'Osoon waraana baqadhuu karaatti daheen achumaa ka'ee deemsa itti fufe'

Aarafa Adoom ijoollee dhiiraa sadii sababa waraana Sudaanitti gaggeeffamaa jiruun dhabdeetti.
Daa'ima garaatti baattee, ijoollee hafaniifi lubbuushee oolchuf jettee Sudaan, Daarfur keessaa gara Chaaditti baqachuuf karaa qabatte.
Gaazexeessituu Radio El Geneina kan taate Aarafan fageenya dheeraa miilaan deemtee daangaa Chaad yeroo geessu karaatti ciniinsuun ishee qabate.
“Karaarrattin deessistuus ta'e namni na gargaaru tokkollee hin turre. Namni hunduu waa'eedhuma ofiisaa qofa yaada.
''Hunduu lubbuusaa oolfachuuf jecha fiiga,” jetti Aarafan yeroo ammaa Chaaditti dahannoo baqattootaa keessa kan jirtu.
“Mucaan erga dhalateen booda wayyaan mareen ka'ee deemsa itti fufe,” jetti.
Dubartiin ganna 38 kuni iddoo dhaloota ishee El Jeniinaadhaa kaatee ijoolleeshee dubaraa afur wajjiin aduu akka dhadhaa nama baqsu keessa deemsa fageenya 25km akka deemte himti.
“Yeroon daangaarra gahu baay’ee laafeen ture,” jechuun maqaa mucaashee karaatti deessee Mohaammad jettee akka moggaaste dubbatti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoolleeshee dhiiraa sadan - kan waggaa sadii, torbaafi sagalii - ajjeefaman reeffasaanii illee osoo hin awwalin baate.
Ijoollee kana kan ajjeese ammoo Humna Addaa (RSF) fi milishoota Arabaa isaan waliin lolan akka ta’e himti Aarafan.
Sudaan keessatti bulchiinsi Daarfur waraana kanaan bakkeewwan hedduu miidhaman keessaa tokko dha.
Bakka kanatti hidhattoonni Humna Addaafi milishoonni saba warra gurraacha ta’an achii baasun naannichatti olaantummaan Arabaa akka hundee jabeeffatu sosso'u jedhamuun himatamu.
Daarfuritti hawaasa miidhaan akkasii irra gahu keessaa tokko hawaasa Masaalit jedhamaniidha.
Osoo baqannaarra jirtuu karaatti kan deesse Aarafan Adoom mataanshee hawaasa Masaalit irraa kan dhalatteedha.
“Of-ittisuudhaaf yaallera, garuu meeshaa gurguddaa fayyadamu,” jedha Sheek Mohaammad Yaagub - barsiisaa amantii Islaamaa beekamaafi gaggeessaa hawaasa Masaliit kan ta’e.
Yeroo ammaa innis baqatee Chaad, bakka Adree jedhamu keessa jiraata.
“Naannoo keenya guyyaa tokkotti sa’aatii sadi keessatti namoota 82 dhabne,” jedha.
Humni Addaa (RSF) kan Humna Waraanaa Sudaan wajjiin lolatti jiru haleellaa Daarfur kana keessaa akka harka hin qabne waakkata.
Garuummoo Daarfuritti walitti bu’iinsa Arabootaafi Masaalit irra deebiin ka’uu agarsiistuudha jedheera gareen kun.
Aarafa Adoom akka jettutti ijoolleenshee sadan kan ajjeeffaman Yunivarsiitii El Jeninaa keessatti dahatanii osoo jiranuu haleellaa hidhattoonni RSF fi hidhattoonni Arabaa gaggeessaniini.
Akkasumas firoonnishee hedduu jalaa ajjeefamaniiru.
Aarafaafi abbaan warraashee ijoolleesaanii dubaraa afur qabatanii haleellaa irratti gaggeeffamu baqachuuf erga karaa bu’anii booda abbaan warraashee humnoota RSF fi milishoota Jaanjawiid sodaatee duubatti deebi'uun karaa biraa deeme.

