Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen haleellaa misaa'elaan loltoota Raashiyaa 400 ta'an ajjeese jette
Yukireen haleella misaa'elaa nannoo bulchiinsa Doneetiskitti raawwatteen loltoota Raasihiyaa 400 ta'an ajjeesuu beeksifte.
Misaa'elli Yukireen furguggifte kun loltoota Raashiyaa magaala Makiivka keessa buufatan irratti kan qiyyaafteedha jedhame.
Angawaan bulchiinsa Doneetisk haleellan raawwachuu mirkaneessanis lakkoofsa namoota du'anii garuu hin ibsin hafan.
Bara haaraa faranjootaatti gaafa Amajjii 1 ammoo Raashiyaan magaala guddoo Yukireen Kiiv misaa'elaafi dirooniidhaan haleelaa oolte.
Angawaa bulchiinsa Doneetisk kan ta'e Daniil Bezsonov akka jedhetti haleellaan misaa'elaa Yukireen raawwatte Dilbata halkan barri haaraan seenee daqiiqaa lama bodadha.
"Dhukaasni guddaan konkolaata dhukaasa misaa'eelaa Ameerikaa MLRS Himars jedhamuun gaggeeffame [mudate]" jechuun misaa'ela US Yukireenif kennite ta'uu akeeke.
"Namoonni du'aniifi madaa'an jiru, lakkoofsi isaanii meeqa akka ta'an adda hin baane," jechuun Telegiraamii irratti barreesse Daniil Bezsonov.
Rogeeyyifi miidiyaalen Raashiyaa haleellaan misaa'elaa raawwachuu amananis lakkoofsi namoota du'aniifi madaa'anii kan Yukireen jettuu gadi ta'uu akeeku.
Gaazexeessaa Raashiyaa kan ta'e Vilaadmir Solovyov, "lakkoofsi [loltoota] du'anii guddaadha, garuu 400tti kan dhiyaatu miti" jechuun Telegiraamii irratti barreesse.
Waraanni Yukireen akka ibsetti loltoota Raashiyaa 400 du'aniin alatti loltoonni 300 ammoo mada'aaniiru.
Bulchiinsi Raahiyaan Doneetisk keessatti hundeessite akka jedhetti jala bultii bara haaraatti Yukireen misaa'ela 25 garasitti dhukaaste.
Yukireen haleellaa kana raawwattee sa'aatii muraasa booda Raashiyaan ammoo misaa'elaafi diroonii fayyadamuun magaala Kiiv haleelte.
Haleellaan Raashiyaan gaggeessite kun bu'uuralee misoomaa sivilii irratti kan xiyyeeffateedha jedhame.
Kantiiban magaala Kiiv akka jedhetti caccabaa diroonii rukutamee kufeetin nama tokkorra miidhaan gaheera.
Haleellaan kun pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin barri 2023 bara mo'ichaafi jireenya idileetti deebi'an akka ta'uuf lammiilee biyyattiif ergaa karaa TV dabarsaniin boodadha.
Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmir Puutin gama isaanitiin ergaa bara haaraa dabarsaniin Rashiyaan walabummaa daangaa isaanii kabachiisuf loluu itti fuftu ni dubbatan.
Yukireen akka beeksiftetti Raashiyaan diroonii Iraan Shahed jedhamu fayyadamuun bu'uuraalee misoomaa haleelaa jirti.
Dirooniiwwan 39 Raashiyaan bobbaaste hunda rukuttee kuffisuu beeksifte Yukireen.
Raashiyaan ji'oota muraasaa as diroonifi misaa'ela fayyadamuun bu'uuraalee misoomaa kanneen akka anniisaa elektirikii haleeluu irratti fuulleffachuu isheetin Yukireen hanqina anniisaa elektirikiitin rakkataa jirti.