Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aston Viilaa v Arsenaal- Arsenaal hiree Maanchister Siitiin galamoo irra aana?
Leenjisaan Aston Viilaa Unaay Imiree taphattoota hedduun miidhaa sasalphaa waan qabaniif tapha har'aaf gahuu isaanii ni ilaalla jedhan.
Maat Kaash, Lukaas Diinyee, Daagulaas Luwiiz, fa'aa tapha tokko itti aanu irraa dhorkamuuf kaardii keelloo tokko qofa isaan hafa.
Arsenaal tapha diraamaan guuteen Luuton Taawon erga mo'atanii miidhama taphataa haaraa hin qaban.
Arteettaan har'a tapha Astoon Viilaa waliin taasisan sababa kaardii keelloo sadii argataniif sarara isaaniirra dhaabbachuun hin dursan.
Arsenaal walitti aansuun yeroo afur Aston Viilaa mo'ateera. Aston Viilaan Maan Siitii mo'achuun gahumsa guddaa agarsiisan.
Viilaan taphoota 21 Arsenaal waliin taasisan keessaa dirree isaanii irratti kan injifatan yeroo lama qofa. Innis Bara 2020 fi 2021 keessa ture.
Taphoota torba mo'amuun 12 ammoo qixa xumuran.
Astoon Viilaan dirree isaanii irratti taphoota 14 walitti aansuun mo'achuun rikardii bara 1903 fi 191tti galmeessaniin bara kanas qixa tahaniiru.
Ji'a Guraandhalaa keessa yeroo daqiiqaa dhumaa irratti galchii lama Arsenaal irratti lakkoofsisee fi 4 fi 2'n dhume ture dirree isaanii irratti isa dhumaaf kan mo'aman.
Erga 1932-33 as ammoo yeroo alqabaaf taphoota marsaa jalqabaa saddet walitti aansanii mo'achuuf jedhu. Kun garuu morkii jabaa kana irratti arginu taha.
Taphoota 15 jalqabaa irratti qabxii 32 fi isaa ol kan argatan bara 1980-81 qofa ture. Bara sana ammoo waancaa Piriimer Liigii injifatan.
Bara 2023 keessa waliigalaan taphoota 23 mo'achuun ammoo Arsenaal waliin isaan wal qixxeessa.
Kan isaan caalaa mo'ate Maanchister Siitii qofa yoo tahu, Siitiin bara 2023 keessa taphoota 26 mo'ate.
Leenjisaan Arsenaal maayikil Arteettaan tapha tokko adabamus kana boodas sarara irra dhaabbachuun tapha dursurra taa'uun miira isaa ibsachuu akka hin dhaabne hime.
Arteettaan tapha Arsenaal Luuton Taawon waliin taasisee 4 fi 3'n daqiiqaa dhumaa irratti mo'ate irratti kaardii keelloo waan argeef waliigala sadii waan guuteef tapha Aston Viilaa waliin taasisan irratti argamuun garee isaa hin dursu.
Galchii Deklaan Raayis hordofee Arteettaan miira guddaan ture gammachuu isaa kan ibsate.
Murteessaa Saamu'eel Baaroot miirri Arteettaa irra darbaadha jedhe.
''Arteettaan ''akkamitti akkan of to'adhu hin beeku'' jedhe.
''Yeroo miira guddaa keessa nama galchu ture. Namni hunduu asiif achi utaala, eessa akka jirtuyyuu ni wallaalta, bakka kam keessa akka dhaabateyuu dagatta'' jedhe.Gareekoo dursuu dhabuukootti nan gadda garuu murtoo ilaalanii kennanidha jedhe.
Injifannichi Arsenaal akka dursummaa liigichaa cimsatu isa taasise. Arsenaal galchii 1 fi 0n Niwkaastiliin mo'amuu hordofee yaada kenneen Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz isa himateera.
Kanaafis adabbii guddaan isa eeggachuu mala.