Affaaritti sababa beelaa daa'imman du'aa jiru

Madda suuraa, MSF
Dhaabbatni gargaarsaa MSF, 'Médecins Sans Frontières' naannoo Affaar keessatti hanqina nyaataan rakkoon hamaan mudachaa akka jiru beeksise.
Baha Affaar naannoo Tigraayiin waldaangessutti lakkoofsi buqqaatotaa guddaa ta'uufi hedduun ji'aaf miillaan imalanii waraana jalaa baqachuu jaarmiyana kun ibseera.
Uummatni kumoota dhibbaan lakkaawamu tajaajila fayyaafi bishaan dhugaatii malee jirus jedheera.
Hanqina nyaataarraa kan ka'e daa'imman du'aa akka jiran kan ibsu jaarmiyaan kun, torbanoota darban daa'imman 35 du'uufi hedduun isaanii hospitaal gahanii sa'aa 48 keessatti akka ta'e ibse.
Guyyoota lama gidduutti daa'imman 41 infeekshinii garaachaaf hospitaala galuus hime.
Rakkoon ammoo ''bishaan boollaati'' jedhan MSF'tti qindeessaan deeggarsa atattamaa Finfinnee jiranii Raafa'eel Viyeech.
Daa'imman hanqina nyaataaf saaxilaman kan bara darbee harka afuriin caala jedheera jaarmiyaan kun.
MSF wanti amma mul'achaa jira haala waliigalaa hin agarsiisuu jechuun hawaasni idila addunyaa deeggarsa dhiyeessu deeggarsa isaa akka hiixatu gaafateera.
Naannoo Affaar keessatti dhaabbilee fayyaa argaman keessaa 20% qofti tajaajila kennaa akka jiraniifi dhaabbatichi haalli jiru hojjettoota isaafis qoramaata ta'uu ibseera.
Affaar keessatti qofa osoo hin taane guutuu biyyaatti yaaddoo hanqina nyaataan walqabatee jiruuf furmaatni atattamaa ni barbaachisa jedheera.















