US ajjeefamuu loltootashee sadii haaloo bahuuf Iraaq fi Siiriyaatti iddoo 85 rukutte

Madda suuraa, Getty Images
Humni waraanaa US haaloo loltootasaa sadii buufataa waraanaa Jordaan keessa jirutti ajjeefaman haaloo bahuuf Iraaqiifi Siiriyaa keessatti iddoo 85 rukutuu beeksise.
Akka gabaasni waraana US himutti haleellaan qindaa'aan kun kan raawwatame Eegdota Warraaqsa Islaamawaa Iraan fi michootasaarrattidha.
Pireezidantiin US Joo Baayidan haleellaan rawwachaa jiran kun ''bakkaa fi yeroo filatanitti'' akka itti fufu mirkaneessaniiru.
US odeeffannoo basaasaa cimaa osoo qabduu hanga loltootnishee ajjeefamanitti eeguufi sanuu barfattee haaloo bahuun waan hin eegamne ta'eera.
Tarkaanfii haaloo bahuu humni waraanaa US halkan edaa fudhate xiyyaarota waraanaa fageenyarraa boombii dhukaasan hedduu fayyadamuun akka ta'e ibsameera. Haleellaan kun iddoowwan xiyyeeffannoon adda baafaman 85 rukuteera.
Ibsi ajaja gidduugaleessaa US baase akka jedhutti meeshaaleen waraanaa iddoo adda baafamana qofa rukutan 125 hojiirra oolaniiru.
Janaraalli US Daaglaas Siims xiyyaarri waraanaa B-1 balalii kallattiin US irraa kaatee haleellaa kana raawwachuu ibsaniiru.
Iddooleen boombiin haleelaman humna hidhattoota Iraaniin deeggaraman dadhabsiisuuf barbaachisoo akka ta'aniis dubbatan.
Haleellaan kun kan itti fufu ta'uufi dhiisuu bulleetu ilaalla jedhaniiru.
Mootummaan Iraaq haleellaa US kanaan namootni nagaan 16 ajjeefamanii kanneen biroo 26 ta'an miidhamuu gabaaseera.
Dubbii himaan Ministira Muummee Iraaq ibsa kennaniin haleellaan US lachiisaanii keessatti raawwatte birmadummaasaanii kan sarbe ta'uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis haleellaan kun nageenyaa Iraaqiifi naannichaarratti balaa hamaa fidee dhufa jechuun akeekkachiisan.
Iraanis gama isheen haleellaan US kun Gidduugala Hahaatti lola uumuuf adeema jechuun cimsitee balaaleffatteetti.
Qaamolee US haleelte kana deeggarti kan jedhamtu Iraan gama isheen haleellaa kana booda ibsa baasteen ''birmadummaafi tokkummaa daangaa biyyoota lamaanii kan sarbeedha'' jechuun cimsitee balaaleffatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaaltotni US hidhattoota Iraaq keessa jiran Iraan dirooniidhaan deeggaraa jirtii jechuun himatu. Dhaabbatni hidhattoota Islaamaa Iraan kun waraana Iraaniin akka deeggaramu amanama.
US daqiiqaa 30 keessatti Siiriyaa keessatti buufataalee afur, Iraaq keessatti ammoo buufataalee sadii haleeluu ibsiteetti. Buufataaleen haleelaman gidduugala ajajaa fi dhiyeessii meeshaalee akka ta'anis ibsameera. Iddoon diroonii itti kuusanillee kanneen haleelaman keessaa akka ta'e gabaasameera.
Ibsa Waayit Haawas baase keessatti,, Joo Baayidan ''Baha Gidduugalaattis ta'e kutaa addunyaa kamuu keessatti waraana hin feenu'' jedhaniiru.
Ammoo warra Ameerikaa miidhuu barbaaddaniif jedhanii dhaamsa dabarsaniin ''Nama Ameerikaa ni miitu yoo ta'e deebii ni kennina'' jedhan.
Iraan haleellaa Jordaanitti loltoota US irratti raawwate keessaa ''harka hin qabuu'' jetti.
Roobii darbe ibsa kan kennan hogganaa olaanaan Iraan Ayaatoolaa Alii Haminii ''roorrifni kamuu deebii malee bira hin darbamu'' jedhaniiru. Yaada kana kan kennan haleellaan haaloo bahuu US eegaluu dura.
Haleellaa kanaan US dachii Iraaniifi wantoota kan Iraan ta'anitti hin buune. Ammoo US torban tokkoo booda haleellaa kana raawwachuun Iraan waliin walitti bu'iinsa hanqisuuf akka ta'e ogeeyyiin ni tilmaamu.












