Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niki Minaaj qoricha sammuu hadoochu qabatte jedhamuun to'atamte konsartiinshee haqame
Raapparii beekamtuun Ameerikaa Niikii Minaaj Poolisii Amistardaamiin to'atamuu hordofee konsartiin muuziqaa UK, magaalaa Maanchistaritti qopheessuuf turte haqameera.
Weellistuun kun qoricha sammuu hadoochu, kan hagas mara cimaa hin taane, qabattee argamtee shaakamuun to'annoo poolisii jala erga ooltee booda adabbiidhaan gadhiifamuu Poolisiin Nezarlaandis ibseera.
Haata'u malee kosartii muuziqaa Sambata kaleessaa magaalaa Maanchistaritti dhiheessuuf turte irratti yeroodhaan argamu dhabuusheetiin sagantichi haqameera.
Deeggartoonni fi dinqisiifattoonni Niikii Minaaj kuma 20 ta'an konsartii muuziqaa kana qophii addaatiin eegaa turan.
Hirmaattonni gariin paawondii 150n tikeetii seensa konsartii bitatanii, hojiisaanii dhiisanii weellistuu kana eegaa akka turan BBCtti himaniiru.
Gurbaan umrii waggaa 17 Eliis Dey bulchiinsa Cheeshaayar irraa ka'ee gara Maanchistar kan imale weellistuu Niikii Minaaj arguuf ture, ta'us karoorrisaa hin milkaa'in hafeera.
Dinqisiifattoonni weellistuu kanaa akka lakkoofsa sa'atii iddoo sanaatti galgala sa'atii 1:00 irraa eegaluun gara galma konsartii akka seenan eeyyamamuufis, weellistuttiin argamuu akka hin dandeenye kan itti himame halkan keessaa sa'atii 3:30 irratti.
Dinqisiifattoonni Niikii Minaaj galma guddicha Manchistar Arena jedhamu gadhiisanii ba'uun dura mufiidhaan sagaleesaanii olkaasanii dheekkamaa turan.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifaman akka mul'isanitti Niki Minaaj waltajjiitti ba'uu wayita qabdu xiyyaarrishee ganaa Amistardaam irraa hin kaane ture.
Weellistuun kun sababa to'annaa isheetiin ala ta'een beellama ishee irratti argamuu dadhabdus, dinqisiifattoonni ishee ''silaa yeroon beeksisuu qabdi ture,'' jechuun komatan.
Erga miidiyaa hawaasaa irratti maxxansiteen Niikii Miinaaj sa'aatii shanii hanga jahaa mana hidhaa yeroo jala turtee fi naannoo halkan walakkaa magaalaa Maanchistar akka galte ibsiteetti.
''Sa'aatiin karoorfadhetti waltajjiitti akkan hin baane gochuuf yaaliin isaan godhan milkaa'eera,'' jechuun fuula X [duraan Tiwiitara] irratti barreessiteetti, garuu eenyuun akka komattu ifatti hin dubbanne.
"Maaloo dhiifama naaf godhaa, waanan isin mufachiiseef garaa kiyyarraa dhiifaman gaafadha, maaloo narraa fudhadhaa" jechuun deeggartoota ishee dhiifama gaafatteetti.
Niikii Minaaj akka jettutti guyyaan haaraan konsartii kanaa Dilbata kan ifoomu yoo ta'u, deeggartoota dursanii tikkeettii bitaniif ''oduu gammachiisaa'' akka jiru dubbatteetti.
Weellistuun kun Sambata waaree booda poolisii Amistardaamiin hidhamuu ishee miidiyaa hawaasaa irratti kallattiin tamsaasaa turte.
Akka viidiyoo isheen gadhiiste irraa hubatamutti, poolisiin tokko "to'annaa jala jirta" jedhee itti hima, weellistuun kunis "Ani qoricha sammuu namaa hadoochu kamiyyuu hin fudhadhu" jettee deebisti.
Raapparii beekamtuun kun fuula X ishee irratti ergaawwan haala ishee mul'isan hedduu maxxansaa turte.
Nezerlaanditti qoricha sammuu namaa hadoochu qabachuu, gurguruun ykn oomishuun seeraan ala ta'us, biyyattiin seera laafaa ta'e qabaachuun beekamti.
Niikii Minaaj Wiixata Birmingham keessatti sagantaa biraa kan qabdu yoo ta'u, itti aansee Landan fi Gilaasgow keessatti sagantaa muuziqaa qabdi.