Zeleniskiin magaalaa Kersoon kan Raashiyaa harkaa bilisoomte daawwatan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin magaalaa guyyaa tokko dura harka Raashiyaa jalaa bilisoomte dhaqanii dowwatan.
Pirezidaantichi wayita dowwannaa isaaniitti loltoota biyyattii magaalittii keessatti waliitti qabamaniin ''gara fuulduraatti imaluu itti fufna'' jedhaniiru.
Zeleniskiin haasaa isaanitiin nageenyaaf qophii ta'us kaasaniiru.
Waraanni Raashiyaa Yukireen weeraree garaagarummaa guyyoota muraa keessatti ture magaalaan Kersoon to’annoo jala kan oolche.
Ammatti Raashiyaan magaalattii gadhiisee bahuunsaa gama Yukireeniin akka injifannootti lakkaa’ameera.
Erga Guraandhala darbeetii kaasee waraanni Yukireen yoo magaalaa Karsoon deebiisee seenu kun kan jalaqabaati. Lammiileen Yukireenis addabaabayiitti bahuun gammachuusaanii ibsataa jiru.
Pireezidanti Zeleniskiin looltoota isaaniif haasaa wayita taasisanitti ‘‘nageenyaaf qophiidha’’ jedhaniiru.
Pirezidantichi looltoota alaabaa Yukireen mirmirsaa turaniin, ‘‘nageenyi biyya keenya guutuuf’’ haa ta’u jechuu maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.
Pirezidantichi dabaluunis waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jiru keessatti deeggarsa Nato galateeffatanii jiru.
Zeleniskiin madfiiwwan Ameerikaan waraana isaatiif dhiyeessite waraana Raashiyaa waliin gaggeessan keessatti garaa garummaa kan uume ta’u kaasaniiru.
Kersoon bilisa bahuusheetti akka ummata Yukireenitti anis baayyee gammadeera jedhaniiru.
Imalli waraana Yukireen ittaansee garam akkka ta’e kan gaafataman Zeleniskiin, ‘‘Mooskoo miti… daangaa biyya biraarratti fedhii hin qabnu’’ jedhan.
Zeleniskiin kana dura qorattoonni Yukireen loltoota Raashiyaa baqachuun eeddoowwan keessaa bahanitti, yakki waraanaa raawwatan 400 ol argatanii jiru jedhanii ture.
BBC'n yakkawwan looltoota Raashiyaatiin raawwatamaniiru jedhaman mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Raashiyaan loltoonni ishee itti yaaduun namoota nagaa irratti hin xiyyeeffatan jetti.












