US rasaasaa mil.1.1 Iraan harkaa to'atte Yukireeniif kennite

Maxxanfame

Ameerikaan rasaasa gara miiliyoona 1.1 ta’u kan bara darbe Iraan irraa to'atte Yukireeniif kennuu ishee waraanni biyyattii beeksiise.

Ajajaan Jidduugala Ameerikaa (Centcom), kan oppireshinii baha jidduugalaa keessaa dursu, rasaasni kunneenis doonii Mudde keessa Yemen irraa ka’eerraa fudhatame jedheera.

Michoonni Lixaa Yukireen dhiheenya kana, meeshaalee waraanaa Yukireen ittiin fayyadamaa jirtu itti fufiinsaan deegaruudhaaf sararri oomisha isaanii rakkataa jiraachuu akeekkachiisanii ture.

Centcom akka jedheetti,raraansi Iraan kunneenis guyaa Wiixataa Yukireeniif dabarfameera.

Jalqaba isaa meeshaalee waraanaa kunneenis humna galaanaa USn doonii abbaa hin qabneefi MARWAN 1 jeedhamtu irraa Muddee 6 to’ataman jedheera.

Ameerikaanis karaa adeemsa addabbii siiviilii (civil forfeiture) jedhamuufi kan yoo abbaan qabeenyaa kanaa gochaawwan yakkaa keessatti hirmaate ta’e qabeenyasaa ittiin to’atamuutiin, Hagayya keessa abbummaa isaa argatte.

Haala kanaafis, himannaan Garee Eegdoota Waraaqsa Islaamummaa Iraaq, kna humnoota waraana Iraan kan mootummaa biyyattii eeguuf itti gaafatamummaan keennamee irratti dhiyaate.

Centcom ibsa baasee keessatti, Ameerikaan ‘‘michootaafi wal taatoota ishee waliin ta’uudhaan deeggarsa meeshaa hamoo ta’an gara naannichaatti karaa seera qabeessa ta’e taasiftuu hunda dura dhaabbachuun hojjachuuf qophiidha’’ jedhe.

Iraan wal waraansa Yemen keessatti gaggeeffamaa jiruun riphee loltoota Huutuu kan deeggartu yoo ta’u, garuu garee kanaaf meeshaaalee waraanaa kennuun waliigaltee Mana maree Nageenya UN 2015tti dhorkamaadha.

Yemen keessatti wal waraansi bara 2014 yeroo Huutuun magaalaa guddoo biyyattii Sana’aa to’achuun mootummaa biyyattii aangoo irraa kaasan eegalame.

Mootummaan aangoorraa kaafame garuu aang’aa Yemen kan beekamtiin idil-addunyaa kennameef ta’ee ture. Innis Ameeriikaafi UK dabalatee qindoomina biyyoota naannichaa Saawudiin durfamuun deegarama.

Erga wallakkeessa lammataa bara darbeetiin as, Iraan irra deddebiin meeshaa waraanaa, keessattuu diroonii, waraana Yukireen irratti akka fayyadamtuuf Raashiyaadhaa dhiyeessuun himatamaa jirti.

Wiixata darbe ammo, Fooramii Nageenyaa Poolaandi magaalaa Waarsaawtti taa’ameerratti wayita haala meeshaa waraanaa Yukireen biyyoota lixaatiin dhiyaaturratti mari’atameetti, dura taa’aan Koree Waraanaa Nato, waan harkaa qabnu fixachaa jirra’’ jedhanii ture.

Itti dabaluunis, mootummoonniifi dhaabbileen meeshaa waraanaa oomishan, ‘‘haala danda’ameen oomisha isaanii akka dabalan’’ gaafataniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa UK, Jamsi Heepii gamasaanitiin, michoonni Nato galii waranaana biyyaaleessaa isaanii parsantaa lama, amma biyyoota naannichaa hundaan irratti waliigalamee fi bara kana keessa miseensoota 31 keessaa 11 akka raawwatamuuf eegamu, akka kanfalaniif gaafatan.