MM Abiy Ajajaa Humna Addaa Sudaan waliin Finfinneetti mari'atan

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter
Minstirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ajajaa Humna Addaa Sudaan (RSF), Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo, waliin haala nageenyaa fi tasgabbii Sudaanirratti Finfinneetti mari'atan.
Daawwannaan isaanii kuni janaraalonni Sudaan lamaan wallolan yeroo jalqabaaf mariin fuulaaf fuulatti taasisuuf jedhan yeroo biraatti darbetti gaggeeffame.
MM Abiy ajajaa waraanaa Hemeetiis jedhamuun beekaman waliin mari'achuu malee odeeffannoo bal'aa hin kennine.
Hemeetiin gara Finfinnee imaluun dura gara Yugaandaa imaluun Pirezidanti biyyattii waliin mari'ataniiru.
Ajajaan Humna Addaa Sudaan kuni erga egeree biyyattiirratti waldhabuun Janaraal Abdel Fattaa al-Burhaan waliin lola eegalanii ji'a saddeet ta'eera.
Mariin kallattii gartuu jeneraalota Sudaan lamaaniin hogganamu Kamisa har'aa Jibuutiitti taa’amuuf karoorfame sababa ''rakkoo tekinikaan'' ji’a ittaanutti dabarfamuun ibsameera.
Mariin Jibuutiitti taa’amuuf karoorfame yoom akka gaggeeffamu ammatti hin murtoofne.
Waraanni kuni akka karaa nagaan furamu carraaqqiin kana dura taasifamaa ture hin milkoofne.
Ajajaan Humna Addaa Sudaan (RSF) Mohaammad Hamdaan Dagaloo buufata xiyyaara idil-addunyaa Boolee wayita qaqqaban MM ittaana fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonninitu simate.
Torban muraasa dura Ajajaan waraanaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan Finfinneetti MM Abiy waliin mari'atanii turan.
Waraanni Sudaan erga eegalee baatii saddeet lakkaa'ameera. Tibbanammoo waraanichi bakkeewwan biyyattii birootti babal'ataa jira.
Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman waraanni Sudaanitti erga eegale kan ajjeefaman yoo ta’u, namoonni miliyoona torba ol qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii haala Sudaan keessaa addunyaarratti ‘’muddama buqqaatii hunda caalaa hamaa’’ jedhee ibse.
Hemeetiin eenyu ?
Maqaan isaanii Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo ta'us maqaa masoo ''Hemeeti'' jedhuun beekamu.
Al Burhaan fi Hemeetiin bulchiinsa siviilii Abdallaa Hamdook aangoorraa erga ari'anii booda Mana-mare Walabaa waliin hogganaa turan.
Hemeetiin ajajaa humna addaa RSF ta'ee hojjechuu isaaniin Daarfur keessatti sarbama mirgoota namoomaatiin himatamu.
RSF bara 2013 keessa kan hundeeffame yoo ta’u, ka’umsi isaa milishoota Janjaawid irraati.
Mootummaan Sudaan RSF kan hundeesseef wayita waraanni Daarfur keessa turetti miidhaa namoota nagaarraan gahu qolachuudhaaf ta'uu ibseera.
Erga yeroo sanaatii kaasee, Janaraal Dagoloon humna cimaa waraanawwan akka Yaman fi Libiyaa keessatti hirmaataniifi kan albuudawwan warqee Sudaan muraasa to’atan ijaaran.

Madda suuraa, Getty Images
Humni RSF kun ajjeechaa namoota bara 2019 keessaa mormiif bahanii turan 120 dabalatee, mirga namoomaa sarbuudhaan himatamu.
Erga waraanni eegalemoo Lixa Daarfuritti haleellaa sabaratti xiyyeeffatu raawwachuun himataman. Isaan ni waakkatu.
Raayyaa Ittisaa biyyaattiin alatti humni cimaan akkasii jiraachun biyyattii keessatti akka madda tasgabbii dhabiinsaatti jalqabumaa ilaalama ture.
Hemetiin gosa Arabaa warra Chaad irraa kan dhalatan yoo ta’an barnoota sadarkaa tokkoffaatti addaan kutanii gaala daldalaa turan.
Kanaanis daldalaafi sooressa beekamaa ta'uu danda'aniiru.












