Hamaas namoota ‘Israa’el waliin ta’an’ jedheen lama ajjeesuu hime

Maxxanfame

Lammiileen palistaayin lama kanneen Israa‘eel waliin dhaabbataniiru jedhaman Gaazaa keessatti ajjeefamuu, Ministireerri dhimma biyya keessaa Hamaasiin hogganamu beeksise.

Ibsi ajjeechaa namoota kanneen irratti bahe kunis maqaa namoota ajjeefaman jedhaman kanneenii adda hin baafne.

Ibsichi umurii jaraa qofa kan eeree yoo ta’u, isaanis odeeffannoo lammiileen Paalastaayin akka ajjeefaman taasise kennaniiru jedheera.

Akkasumas namoonni sadii kan biraa himannaa ajjeechaa irratti banamee ture ajjeefamaniiru.

Gareen mirga namoomaatiif falamanis kanaan dura ajjeechaa Hamaasiin raawwatamu kana balaaleeffateera. Hamaas garee milishaa Gaazaa bulchaa jiruudha.

Erga bara 2007 yeroo isaan Gaazaa to’achuu itti labsanii kaasee, Anaga’oonni Haamaas ajjeechaa namoota 27 raawwataniiru. Kana tibbanaa kana malees yeroo dhummaatiin ajjeechaa kan raawwatan Ebla bara 2017 keessa ture.

Dhiiroonni lamaan Israa’eelii basaasuun shakkamanis kanneen bara 2009 fi 2015tti to’ataman yoo ta’u, ‘‘mana murtiitiin qaamoolee alaa waliin dhaabbachuuf balleessaan irratti argameera’’ jedhe ibsi ministeerichaa.

Afuri kan fannifamuun ajjeeffaman yoo ta’u, tokkoo isaa sababii inni miseensa poolisii ta’eef garee loltootaatiin itti dhukaafamuun ajjeefame jedheera ibsichi.

Madden tikaa BBCtti akka himaniitti, namoota ajjeefaman kenneen keessaa tokko miseensa poolisii Hamaas yoo ta’u, Adooleessa darbe keessaa wayita maatiin wal dhabaniitti qawweesaatti fayyadamuun abbaa haadha-warraa fi shamarree wagga 13 kan ajjeesseedha.

Yakkiichi  Kaaba Gaazaa naannawa Beti Laahiyaa keessatti murmii cimaa kan kaasee ture yoo ta’u, kanumaan wal qabatees manneenniifi suuqiiwwan gubatanii ture.

Israa’eel waraana Jidduuga Gala Bahaa bara 1967n Gaazaa to’atte. Bara 2005 keessa ammo loltoota isheefi qubattoota gara kuma totbaa ta’an baafte turte.