera akkaan jabaa kan baaste yeroo ta'u namni gocha kanaan himatame hidhaa umrii guutuun adabama.
Seerri haaraan Ugaandaan Caamsaa darbe raggaasifte kun addunyaarratti qeeqa kan itti kaase yeroo ta'u, Baankiin Addunyaa sababa kanaatti liqaa jalqaba ji'a kanaatti biyyattiif kennuuf ture dhiiseera.
Ji'a kana keessa namootni hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa qabaachuun shakkaman hedduun to'annoo jala oolaniiru.
Dargaggeessii amma adabbiin du'aa itti murame, Hagayya 18 ture magaalaa gara Bahaatti argamtu Soroti jedhamtu keessatti mana murtii kan dhiyaate.
Dubbii himtuun Abbaa Alangaa Jaakuweliin Okuwii yaada AFP'f kenniteen dargaggoon kun hanga Manni Murtii Olaanaan murtee kanarratti yaada kennutti mana hidhaa tura jette.
Abukaatoon himatamaa kanaa Jastiin Balyaa seerri farra jallattoota saala walfakkaataa kun heera qabeessa miti jechuun murticha mormiteetti.
Ugaandaan seeraan adabbii du'aa raawwachuu kan hin dhorkine ta'uus yero dhumaatiif nama adabbiin du'aa itti murtaahe kan ajjeefte bara 2005 tti.