Riyaal Maadiridii fi Baayern Muunik haala hin eegamneen injifataman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Joon Duuraan ammas jijjiiramee galuun seenaa haaraa Aston Viilaaf hojjete.

Viilaa Paark irratti injifannoo ajaa'ibaa Aston Viilaaf argamsiise. Baayern Muunik kilaba guddaa Shaampiyoonsi Liigiin seenaa guddaa qabu Aston Viilaadhaan mo'ama tilmamni jedhu baay'ee xiqqaa ture.

Aston Viilaan kubba caalanii taphachuun deehhartoota isaanii gammachiisuuf hin taphanne.

Unaay Imiree haalatti qabxii sadii argatu qofa irratti hojjete. Kunis milkaa'eeraaf jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa.

Aston Viilaan Shaampiyoonsi Liigii duraan 'European Cup' jedhamuun waamamu irratti waggaa 41 dura Baayern Munikiin galchii wal fakkaataa 1-0 mo'ateera.

Yeroo sana xumurri waancichaa Nezerlaandis Rooterdaamitti qophaa'e. Aston Viilaan yeroo sana Baayern Muunik mo'achuun ture shaampiyoonaa Awurooppaa tahe.

Karra eegaa Baayern Munik, Manu'eel Nuweer haala kanaan galchiin irratti yeroo lakkaa'amu argamee hin beeku.

Joon Duraan daqiiqaa 70ffaa irratti jijjiiramee galuun daqiiqaa sagal booda Nuwer sarara isaa irraa bahuu hubachuun gara galchiitti rukutee lakkoofsise.

Aston Viilaan tapha marsaa jalqabaan kilaba Yaangi Boyis jedhamu 3- mo'achuun qabxii sadii argateera.

Baayern Munik tapha marsaa duraan Daayinamoo Zaagireeb 9-2 mo'atee ture.

Amma Aston Viilaan qabxii jahaan baay'ina galchiin qofa caalamee sadarkaa jahaffaarra jira.

Dargaggeessi waggaa 20 Joon Duuraan jijjiiramee galuun Aston Viilaaf bara dorgommii kana qofa galchii shan lakkoofsiseera.

Galchii inni akkoofsisaa ture ammoo daawwachuuf kan namatti tolan. Karra eegaan Viilaa, Emiliyaanoo Maartinez gahumsa jaa'ibaa agarsiisuun Viilaa injifannoodhaan baase.

Kubba galeera jedhaman karra isaarraa deebisuun deeggartoota Viilaa gammachuun burrqqaa akka galan gargaareera.

Haarii Keen gara biyya isaatti deebi'us milkaa'uu hin dandeenye.

Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Riyaal Maadirid kilaba Faransaay Liiliin mo'ame.

Taphattoota jajjaboo adunyaa hedduu kan qabu Maadirid Kiiliyaan Imbaappee waliinis hanga eegame mo'ataa hin jiru.

Maadirid taphoota 36 booda yeroo jalqabaaf mo'amuu isaati. Amajji 18 erga waancaa Koppaa Del Rayii irratti Atileetikoo Maadiridiin mo'amee as tapha tokkoyyuu hin mo'amne ture.

Maadirid bara kanas boqoannaa booda malee isa dura galchii hedduu hin lakkoofsifne.

Joonaataan Deevid rukuttaa peenaaliitii Liil argate galchiitti jijjiiruun dursaa turan. Isa duras karra eegaa Maadirid Andiree Luuniintu oolche malee Liil olaantummaa taphaa fi yaalii gara galchii qabu ture.

Juud Beeliingihaamii fi Endiriik Riyaal Maadiridif gahumsa gaarii agarsiisuu hin dandeenye.Tapha jalqabaan Istuutgaartiin kan mo'atee ture Maadirid tapha itti aanuun ammoo kilaba Jarman biraa Boorushiyaa Doortimondi keessummeessa.

Bara darbe xumura waancaaf dhaqabanii Maadirid injifachuun ture waancaa kan fudhatan.

Doortimond gabatee Shaampiyoonsi Liigii kana dursaa jira. Seltikiin galchii 7-1 mo'teera.

Liiverpuul AC Miilaan booda kileba Xaaliyaanii biraa Bolonyaa mo'achuun qabxii jahaan gahateera.

Arsenaal kilaba Faransaay PSG galchii 2-0 mo'achuun qabxii afurin gahateera. Tapha jalqabaa Atalaantaa waliin qixa xumuree ture.

Leenjisaan isaa dhiibbaa jabaa jala kan jiru Maan Yuunaayitid har'a Poortoo waliin morkata. Erik Ten Haag tapha Awurooppaa Liigii kana mo'achuuf akka nama maraateetti taphachuu qabna jedhe.