Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Gaa'ela dhaabbadhaa yookaan hojiirraa ari'amtu'
Yaadni kun tibba kana ijoo dubbii ta'eera. Dhaabbatni keessa hojjattan qajeelfama akkanaa utuu baasee jettanii yaaddanii beektuu?
Kun qajeelfama rifachiisaa hojjattoota warshaa Keemikaalaa Shuntiyaan keessa hojjataniif kan ba'eedha.
Dhaabbanni biyya Chaayinaa kun hojjettoota isaan, ''tokko filachuun dirqamaa'' jedheera. gaa'ela dhaabbachuu yoo kana hin taanemmoo hojiirraa gaggeeffamuu. Murtoon kan abbaati.
Akka qajeelfama hojjattotaf bahe kanaatti, ''hojjataan dhaabatichaa umurii jedhame keessa utuu jiranii yeroo kaa'ame keessatti hin fuune ykn hin eerumne hojii keessanirraa akka gaggeefamuuf jirtan gamanumaan akka beektan isin hubachiifna'' jedha ibsi dhabbatichi hojjettoota isaaf kenne.
Hojjattoonni isaa kamiyyuu umuriin isaanii waggaa 28 hanga 58 gidduu jiran kan hanga yoonaa gaa'eLa hin dhaabbannes ta'ee gaa'ela isaanii hiikanii qofaa jiraatan akka fuudhaniif eeruman qajeelfama dirqamsiisuuuf ba'eedha.
Yeroo murtaa'e keessatti qajeelfama kana hojiirra hin oolchine taanaanis hojii isaaniirraa akka ari'aman akeekkachiifamaniiru.
Yeroon isaaniif kenname ammoo hanga baatii Fulbaana 30 dhufuutti qofa akka ta'e ibsameera. "Yoo sana darbeef garuu akka ofii keessaniin hojirraa of gaggeesitanitti fudhanna'' jedha.
Daangaa umurii dirqamaa fuudhuu ykn eerumuu kaa'uu isaatiinis ta'ee seera akka namni gaa'ela dhaabbatu dirqamsiisu baasuu dhabbatichaan qeeqniifi mormiin adda adda irratti ka'eera.
Dhaabbata Oomisha Keemikaalaa baha Chaayinaa bulchiinsa Shandong keessatti argamu kan Shuntiyan jedhamu keessa hojjettoota gara 1,200 hojjataa jira.
"Hojjattoonni kophaa jiraatan hedduun itti gaafatamummaan kan itti hin dhaga'amneefi amanamummaa kan hin qabnee akkasumallee hin ajajamnedha'' jechuunis himateera.
Qorannoo Fulbanaa 30 booda dhabbatichi taasisuuf karoorfatetti, namni hojjataa dhaabbatichaa ta'ee umuriin isaa daangaa eerame keessa jiruufi gaa'ela hin qabne gaa'ela hin godhatin argame ykn adeemsa gaa'elichaa hin eegalle waliigalteen isaa gaaffi tokko malee akka adda citu murtaa'era.
Kana hordofee qeeqni fi komiin guddaan dhaabaticha kan muudate yoo ta'u, dhaabbatichi qeeqa irratti ka'e booda deebii kenneen, kana kan godhe imaammata mootummaan Chaayinaa dargaggoonni gaa'ela dhaabbatanii ijoollee akka godhatan jajjabeessuufillee akka ta'e eerera.
Kanaaf rakkoo biyyattii lakkoofsi dargaggoota hir'achaa dhufuu ishee mudachaa jiru baraaruf akka ta'e ibse
Biyyattiin sadarkaa dhalootaa fooyyessuu fi imaammata baay'ina ummataa ishee qorachuun tattaaffii taasiftu keessaa tokko barbaachisummaa jaalalaa, hariiroo fi haala gaa'ela irratti kolleejjii keessatti barsiisaa jirti.
Haata'u malee, imaammanni haaraan dhaabbata keemikaalaa hojjattoota isaa dirqisiisee akka fuudhan ykn eeruman baase falmitoota mirgaa biratti qeeqaa fi mormii jabaa kaase tibba kan ijoo dubbis ture.
Mootummaan umurii sooramaa dheeressuuf socho'aa kan jiru yoo ta'u Chaayinaa keessatti dargaggoonni hojii argachuu fi gaa'ela godhachuun daran rakkisaa ta'aa dhufuu lammiileen miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa irratti yaaddoo qaban ibsaniiru.
Akka gabaas Sky News fi NBC News 'tti qondaaltonni Biiroo Humna Namaa fi Eegumsa Hawaasummaa biyya keessaa gara dhaabbata keemikaalaa kana dhaquun dhimmicha erga qoratanii booda , qajeelfamni kun seera hojjataa Chaayinaa cabsuu isaa eeruun akka haqamu ajajaniiru.
Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota haaraa gaa'ela godhatanii bara darbe harka shaniin gadi bu'uu ragaan mootummaa Chaayinaa dhiyeenya bahe kan mul'isu.