Zelenskiin lammiilee Raashiyaatin Putiin isin balleessaa jira jedhe

Maxxanfame

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin Raashiyaanootaan hogganaan keessan isin balleessaa jira jechuun ergaa dabarseef.

Zelenskiin haasaa Vilaadmiir Putiin wagga haaraa sababeeffachuudhaan namoota uffata dambii waraanaa uffataniif taasiseef deebii yoo kennu, hogganaan Raashiyaa waraanaa dursaa osoo hin taanee isaan duuba dhokataa jira jedhe.

Guyyaa Raashiyaan Yukireen guutuu irratti haleellaa qilleensaa suukanneessaa raawwattetti, lammiileen Yukireen Raashiyaadhaaf dhiifama hin taasifnu jedheera Zelenskiin.

Hogganaan humna waraanaa Yukireen, Vaaleerii Zaaluzhniin, humni qilleensaa biyyattii misaa’eeloota Raashiyaa 20 keessaa 12 kufisuu hime.

Haleellaa Raashiyaa kanaanis namoonni ajjeeffamuufi baayyeen madaa’un himame.

Haleellaa dhiheenya keessa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen tibba qorraa kanatti eddo baayyeetti ibsaa adda kutuun gabaafameera.

Mooskoon irra deebiin namoota nagaa irratti kiyyeeffachu haaluun, Putiin garuu dhiheenya dhaabbilee annisaa murteessoo ta’an irratti haleellaa raawwachu amaneera.

Zeleenskiin ergaa karaa Telegraamitiin dabarseen, qaamni haleellaa jala bulti bara haaraatti raawwatan kanneen namummaa hin qabneefi ‘‘hin milkaa’anis’’ jedheera.

Ergaa lammiilee Raashiyaatiif dabarseesnis, ‘‘Hogganaan keessan akka waan isin dursaa jiruu isinitti agarsiisuuf waraanaa of duba dhaabee’’ jedhe.

Switching from Ukrainian to Russian, he then attacked Mr Putin.

"Haata’u malee dhugaansaa dhokataa jira. Waraana, misaa’eeloota isaa, keenyaawwan jiraattootaa fi masaraawwan duuba dhokataa jira.

"Isin duuba dhokataa jira. Biyya keessaniifi eegeeree keessan gubaa jira. Shorrkaa keetiif omtuu dhiifama siif hin taasisu. Yukireen dhiifama hin gootu’’ jedhe.

Haasaan Zelenskii kunis ergaa Putiin Bara haaraa 2023 ilaalchisuun ummataaf haasaa taasisee tureef deebii kennu irratti kan xiyyeeffate ture.

Pirezidantiin Raashiyaa ummanni akka loltoota Yukireen keessatti waraanaa jiran maddii hiriiran kakaasuuf jecha, eegeereen biyyattii rakkoo keessa jirti jedhe.

Putiin osoo waraanaa waliin ayyaana kabajatuu fi meedaaliiwwan kennuuf mul’ate.

Akkasumas, miira bonuutiin, ‘‘Akkuma yeroo hunda beeknu, har’a birmadummaan keenya, walabummaa fi eegereen Raashiyaa ciminaa fi fedhii keenya irratti akka hundaa’a.’’

Itti dabalunis, daangaa Yukireen weeraruu isaa akka ‘‘ummataa fi lafa seenaa keenya ittisuuf mirgi dudhaa fi seenaa kan keenyaa’’ jedhe.

Akkasumas Putiin Moskoon akka Guraandhala 24 Yukireen weeraru eegaltuuf warra lixaatu ‘dubbii barbaade’’ jechuun komate.

‘‘Warri Lixaa waa’ee nagaa ni soban. Waraanaaf qophaa’aa jira…jechuun amma Raashiyaa dadhabsiisuuf Yukireeniifi ummataatti fayyadamaa jiru’’ jedhe.

Haata’u malee warri lixaafi Yukireen waa’ee dubbii barbaachaa hin fudhatan.