Dubartii kaadhimaa waggaa afuriitin adda baate 'beenyaa kanfaliif' jedhamte

Maxxanfame

Yeroo baayyee kan barame, yoo dhiirrifi dubartiin tokko adda bahan dhiiratu duubartiif beenyaa kanfalaaf.

Kan tibbana gara biyya Ugaandaatii dhagahame garuu faallaa kanaati. Dubartiin kaadhimaa isheetiin adda baate maala inni barnootasheef baaseefi kaan akka kanfaltuuf itti murtaa'e. Dubbichisi akkana.

Ugaandaatti dubartiin erga kaadhimaashee wagga afuriif waliin jiraataa turan jidduutti wal dhabdeen umameen booda adda baatee, miidhaa qor- qalbii irraan geesseef beenyaa doolaara 2,550 akka kanfaltu itti manni murti biyyatti ajaja dabarse.

Manni murti Ugaandaa, bulchiinsa Kaanungutti argamu akka jedheetti, namni Riichaard Tumwiine jedhamu kaadhimaasaa kan taate shamarree Forchuneeti Kiyaarikundaa jedhamtu, wayita waliin jiraataniitti akka isheen barnoota seeraa barrattuuf kanfaltiii raawwate hunda akka deebiiftuuf ajaja dabarse.

Haaluma kanaanis baasii Shilingii Ugaandaa miiliyoona 9.4 ykn doolaara 2,550 akkasumas baasiiwwan himannaa kanaaf namtichi kun mana murti namni kun baasee dabalatee beenyaa akka kanfatuun dubartii tanatti murtaa’e.

Abbaan seeraa Asaanaasiiyoo Mukoobii dubartittiin maalaqa nama kanaa akka deebiiftuuf kan itti murtaa’ee sababii, erga wagga afuriif waliin jiraattee garuu balleessaa isaa malee adda bahu barbaaddeef jedheera.  Dubartiittiin Foorchuuneet jedhamtu tunis waadaa nama ishee kaadhimammateef seente waan hin eegneef, maalaqa inni ishee barsiisuuf itti baaseefi baasiiwwan mana murtiitti baasee hundi shalagamee akka kanfaltuuf murtee kennu abbaan seeraa kun murtichaan booda ibsaniiru.

Dubartiittiin tun garuu sababiin isheen kaadhimaa isheetiin adda bahuuf itti murteessites, waan maatiin ishee nama umuriin ishee caaluutti heerumtuuf akka taasisaniif ta’u ibsuun, mana murtichaa amansiisuuf yaalte turte.

Haata’u malee, namni kun osoo ishee deeggaruuf maallaqa hin baasiin dura wayituma walitti dhufeenyi isaanii eegalamu, itti fufuu akka hin barbaadne ibsu akka dandeessu mana murtichaan ibsameera.

Haata’u malee manni murtichaa qabiyyeen dubartiin tun akka yaada falmiitti dhiyeessite ‘‘sababa kan hin taanee, waliin dhahuu fi sobuudha’’ jechuun kufsuun murte dabarseera.

Foortuun murtee amma irratti darbe kana geeddarsiisuuf ol haa iyyattuu haa dhiiftuu ammatti kan barame hin jiru.

Qeeqxoonni tokko tokkoo ammo, sababii waadaan kaadhimamtoonni walii seenan akka warra gaa’ila dhaabbateetti seera qabeessa hin taaneefu, murteen amma darbe sirrii miti jechuun murticha qeeqana jiru.

Haaluma walfakkaatunis, dubartiin garee mirga dubartootaaf falmu ED EASSI jedhamu keessa hojjattu, Shiilaa Kiwaamaaraa akka jettuutti, yeroon itti warri dhiiraa dubartoonni nutti haa heeruman jedhanii maallaqa itti kennaniifis jiraachu kaasuun akeekkachiifte.