Baqattoonni hedduu akka jedhanitti humnoonni RSF karaa cufuun dhiirota warra Masaalit ta'an ni ajjeesu, kaan ammoo boba’aa itti naqanii gubu.
Boodarra Aarafaafi abbaan warraanshee dahannoo baqattootaa keessatti wal-arganiiru.
Abbaan warraas mucaasaa karaatti dhalateefi gadda ijoolleesaanii sadan du’anii isaan irranfachiisu dubbateera.
Haadha manaa gaggeessaa hawaasa Masaalit kan taate Raakiyaanis ulfa turte, garuu erga buufata baqattootaa Adree miilaan geessee booda mucaanshee jalaa miidhame.
“Dhiiguun jalqabe. Boodarra mataa bowwoon na qabate. Sana booda dhiiguman arge,” jechuun akkaataa mucaanshee itti dhabde himti.
Bakka isaan itti baqatan hospitaalli jiraatus dhukkubsattoota hedduun kan guutamedha.
Warra hospitaalicha jiran keessaa Na'imaa Alii mucaanshee ji'a sagalii isnaayipparii hidhattoota Humna Addaa (RSF)'tiin akka rukutame dubbatti.
Waraana Sudaanitti lammiilee hedduu galaafataa miliyeenaan kan lakkaa'aman buqqise kana dhaabsisuuf biyyoonni Baha Afrikaa humni nagaa kabachiisaa akka bobba'uuf yaada dhiyeessaa jiru.
Humni nagaa kabachiisaa UN fi Gamtaa Afrikaa bara 2021 ture Sudaan, Daarfur keessaa kan bahe.
Waranni Daarfuritti waggaa 18'f gaggeeffame namoota 300,000 galaafatee ture.
Kanaanis gaggeessaa duraanii Sudaan kan turan Omar al-Bashiir Mana Murtii Yakkaa Idiladdunyaatti himatamanii turan.
Humni nagaa kabachiisaa Daarfur keessaa gaafa bahu "mootummaan Sudaan naannichatti nagaa kabachiisuf yaadamee" akka ta'e UN ibsee ture.
Haa ta'u malee, humni nagaa kabachiisaa erga bahee booda, Sudaanitti fonqolcha mootummaafi waraana amma biyyattiitti gaggeeffamutu dhalate.
Humni Addaa (RSF) Mohaammad Hamdaan Dagaloon gaggeeffamu jalqabnisaa Daarfur yoo ta'u sarbama mirga namoomaa achitti raawwateef maqaansaa baay'ee dhahama.

Madda suuraa, AFP
Waraana amma dhalate kanaan hawaasni Masaalit 16,000 ta'an gara Chaaditti akka baqataniif sababa ta'eera.
Naannichatti namoonni meeqa akka du'an ifa ta'uu baatus hanga namoota 5,000 kan ta'an El Jeniinaa keessatti ajjeefamaniiru.
Waldaan Ogeeyyii Faarmaasii Sudaan akka jedhetti, magaalattii keessatti reeffi namoota 11,000 jumlaan awwaalameera.
Baqattoonni tokko tokko ammoo reeffi namootaa osoo lagatti gatamaa jiruu arguu BBC'tti himan.
Hidhattoonni RSF magaalaa hawaasa Fur kan taate Zaalinge saamaniiru. Magaalota Faasher fi Niyaalaa jedhaman marsaniiru.
"Wanti amma ta'aa jiru kan bara 2003 ta'e caala kan hammaatudha," jedhu Sheek Mohaammad Yaagub.
Namoonni sabaan Masaalit ta'an doktoroota dabalatee akka ajjeefaman himu.
Aarafan Radio El Geneina'tti qopheessituu turte. Waraanni akkuma eegaleen humni RSF wiirtuu tamsaasa raadiyoo kana to'atee akka ture himti.
"Dhufanii cabsanii seenuun meeshaa caccabsanii waan danda'an ammoo saaman," jetti.
Amma Chaaditti buufata baqattootaa keessa kan jirtu Aarafan namoonni heddu karaatti biraa akka du'an himti.












