Manni Murtii namicha shamarree 'buna jabanaa' danfistu aalbeen ajjeesetti hidhaa murteesse

Maxxanfame

Magaala Finfinneetti namichi shamaree buna jabanaa danfistee gurgurtu “buna daftee naaf kennuu didde” jedhee waraanee ajjeese hidhaa cimaan waggaa 13itti murtaa’uu Ministeerri Haqaa fuula Facebook isaa irratti ibse.

Shamarreen ganna 26 Wasan Lammaa jedhamtu magaala Finfinnee bulchiinsa Qirqoos aanaa 10 iddoo addaa Shallamoo Gibbii jedhamutti 'buna jabanaa' gurguruudhan jiraata turte.

Himanni abbaa alangaa akka ibsutti, yakkamaan Ganzab Taammiruu jedhamu Caamsaa 3, 2014 ALI tti tilmaaman guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 7:00tti bakka Wasan Lammaa buna itti gurgurtu deemun buna akka kennituuf gaafata.

Shamarree Wasan hanga bunni hoo’utti akka eeggatu itti himuun dinnicha quncisuu eegalti. Namni kun buna daftee naaf kennuu didde jechuun billaa harkaa fuudhee ittiin waraanuf jedhee wal’aansoo ittiin qabuu eegala.

Akka Ministeerri Haqaa jedhetti, albee itti kennuu diddee waldhaansoo osoo ittiin qabduu quba ishee ciniinee harkaa baafate.

Sana boda harkaa baatee yeroo fiigdu duuban sarbaa ishee waraanee miliquuf osoo jedhuu hirmaannaa uummataan to’annaa jala oole jedhame.

Wasan mana yaalaa yeroo geessutti dhiigni heddu waan dhangala’eef lubboon ooluu hin dandeenye.

Poolisii fi abbaan alangaa qorannoo gaggeessaniin himatamaa Ganzab Taammiruu jedhamu irratti himata yakka nama ajjeessuu bananiin yakkamaa ta’uun isaa mana murtiitin mirkanaa’era.

Himatamaan kun mana murtiitti dhiyaatee jecha kenneen dhuguma raawwachuu fi garuu ammoo of-ittisuuf akka godhe dubbate.

Manni Murtii Federaalaa dhaddachi Lidataa yakka ajjeechaa qoratu shakkamaa dhiyaate yakkicha raawwachuu mirkaneessuun hidhaa waggaa 13 itti mureera.