Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ogeeyyii fayyaa Tigraay ji'ootaaf miindaan hin kaffalamneef
Waggaa lama dura osoo humnoota Tigraayiifi mootummaa Federaalaa gidduutti waraanni hin jalqabaniin dura ogeeyyiin fayyaa naannicha keessa turan manni isaanii guutuu, ijoolleen isaanis kan mana barnootaa ooltu, maatiifi firoota isaaniifillee kan hafan turan.
Magaalaa guddoo naannoo Tigraay keessa kan jiraatan hojjettootni mootummaa, barsiisotni fi ogeeyyiin fayyaa jireenyi isaanii ammaa fi kan waraana dura akka wal hin fakkaanne BBC'tti dubbatu.
Ammaan tana waraanni hammaatee tajaajilootni hawaasaa adda citanii deeggarsi namoomaas xiqqaachaa adeemee ''hunduu harka namaa kan eegu ta'eera'' jedhu hojjettootni kun.
Harki amma dura namatti hiixatu kun gargaarsa argachuuf harki isaa diriiraa jira, kan hiree argate ammoo qamadii kiiloogiraama 15 deeggarsaan dhiyaatu argata.
Kaan ammoo waraanni akka dhaabatuufi nagaan akka bu'u kadhata.
Dhaabbileen idila addunyaa akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan waraanni hammaachuun dararaa namoota nagaarra gahu hammeessa jechuun akeekkachiisaniiru.
Miidiyaaleen gara Tigraa akka hin seenne dhorkamuu irraa kan ka'e dhiibbaa waraana kanaa akka ta'utti beekuun rakkisaa ta'eera.
'Buqqaatota waliin hiriireen deeggarsa qamadii fudhadhe'
Hospitaala Ayidar keessatti ogeessa baqaqsanii yaaluu kan ta'an Dr Faasikaa Amdasillaasee ji'ootaaf mindaa osoo hin argatin hafuu isaanii himanii akka carraa dhaabbilee gargaarsaa irraa deeggarsa qamadii fudhachuu isaanii himan.
''Nyaata lubbuu baraaru daa'imman miiliyoonaan jiran dhabanii rakkatan waliin walbira yeroo qabamu ijoolleen koo carraa qabeeyyiidha'' kan jedhan ogeessi kun, suura deeggarsa qamadii dhaabbatni Fannoo Diimaa Idila addunyaa kenneef tiwiitara gubbaatti maxxansaniiru.
''Namootni jireenya gaarii jiraachaa turan barsiisonni...daanditti bahanii argineerra. Hojii humnaa kan hojjetan, daandiirratti kan saamunaa gurguran hojjettoonni mootummaa hedduun jiru.''
Hojjettoonni hospitaalichaa Caamsaa bara 2013 miindaan isaanii kaffalamuu himee baruma san ji'a Waxabajjii keessa humnoonni Tigraay naannicha erga to'atanii miindaan akka hin kaffalamneef dubbatan.
Dr Faasikaan namni biyya alaatii fira qabu deeggarsa achii ergamurratti kan hirkatan ta'us namni hunduu nama alaa isa deeggaru qaba jechuu miti.
Qamadii deeggarsaan dhufe mataa isaa daaksifachuufu maallaqa kan hin qabne jiru jedhan Dr Faasikaa.
Ogeessi maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate biroon ''waahillan koo hunduu rakkoo keessa jiruu'' jedha.
''Amma dura jireenya koo gaggeessaa maatii koo nan gargaara ture. Amma garuu maatii kootu akka ijoollee na gargaaraa jira. Isaan baadiyyaatii waan argatan naa qoodaa jira.''
Narsiin biraanis akkaasuma maatiifi firoota baadiyyaa jiran irraa deeggarsa eeggachaa akka jirtu himte.
''Hojiin tajaajijal fayyaa adda cituu hin qabu jedhee garaa duwwaa gara mana hojii deemuun kukkufaa hojjechaa jira'' jetti.
Hospitaalli Rifaraalaa Ayidar qaama Yunivarsiitii Maqalee yeroo ta'u, Minsiteera Barnootaa jalatti bula.
Dhimma miindaan kaffalamuufii dhabuu hojjettootaa ilaalchisee Ministeerri Barnootaafi Ministeerri Fayyaa yaada akka kennu BBC'n irra deddeebiin bilbilee, dhaamsa barreefamaas ergee deebii hin arganne.
'Garaa duwwaa warra beela'an waldhaanu'
Daa'imman hanqina nyaatan kanneen akka malee miidhaman ta'uufi bara darbe irraa eegalee daa'imman 2,500 ta'an hanqina nyaatan lubbuun isaanii darbuu BBC'n ragaa argateera.
''Ofii beela'aa dhufnee nama hanqina nyaataan miidhame nyaata akkasii nyaadhu jennee gorsuun ni ulfaata. Hospitaalli keessatti hojjennuyyuu sadarkaa cufamurra gaheera'' ogeessii maqaan akka hin ibsamne gaafate.
Narsiin Firee jedhamtu ijoollee waggaa torbaa gadii qabdi. Ijoolleen ishee nyaata dur baran ishee gaafatanii dhiyeessuufi dhabdee dhiphachuu dubbatti.
Daa'imman ishee guyyaan nyaata malee itti bulan jiraachuus himti.
Meedikaal daayireektarri hospitaala kanaa Dr Kibroom Gabrasillaasee ji'a Waxabajjii bara 2022 keessa hospitaalichi hanqina qorichaa fi ibsaa irraa kan ka'e tajaajila dhaabee akka ture BBC'tti himaniiru.
Fireen hojjettootni hospitaalichaa rakkoo dhuunfaa hangamuu cimaa keessa jiraata hojii isaanii dhaabuuf yaadanii hin beekan jetti.
''Mootummaan gaafatama isaa akka hin baane beeka. Garuu ammoo ani yoon hojiirraa hafe lubbuun darbu jira jedhee waanin amanuufin gara hojii dhufa'' jetti.
''Namni baayyeen hanqina qorichaa, nyaataafi Oksijiniin lubbuun isaa darbeera. Ta'uyyuu nama lubbuun oolu oochuu danda'uukoon milkaaheera jedheen yaada'' jetti.
''Narsiiwwan ciree osoo hin nyaatiin dhufanii kufan jiru. Haala baayyee rakkisaarra jirra. nyaata namni biraan fidee dhufi qammasi jedhamtee haati ijoollee koof nyaatan laadhu dhabeen dhufe jettee diddee boosse jirti,'' jedhu Dr Faasikaa.
Sababa rakkoo kanaan kan kadhaatti bahaniifi maatiitti kan deebi'an jiru jedha ogeessi kun.
Ogeessi biraan ''oogumman keenya maallaqni nuu hin kaffalamne jedhamee kan dhiifamu miti'' jedha. ''Asitti warra dhibaman dhiisnee mana taa'uuf sammuun keenya nuuf hin hayyamu.''
''Warra beela'an nyaachisuu dadhabnus warra dhukkubsatan qoricha laannee fayyisuu dandeenya.''
Ogeeyyiin kun rakkoon kun yoom furmaata argata ''malli keenyawoo maali'' jechuun gaafatu.