'Deeggartootni ifatti waamicha waraanaa gochaa jiru'

Madda suuraa, Sinoodoosii Oromiyaa
Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaafi sablamoota Itoophiyaa jechun dhiheenya kana hundaa'e, deeggartoonni sinodosii Qulqulluu guddichaa ''waamicha waraanaa ifa ta'e gochaa jiru'' jechuun himate.
Mootummaan gaafatama seera kabachiisuu isaa akka bahatus waamicha godheera.
Sinoodosiin Oromiyaafi Sabaafi sablamoota Itoophiyaa phaaphaasonni haaraa muudamuu beeksiise gara kutaalee lallabaa afran Wallaggatti erguufi deeggarsa hordoftoota amantichaa argachuu dubbii himaan sinoodosii dhiheenya hundeeffamee, Obbo Haayilamikaa'eel Taaddasaa ibsa kennaniin himan.
Phaaphaasoonni gidduugala biyyaa, Arsii fi Iluu Abbaaboori torban dhufu gara kutaa lallabaa isaanii ni deemus jedhan Obbo Haayilamikaa'eel.
Gareen haaraa Sinodosii hundeesse kun ibsa kan baase, haasaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad dhibdee mana Kirsitaana Tawaahidoo Itoophiyaarratti dubbatan hordofee manni kirsitaanichaa dubbicha mormuun ibsa baasuu hordofeeti.
Ministirri Muummee Abiy dhibdee kana salphisanii ilaalan, kan balleesseefi kan dhugaa qabu qixa ilaale jechuun himannaa manni kirsitaanaa baase irratti ''nuti warra badii dalage miti'' jechun morman Obbo Haayilamikaa'eel.
Dhimmichis akkuma MM jedhan salphaafi mana kiristaanaa kan jabeessufi ittiin bulmaata mana kirsitaanaa cabse kan hin qabnedha jedhan dubbii himaan Sinodosii Oromiyaafi Sabaafi sablammiilee Obbo Haayilamikaa'eel Taaddasaa.
''Seera qabeessa taanee raawwanne'' jechuunis deebisan.
Dabalataanis, Phaaphasota muudaman irraa aangoon lubummaa mulqamuun sirrii mitii kan jedhan dubbii himaan kun, ''warra hin malleefuu maqaan kun kennameera jechuun qondaaltota sinoodosichaa sabummaa fi faallaa daneessummaa hojjetan'' ittiin jedhanis balaaleffatan.
''Akka seera cabsineetti wanti haasa'an bu'uura hin qabu. Inummaayyuu isaantu ergama duuka bu'ummaa xiqqeessuu fi cabsuun seera cabsaniiru.''
Manni Kiristaanaa kan hundumaa akka hin taane gochuudhaan seeraa fi heera mana kiristaanaa cabsaniiru.''
'Rakkoo ammaa booda dhalatuuf mootummaan gaafatama fudhachuu qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Aanga'oonni mana kiristaanaa duula maqa balleessii gaggeessaa jiru, namoonni kun tarii humnaan fedha uummataa gufachiisuuf, tajaajila kana gufachiisuuf yaalaa jiru, deeggartoonni isaanii ammoo ifatti waamicha waraanaa gochaa jiru,'' jechuunis himatan.
Sababa kanarraa kan ka'es dureewwan amantichaa dhiheenya muudaman yaaddoo nageenyaa akka qabaatan sababa ta'uu dubbatan. Kanaafuu mootummaan gaafatama isaa seera kabachiisuu raawwachuu akka qabu waamicha godhan Obbo Haayilamikaa'el.
''Rakkoo ammaa booda dhalatuuf mootummaan gaafatama fudhachuu qaba. Mootummaan gaafatama isaa seera kabachiisuu raawwachuu qaba. Sababa kanaan nagaan biyyaa akka jeeqamu hin feenu. Mootummaan atattamaan tarkaanfii akka fudhatu wamicha goona,'' jedhan.
Himannaa manni kiristaanaa paatriyaarkii lammataa muuduu fi teessoo lama hin qabaatu jechuun dhiyeessite ilaalchisees, dhimmoonni kunneen lameenuu wanta garee haaraan kun gaafate ykn raawwachaa jiru akka hin taane himan.
Kitaabolee galatoofi sirna galatoo manni Kiristaanaa hiikeera jechuun sinodosiin ibse qabsoo abbootiin amantaa dursanii dalaganiin hojjetamee jechuun shorri mana amantichaa xiqqaa ta'uu kaasan.
Lallabniifi tajaajilli afaan Oromootin kennamaa jira kan jedhus bakka muraasa qofaadha jedhan. Dabalataanis afaanota sabaafi sablammiilee kaan hin qaqqabnes jedhan.
Yaada Ministirri Muummee Abiy yeroo Manni Lubummaa naannoo Tigraay mana Kiristaanaa irraa fottuquu ibsu 'namni gaafateefi balaaleffate hin turre' jechuun kaasan ilaalchisees, sinodosiin deebii Manni Kiristaanaa lakkii dubbiin gargarii jechuun morme irrattis dubbate.
Obbo Haayilamikaa'eel garuu paatriyaarkii muuduun baratamaa akka ta'e fakkeenya kaasuun ibsanii, loogiin guddaan waan jiruuf malee dubbiin walfakkaata jedhan.












