Hiree Erik Ten Haagirratti maaltu jedhamaa jira, eenyu bakka bu'uu danda'a?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Maanchister Yuunaayitid Tootenhaamiin haala qaanessaa taheen erga mo'amee yoo xiqqaate taphoota lama torban kana Poortoo fi Aston Viilaa waliin qabaniif Erik Ten Haag waliin itti fufuuf murteessuu kilebichi hime.

Ten Haag jalqabbii gadi bu'aa taheen dorgommii Piriimer Liigii bara kanaa eegale. Yuunaayitid amma sadarkaa 12ffaa irra jira.

Hoggantooni kilebichaa BBC Sport waliin dubbatan waan haaraan murtaa'e akka hin jirree fi akkuma barame tapha Poortoo fi Aston Viilaaf qophaa'aa jiraachuu himan.

Tootenhaamiin erga mo'amanii Teen Haag waa'ee ''hojii isaarraa ari'amuu'' yaadaa akka hin jirre dubbatan.

Isaa fi abbootiin qabeenyaa kilebichaa ejjenoo wal fakkaataa akka qaban hime.

Teen Haag kontiraata waggaa tokkoo dabalataan mallatteessuun hojii isaanii itti fufanis qabxiin argamaa jiru garuu imala kilebichi barbaade kan agarsiisu miti.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan kilebichaa Omar Beradaa leenjisichi deeggarsa isaanii akka qabu himaniiru.

Hoggantoonni kilebichaa waanuma mo'amaniif qofa leenjisaa gaggeessuun dura xiyyeeffannoon haala jiru madaaluu akka barbaadan himaniiru.

Garuu taphni Poortoo fi Aston Viilaa waliin qaban hiree Erik Ten Haag murteessa.

Sir Jim Raatkiliif Maanchister Yuunaayitid "27.7 bituun oppireeshinii kubba miilaa isaa harkatti galfate.

Hoggansa kilebichaa hedduu jijjiiranii gaggeesitoota muuxannoo gaarii qabu jedhan gara kilebichaatti fidaniiru.

Seenaa kilebichaa keessatti taphoota jaha irraa qabxii jaha argachuun isa gadi aanaadha. Garuu bara 2007-08 qabxii wla fakkaataan galmaa'eera.

Erga Sadaasa bara 2021 as Yuunaayitid, galchii tokkollee Oldi Tiraafoordi irratti osoo hin lakkoofsisiin walitti aansee yoo mo'amu kan baraa kun kan jalqabaati.

Ole Gunaar Soolshaayer sababa kanaa hojii isaarraa ari'ame.

Erga Sir Aleeksi Fergusan soorama bahanii as taphoota hedduu galchii sadii fi isaa ol irratti lakkaa'amuun mo'aman.

Fergusan jalatti taphoota 1,035 keessaa taphoota 22 irratti qofa galchii sadii ol irratti lakkaa'ame.

Erga isaan soorama bahanii garuu taphoota 424 keessaa taphoota 23 irratti galchii sadii fi isaa ol irratti lakkaa'amuun mo'amaniiru.

Bara dorgommii kanatti ammoo taphoota wlaiigalaa sagal kessaa kan mo'atan sadii qofadha.

Barana taphataan Yuunaayitid galchii tokkoo ol lakkoofsise hin jiru. Raashfoordi, Amaad, Jooshoyaa Zirkizee, Maatiyaas Diligti, fi Gaancaahoon galchii tokko tokko qofa qabu.

Erit Ten Haag tapha Poortoofi Aston Viilaa wlaiin qaban hin mo'atan taanaan kana caalaa Yuunaayitid keessa waan turan miti.

Leenjisaan Inter Miilaan, Simoonee Inzaagii, leenjisaan duraanii garee biyyaalessaa Ingilaandi Gaarez Saawozgeet kanneen isaan bakka bu'u jedhamanidha.

Gargaaraan leenjisaa Myuunaayitid Ruud Vaan Nilsteruuy bakka bu'uu mala kan jedhus jira.