Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yoon dursee dhukaase sin ajjeesa ilma koo' -dhaamsa abbaan finciltootaaf lolu, ilmasaa mootummaaf loluuf dhaame
''Yoon dursa dhukaasuuf carraa argadhe, yaa ilmakoo sin ajjeesa,'' jechuun akeekkachiise abbaan ilmasaa waraana Maayinamaar keessa jirutti bilbilaan wayita haasa'u.
Boo Kiyar Yine, diddaa hidhannoon Maayinamaaritti gaggeeffamutti kan dabalame waraanni biyyattii mootummaa karaa dimokiraatawaan filatame Guraandhala 2021 erga fonqolchee booda ture.
Wal waraansi Maayinamaar keessatti uumame kun maatii addaan qoodera.
Abbaan ilmasaa garee waraanaa juntaa aangoo qabateef hiriiree waliin wal lolaa jira.
''Akka abbaa keetti carraa naaf kennuu dandeessa ta'a, ani garuu dhiifama siif hin godhu,'' jedhee ilmasaa Nyi Nyi tti dhaadata.
Ilmi isaa ammoo, "Yaa abbaa koo ani waa'ee kees nan yaadda'a," garuu ''akkan loltuu ta'u situ na jajjabeessaa ture mitii'' jechuun deebisaaf.
Boo Kiyar Yine ilmaan lama waraanatti dabalaman qaba.
Ijoolleesaa lamaan keessaa inni angafaa bilbila abbaa isaatii hin kaasu.
''Waraanni mana namaa gubee mancaasaa jira,'' jedhe Boo Kiyar Yine ilmisaa waraana keessaa akka bahu gaafachuun.
''Waraanni namoota ajjeesa, hiriirtota mormii bahan rasaasan ofeegganoo malee haleela, ijoollee sababa malee ajjeesa, dubartota gudeeda.
Tarii kana atuu ni beekta,'' jedha abbaan ilma isaa waraana mootummaa keessa jiruun.
Ilmi yakka akkasii hin raawwatu jedhee haaluyyuu, waraanni badii inni qaqqabsiisu hammaatera, badiiwwaan qaqqaban galmeeffamaniiru.
Boo Kiyar Yine ilmasaatti bilbilaan erga haasa'ee booda ijoolleen isaa lamaan riphee loltootatti akka dabalaman amansiisuuf yaalaa jirachuu hime.
''Ijoolleen koo kanin itti himu na hin dhaga'an, yoo lolarratti walitti dhufne homaa gochuu hin danda'u, hiree isaaniiti,'' jedhe.
''Baaqelaa abbottee tokko keessa kan mataa lama ykn sadii qabutu jira. Maatii keessattillee kan mataa jabaatu jira,'' jedha.
Boo Kiyar Yine fi haati warraa isaa ijoollee saddeet horatan. Ijoolleen isaanii dhiiraa lama waraanatti dabalamuuf jalqaba yeroo filataman ittiin boonaa turan.
Abbaan isaanii kun ijoolleen isaa leenjii waraanaa xumuranii wayita eebbifaman yaadannoof suurasaanii ol keewwatee ture.
Haati warraan Boo Kiyar Yine, ijoolleen koo lamaan erga waraanatti dabalamanii asitti galii argamsiisuuf jecha miseensonni maatii hundi ooyiruurratti bahanii hojjatu jette.
Otoo walwaraansi biyyattii keessatti hin jalqabiin hojii ijoolleen isaanii bakka Tatmadaw jedhamutti hojjatan maatii isaaniif kabajaa fi galii argamsiisaa ture.
Haata'u malee, fonqolchi mootummaa bara darbee Maayinamaaritti raawwatame haala biyyattiin keessa turte geeddare.
Boo Kiyar Yine, waraanni biyyattii hiriirtoota dimokoraasii leellisan kanneen hidhannoo hin qabnerratti tarkaanfi gara jabumaa wayita fudhatu argee, ijoolleen isaa waraana keessaa akka bahan waamicha dhiyeessef.
Fonqolchi mootummaa gaggeeffamu dura Boo Kiyar Yine qonnaan bulaa ture, takkaa qawwee qabatee hin beeku.
Ijoollen isaa lama waraana mootummaa ta'anis abbaan isaanii, Boo Kiyar Yine, amma hogganaa hidhattootaa ta'eera.