Hawaasi idiladdunyaa Libaanos dagateera jedhan Muummeen Ministeera duraanii biyyattii

Fu'aad Siniwooraa

Madda suuraa, BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeera Muummee duraanii Lubaanos bara 2006 waraana Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffame dhaabsisuu keessatti gahee qaban
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Waraana Israa'eliifi Hezbollaa giduutti gaggeeffamuun hawaasi idiladdunyaa Libaanos dagateera jeedhan Ministeerri Muummee duraanii Libanos Fu'aad Siniwooraa.

Gaggeessaa duraanii Libaanos kan ta'an Fu'aad BBCtti akka himanitti hawaasi idiladdunyaa biyyattiin yeroo kuftu taa'ee ilaaluu hin qabu jedhan.

"Amma haala rakkisaa tattaaffii keessafi biyyoota Arabaafi hawaasa idiladdunyaa gaafatu keessa jirra," jechuun hawaasi idiladdunyaa Lobaanosiif akka birmatu ibsan.

"Kuni ta'aa kan jiru yeroo bulchiinsi Ameerikaa dhimma filannootti qabamee jiruttiidha. Nuti carroomnee pirezidaantii hin filanne, sababni isaa gareewwan biyya keessa jiran tokko tokko, keessumaa Hezbollaan, pirezidaantii faallaa isaanii hin dhaabbanne barbaada," jedhan.

Fu'aad Siniwooraa, bara 2006 yeroo Israa'eliifi Hezbollaan wal-lolan muummee ministeeraa Libaanos turan.

Yeroo sana waraanni kan eegale hidhattoonni Hezbollaa daangaa cehuun loltoota Israa'el irratti haleellaa banuun loltoota sadi ajjeesanii lama ammoo butanii fudhatanii ture.

Kanarraa ka'uun Israa'el duula waraanaa ji'ootaf fulla'e Hezbollaa irratti gaggeessitee ture.

Yeeroo sanas Fu'aad Siniwooraa, gaggeessaa biyyattii kan turan, mootummaansaanii haleellaa Hezbollaan gaggeesse keessaa akka hin qabne dubbachuun Hezbollaa irraa of-fageessanii ture.

Gaggeessitoonni biyyattii amma jiran hojii qabatamaa hojjachuu dadhabuusaanii irraa kan ka'e uummatasaanii akka haalan dubbatu Fu'aad Siniwooraa.

"Mootummaan [Libaanos] amma jiru waan mootummaan kiyya yeroo sana [bara 2006] godhe gochuu hin dandeenye. Yeroo sana mootummaan kiyya Hezbollaan daangaa cehee loltoota Israa'el butuuf karoora qabaachuusaa odeeffannoo akka hin qabne ifatti ejjannoo isaa ibsatee ture.

"Amma garuu mootummaan Libaanos sochiin inni godhe tokko hin jiru. [Yeroo sana] waanti nuti goone bu'aansaa, mootummaa Libaanosiifi Libaanos gama tokko, Hezbollaan ammoo gama biraa ta'uu daangaa agarsiisu uumnee turre," jedhan.

Libaanos biyya walabummaanshee sarbame ta'uu shakkii akka hin qabne dubatu gaggeessan duraanii biyyattii Fu'aad.

"Qabatamaan, Libaanos biyya Hezbollaadhan butamteedha. Hezbollaa dudduuba kan jiru ammoo Iraani," jechuun haala biyyisaanii keessa jirtu ibsu.

Waraana bara 2006 Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffame xumura akka argatu gochuu keessatti Fu'aad Siniwooraa nama gahee guddaa qabaniidha.

Waraanichi waliigalteen UN resolution 1701 jedhamuun xumura kan argate yoo ta'u, lafti Kibba Libaanos jiru Laga Litaanii gamatti humnoonni hidhatan akka hin jiraanne kan jedhuudha.

Bakka humnota gama lachuurraa bilisa ta'e kana ammoo humni nagaa kabachiisaa UN akka buufatus walii galtee kana keessatti ibsamee ture.

Haa ta'u garuu, Hezbollaan akkaataa waliigaltee bara 2006 mallattaa'e kabajuu dhiisun naannoo daangaa Israa'elitti hidhattoota bobbaasufi bu'uuraa waraanaa ijaaruu cimsee itti fufe.